Hubannnoon nam-tolchee 'AI' akkamiin dhiirotni isparmii dhokataa akka argatan gargaaraa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Teeknolojiin hubannoo namtolchee, AI iddoo seelonni sanyii dhiiraa jiru adda baasuun namoota amma dura dhala godhachuu hin dandeessan jedhaman deeggaraa jira.
Maatii waggootaaf dhala malee jiranii fi yaalii of ijibbaachaa jiran akka dhala argatan gargaaraa jira.
Ji'a Sadaasaa darbe keessa Penelopi osoo gara bakka hojiitii gara mana jireenyaa ishee Niiwujersiitti imalaa jirtuu bilbilli tokko bilbilameef.
Kan bilbileef Doktarasheeti. Oduu gammachiisaa isheen dhagahuu barbaaddu bilbilaan itti himte. Yaalii waggoota lamaafi walakkaa booda Penelopi ulfoofte.
Qorannoo hedduudhaan booda ture abbaan warraashee Saamu'eel rakkoo qaccee sanyii dhiiraa kan kiromoozomii X baay'isuun rakkoo uumuun akka hubame kan baran.
Namootni rakkoo akkanaatiif saaxilaman yeroo qunnamtii saalaa raawwatan sanyii dhiiraa baayyee xiqqoo yookaan ammoo sirumaa hin dhangalaasan.
Dhiirotni dhala godhachuu hin dandeenye harki 10 rakkoo akkanaatiif saaxilamoo dha
Jaalalleewwan lamaan guyyaa sana oduu gammachuun mirqaansuu fi amanuuf nama rakkisu kana dhagahaa gara mana isaanii galan. Jaalalleewwan kuni iccitii fayyaa isaaniif jecha maqaan isaanii kan jijjiiramedha.
"Abbaan manaakoo dambalii gammachuutiin guutame. Niboo'e. bakka ammaa kana gahuuf dhamaatii guddaa keessa darbine. Gammachuun keenya daangaa dhabe" jetti Peneloopi.
Ulfaa'uun ishee kuni kan dhugoome mala saayinsii 'Star' jedhamuuni. Mala bakka Isparmiin jiru adda baasuu fi hojiirra oolchuu akka jechuuti. Teeknolojiin kuni qorattoota Yunvarsiitii Kolombiyaatiin argame.
Teeknolojiin kuni bakka isparmii dhokataan jiru adda baasuuf hubannoo namtolchee (AI) fayyadama.
"Baayyee yaadda'aan ture. Ani dhala mataa kiyyaa hin qabaadhu jedhee dhiphachaan ture. Kunimmoo jireenya keessatti waan guddaa tokko dhabuudha" jedha Saamu'eel.

Madda suuraa, Columbia University Fertility Center
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saamu'eel dhala mataasaa argachuuf carraa harka 20 ta'e akka qabutu itti himamee ture.
Dhala dhabuun addunyaa irratti namoota miliyoonaan lakkaa'aman miidha, namoota ja'a keessaa namni tokko yeroo dargaggummaa isaatti dhala godhachuuf rakkoon isa mudata.
Dhala dhabummaaf dhiirootni gumaacha harka 50 ta'e kan qaban yoo ta'u isaan keessaa harki tokko warra sanyiin dhiiraa isaanii dhokachuun rakkatani.
Kana jechuun addunyaarratti namootni miiliyoonaan lakkaa'aman sanyii dhiiraa hammeentaadhaa gadi ta'e qabu.
Amma garuu teeknolojiin hubannoo namtolchee kuni sanyii dhiiraa dhokate kana adda baasuun maatii dhala malee hafuuf jedhanitti abdii horaa jira.
Teeknolojiin 'Star' jedhamu kuni waggoota shaniif qorannoo taasisaa erga turaniin booda maatiin waggoota 20 caaluuf dhala dhabanii of ijibbaachaa turan yeroo jalqabaatiif bara darbe mala Kanaan daa'ima argatan.
Kuni seenaa Zev Wiliyaamsii fi gareen isaa kan yunvarsiitii Kolombiyaa yaadatani guddaadha.
"Namni hundi gammachuudhaan utaalaa ture. Tattaaffii taasifameen bu'aan hammanaa argameera. Amma mala kanaan daa'ima dubaraa tokko argateetti. Waaqa wajjin itti aanee ijoollee hedduun nidhalatu" jedhan.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Columbia University Fertility Center
Wiliyaam qorannoo sirna Star jedhamu kanaa bara 2020 kan eegale hubannoon namtochee akkamiin urjiiwwan haaraa barbaaduuf akka tajaajilu erga dubbiseen booda.
Teleskooppiiwwan ammayyaa halkan dukkana keessa samii keessatti ragaawwan astiroonoomerootni salphaatti argatanii xinxaaluu hin dandeenye adda baasuuf oolan.
