Indiyaan lammiileesheetiin waggaa tokkoof warqee hin bitinaa maaliif jette?

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Indiyaan yeroo waraanni dhiibbaa diinagdee hamaa geessisaa jiru kanatti waggaa tokkoof warqee bituu akka dhiisan akeekkachiifaman.
Ministirri Muummee Hindii Naarendiraa Moodii, "Faayidaa biyya keenyaaf jecha, mana keessallee jilli yoo jiraate, waggaa tokkoof faaya warqee bituu dhaabuu qabna," jedhan.
"Jaalalli biyyaa daangaarratti lubbuu ofii wareeguu qofa miti. Bara kana, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dirqamaa fi gaafatamummaa biyyi nurraa eegdu guutuus dabalata,"jedhan,
Moodiin kana kan dubbatan Caamsaa 10 ture. Guyyaa sadi booda, Hindiin qaraxa warqee 6% ture 15%tti ol guddise.
Kun biyya addunyaarraa faayaa fi invastimantii warqeetiin lammaffaa taatef tarkaanfii hadhaawaa dha.
Bara bajataa darbe kan Bitootessa 31 darbe xumurametti qofa biyyattiin faaya sibiilotaa qaqqaalii dolaara biliyoona 72 ta'u alaa galchite.
Hindii keessatti warqeen gama aadaatiin baay'ee barbaadamaa dha, gaa'elarratti bifa kennaatiin kennama, dhaalanis ni darba.
Naarendraa Moodiin, wayita biyyattiin boba'aa gatii qaaliin bitaa jirtu kanatti bittaan warqeetiif sharafa alaa olaanaa baasaa jirti. Biyyi Eeshiyaa Kibbaa Hindiin boba'aa harka 85% alaa galchiti.
Gatiin boba'aa kan waraana Iraan duraarraa 70% dabale. Ulaan Hormuz cufamuun sababa ijoo tokko.

Gatiin boba'aa addunyaarratti baay'ee qaalawuun mootummoota addunyaa dhiibbaa jala galcheera, sababa kanaan baasii qusachuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa jiru. Biyyoonni baay'een qusannaa anniisaa irratti xiyyeeffatanis, Hindiin garuu lammiileen ishee faaya warqee irratti bituu akka dhaaban gaafatte."
Warqeen dhimma diinagdee murteessaa Hindiiti. Biyyattiin hunda caalaa boba'aa fi warqeetti dolaara hedduu baafti.
Fedhiin dolaaraa jiru Ruppiin Hindii 5% akka dadhabu godheera. Kun qaalayiinsa gabaa hammeessa.
"Dameen faayaaf, haalli kun taatee tibba Kooviid caalaa hamaa dha," jedha daldalaa Warqee magaalaa Niw Delhii kan ta'e Sanjeev Agarwal.
daldalaa Warqee kan biraa Abhishek Agarwal, daldaltootaaf "yaaddessaadha", yoo bittaan warqee dhaabbate damdamachuun isaaniif qormaata jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Warqeen Hindii 90% caalu kan ta'u biyya alaa irraa galu ta'uusaa Hogganaan Giddu-gala Imaammata Warqee Hindii Profeesar Sundaravalli Narayanaswami'tti BBCtti himte.
Waggaa waggaan warqeen 600 hanga 700 alaa gala. Kan gala alaa ergamu immoo baay'ee gad aanaa dha. Warqeen kun immoo mana namaa keessatti kuufamee jira," jetti.
Dubartoonni Hindii qofti qabeenya warqee addunyaa keessaa gara 11% akka harkaa qaban himama.
Ta'us, lakkoofsa kana mirkaneessuun baay'ee rakkisaadha, akkasumas tilmaamni namootaa garaagara.
Hindii keessatti, akkasumas addunyaa maratti, warqeen waqtii burjaajii keessa qabeenya amansiisaatti (safe investment) ilaalama. Kunis kan agarsiisu, wayita gaaga'ama diinagdeettillee barbaadamummaan warqee olaanaa itti fufuu danda'a.
Gatiin warqee waggoota dhihootti, yeroo jalqabaaf Amajjii darbe oonsiin tokko $5,000 caaleera.
Warqeen gatii meeshaalee alaa galan biyyattii keessaa gara 9% ta'a.
Faallaa boba'aa meeshaa bu'uuraa miti. Sababiin isaas baay'inaan kan bitamu bifa faayaa ykn investimentiitti malee oomisha indaastiriif miti.
Tana dura Hindii keessatti, wayita gaaga'ama dinagdee warqee alaa galchuu baay'inaan hir'isuuf mootummaan kanaan dura yaaleera.
Kunis kan godhame qaraxa impoortii ol kaasuudhaanii fi carraalee investimentii jajjabeessuufi.