Kana garuu maashinoota sirna algoorizimiin hojjetan fayyadamuun daqiiqaa keessatti xiinxaluun danda'ama.
Wiliyaamsii fi gareen isaas saamuda sanyii dhiiraa fudhatan xiinxaaluuf teeknolojii raajii humna olaanaa qabu fayyadaman.
Rakkisaa kan ture fakkiiwwan dhibbaan lakkaa'aman fudhataman keessaa kamtu Isparmii qaba kan jedhu sekendoota keessatti xinxaalanii adda baasuudha.
Kanaaf Wiliyaams fa'a mala 'Maayikiroo filuud chiips' jedhamu fayyadaman. Daawitii mucucaataa hanga rifeensa namaa qal'atu.
Saamudni Isparmii kuni daawitii kanarra akka sololaatu gochuun yeros xiinxalama.
"saamudni fudhatame yeroo kanarra sololaatu sekondii tokko keessatti suurota hanga 300 ta'au kaasna. Kan nuti adda baasnu irra hedduun dhangala'aa qofa osoo hin taane waan akka raacatiiti." Jedhu Wiliyaams.
Akka qorataan kuni jedhanitti sirni Star jedhamu kuni daran cimaa ta'uurraa kan ka'e carraa adda baasuu harka 100 qaba.
Kan Saamu'eel garuu haala rakkisaa dabalataa qaba ture. Yeroo qunnamtii saalaa godhu sanyii dhiiraa hin dhangalaasu.

Madda suuraa, Getty Images
Kanaaf jecha ogeessonni isparmii isaa barbaaduuf teestikilii isaa keessa seenanii qoratan. Teeraappii hormoonii ji'oota sagal fudhateen booda Saamu'eel buufata biraa keessatti qorannoo kanaaf baqaqsanii yaaluu hojjetameef.
Eegasii saamudni fudhatamee wiirtuu Wiliyaams fa'a, Yunvarsiitii Kolombiyaatti ergame.
"Tiishuun baqaqsanii yaaluu kanaan baafamee dhufe sirna Star jedhamu kana keessa akka darbu ta'e" jedhu Dayireektarri laaboraatoorii Yunvarsiitii Kolombiyaa Eriik Forman.
Gama kaaniin ammoo Penelopi ammoo adeemsa hanqaaquu dhalaa adda baasuu keessa darbite. Guyyuma sana sanyiin dhiiraa isheedhaaf kenname. Sababni isaa yeros carraan ulfaa'uu olaanaa waan qabaatufi.
Star isparmii Saamu'eel keessaa saamudha saddeet adda baase. Isparmiin kuni hanqaaquu penelopitti gadhiifame.
Dhuma ji'a Adoolessaa keessa daa'imni isaanii dhalatte daa'ima jalqabaa mala star jedhamu Kanaan dhalatte jalqabaa taate. Kuni waan isaan tasa ni arganna jedhanii yaadan hin turre.
"Amma dhugoomeera. Qorannoon anaatoomii taasifnes wanti hunduu haala gaariin deemuu agarsiisa" jetti penelopi.
Hubannoon namtolchee kuni Sanyii dhiiraa dhokate barbaadanii hojiirra oolchuu qofaaf hin fayyadu.ovaariin hanqaaquu baayyee akka omishu gochuufis hojiirra oola.
Garuu bu'aa fulla'aa ta'e argachuuf ammayuu qorannoon kilinikaalaa dheeraa ta'e taasifamuun barbaachisa jedhanii amanu ogeessonni. Dhimmi ragaawwan fayyaa iccitaawoon akkaataa itti qabaman, itti gaafatamummaa fi eeggannoo ragaa namoota dhuunfaa irrattis hojii dabalataa barbaachisa.
Gama kaaniin qorannoon kuni dhumnisaa milkaa'ina qofa jedhanii namootni akka amanan gochuunis yaaddoo kan biraati.
"Jaalalleewwan waggoota dheeraaf yaalanii dhala dhaban baayyee hawwuurraa kan ka'e qabeenya qaalii isaanii gurguranii qorannoo guutumatti hin mirkanoofne kanatti akka seenan gochuu mala" jedhu UKtti piroofeesarri sirna walhormaataa Sobiyaan Kunbey.
Ulfi bifa Kanaan uumame tokkichuu milkaa'ina guddaadha kan jedhan ogeessi kuni, waa'een kuni guutuutti ibsamuun dura qorannoon dabalataa, fi tajaajilamtoonni dabalataa yaalii godhamuun murteessaadha jedhu.
Saamu'eelii fi haadha warraa isaatiif garuu teeknolojiin hubannoo namtolcheetiin deeggarame kuni maatii isaanii gammachuudhaan akka itti fufsiisaniif carraa uumefii jira.
"Dhugaa dubbachuuf amma gammachuu guddaa qabna. Fuula dura daa'ima dabalataa qabaachuu barbaanna" jedha Saamu'eel