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirama maal fida?
Mootummaan Hindii bitannaa warqee irraa of qusachuu dabalatee, boba'aa hir'isuuf namoonni geejjiba uummataa akka fayyadaman, geejjiba waloo tajaajilaman, manaa akka hojjetanii fi imala alaa barbaachisaa hin taane akka daangessan Ministirri Muummee nMoodiin waamicha godhan.
Kana malees, maatiiwwan zayita nyaataa qusachuu akka danda'anii fi qoteebulaan fayyadama xaa'oo akka hir'isaniif waamicha godheera.
Mootummoonni addunyaa kuunis qaalayiinsa boba'aa hordofee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiru.
Fakkeenyaaf, Sirii Laankaa keessatti sirni kootaa boba'aa konkolaataaf hojii irra oolee jira, akkasumas dhaabbileen mootummaan fayyadama inarjii akka hir'isan itti himameera.
Biyya Taayilaandi keessatti immoo, uummanni fayyadama maashina ho'a hir'isu ( air conditioning) akka hir'isan gaafatameera.
Ijipt suuqiiwwanii fi manneen nyaataa cufsiisuu, Moozaambik immoo lammiileen manaa akka hojjetan ajajje.
Waamichi Moodii garuu adda jedha qorataan Capital Economics Hamaad Huseen.
"Hindiin warqee baay'ee alaa galchuun ishee fi kunis gatii meeshaalee alaa galanii keessaa qooda guddaa qabudha. Kanaafuu, gam-tokkoon, yaada sirrii fi fudhatama qabudha," jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa guutuu?
Hayyoonni diinagdee gara fuulduraatti fedhii warqee Hindii gad kan bu'u yoo ta'e gatii warqee addunyaa irratti dhiibbaa guddaa ni qabaata moo hin qabaatu kan jedhu irratti yaadaan wal qoodanii jiru.
Biyya baay'ina uummataatiin addunyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irratti argamtu fayyadamtuu warqee guddoo waan taateef fedhiin ishee hir'achuun "oomisha gabaa olii" uumuun gatii warqee addunyaa madaala dhorka" jedha Huseen.
Gorsaan gurmuu hayyoota diinagdee Oxford Sebastien Tillett dhiibbaan isaa xiqqaadha jedha. Irra caalaa gatii warqee kan murteessu fedha invastaraa fi burjaajjii ji'oopolitikaati.
Waamichi Moodii gabaa warqee Hindiirratti dhiibbaa jabaa ni qabaata jedha.
"Waamichi isaa dhiibbaa xiqqoo qabaachuu danda'us, bittaa warqee dhaabsisuu caalaa yeroo isaa dheeressuu ykn yeroo biraatti cesisuu danda'a. Warqeen aadaa uummataa fi qusannaa maatii Hindiirraa adda bahuu waan hin dandeenyef jechuu dha."
"Dhiibbaan yeroo gabaabaa kun sababa jijjiirama waytii oomishaatiin laaffachuu danda'a: fedhiin warqee yeroo baay'ee jilootaa gaa'elaa fi ayyaanota gurguddoo ala laafaa dha, kanaafuu gad bu'iinsi akkasii kun yeroo ta'eyyuu uumamuu danda'a ture."
Akka ragaa qondaaltota mootummaa fi hojjettoota indaastirichaa yeroo saniitti daballii qaraxa impoortii warqee kan bara 2013 daldala warqee seeraan alaa dabaluun kan wal qabatu ture.
Xiinxaltoonni waamicha Moodii dhiibbaa kana ni qabaata yoo jedhu, hogganaan paartii mormituu Hindii Rahul Gandhi mootummaan "gaafatamummaa isaa gara uummataatti" dabarsuu dha jedhe.
Waamicha Moodii hordofee indaastirii faaya warqee Hindii mootummaa faana mari'achuuf waltajjii gaafatan.
"Osoo ji'a lama qofa ta'ee, danda'uu malla turre, garuu waggaa guutuun baay'ee ulfaataadha," jedha daldalaa warqee kan biraa Shweta Gupta. "Akkamiin baasii keenya dandeenya?"














