Filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaa kaleessa gaggeefame akkamiin xumurame?

Dura Teessuu boordii Filannoo Itoophiyaa, Aadde Meelaatwarq Haayiluu

Madda suuraa, NEBE

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filannoo Itoophiyaa marsaa toorbaffaa kaleessa gaggeeffame irratti namoota filachuuf galmaa'an keessaa miliyoona 40 ol sagalee isaanii kennuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Ibsa Walitti qabduun Boordichaa Aadde Meelatewarq Haayiluu halkan walakkaarra miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin iddoowwan rakkoon nageenyaa mudateen ala buufataalee filannootti sirni sagalee kennuu gaggeeffameera.

Adde Meelaatewaq buufataalee filannoo tokko tokko keessatti rakkoo nageenyaa mudateen sagalee kennuun jalqabee kan adda cite jiraachuu himan.

''Buufataalee filannoo Makkoo Saachii rakkoon nageenyaa waan jiruuf sagalee kennuu itti fufuu hin dandeenye.

Billoo Nooppaas akkasuma garuu Boordichi boru haala mijeessee sagalee akka kennan gochuuf murteesera.''

Akkasumas Aadde Meelaatewarq 'Qarsaa rakkoo nageenyaa waan jiruuf akkasumatti tura jedhan

Naannoo Filannoo Kutaa Bar 19 keessaa afur keessatti filannoon hin gaggeeffamne. Kan hafan 15 keessatti sagaleen kennameera,'' jedhan.

''Buufata filannoo Burjii keessatti raawwachiiftonni filannoo ofii isaanii kaardii irratti mallattoo gochuun ofumaan sagalee osoo kennanii waan argamaniif buufanni filannichaa cufameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warra kana godhe irratti tarkaanfii fudhatamuu ammoo Boordichi sichi kan beeksisu taha,'' jedhan.

Dabalataan Aadde Meelaatewar ''Finfinnee keessaatti namoonni uffata siivilii uffatan naannoo buufata filannoo tokko tokkotti argmaniiru gabaasni jedhu nu gahe jennaan qorattoota keenya garas erginee hojmaanni al-idilee argaman jiraachuu hubanneerra'' jedhan.

Gareen kun buufataalee filannoo deemerraa waan argate gabaasa yoo nu geessise murtoo Boordiin dabarsu kan isin beeksifnu taha jedhan.

Guyyaa sagaleen kennamu kana bakkeewan adda addaa irraa komiin dhiyaataa turuus eeraniiru.

Komii dhiyaatan keessaa bakka bu'oonni paartiilee akka gara buufata filannoo hin galle godhamaniiru. Baajii qabatan irratti waraqaa dabalataa gaafatamaniiru kan jedhu akka jirus himaniiru.

Irra caalaan sagalee kennuu yeroodhaan xumurumuu kan himan Walitti qabduun Boordichaa sagalee kennuun sa'aati qabame keessatti kan hin xumuramne magaalaa Finfinnee keessatti yoo tahu Boordichi hordoffii taasisaa turuu himan.

Namoota hiriira irra turaniif sa'aatiin dabalataa kennamuufi lakkoofsi sagalees jalqabamuu himaniiru.

Hanga kaleessa galgala sa'a 2:00tti ''gabaasa nu gaheen namoonni miliyoona 40 tahan sagalee isaanii kennanniiru'' jedhan.

Filannoo Itoophiyaa bara kanaa irratti namoonni miliyoona 54 filachuuf galmaa'aniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti sagalee isaanii Oromiyaa, godina Jimmaa, bakka dhaloota isaanii Bashaashaa, buufata filannoo Harootti sagalee kennan.

MM Abiy erga sagalee isaanii kennaniin booda hirmaannaan ummanni filannoo kanarratti agarsiisaa jiru akkaan dinqisiifachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Adeemsa dimokiraasii biyyattiin ijaaraa jirtu gufachuusuuf yaaliin gara garaa taasifamus, ummanni Itoophiyaa hololaaf osoo gurra hin kenniin sagalee isaa kennaa jira jedhan.

Gamtaan Afrikaa fi IGAD filannoo waliigalaa Itoophiyaa kana taajjabaniiru.

Gama biraan ammoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa miidiyaaleen Boordichaan galmaa'anii filannoo gabaasaa turan naannoolee muraasa keessatti hojii isaaniirraa akka dhorkaman beeksise.

Kaleessa Dilbata, gaazexessitoota muraasa qophii filannoo hordofuuf buufataalee filannootti yeroo socho'an hojjettoota filannoo fi humnoota nageenyaan dhorkamuu Boordichi ibseera.

Dr Abiy Ahimed MM duraanii Obbo Haayilemaariyaam Dassaaleny sababa mormii bulchiinsa AWDUI mudateen aangoo gadhiisuu hordofee bara 2018 gara aangootti dhufe.

Filannoo marsaa jahaffaa bara 2021 gaggeeffameen paartiin Badhaadhinaa taa'umsa paarlaamaa biyyattii 410 injifachuun waggoota shanan darbaniif aangoo irra ture.

Filannoo kana irratti paartiin taa'umsa Paarlaamaa 547 keessaa 274 argate mootummaa ijaaruun waggoota shanan dhufaniif biyyattii gaggeessa.

Filannoon kun sababa rakkoo nageenyaan naannoo Tigiraay keessatti hin gaggeeffamne. Kun marsaa lammaffaaf mudachuu isaati.

Naannoon Oromiyaa iddoowan tokko tokkoo fi naannoo Amaaraa keessas walitti bu'insi hidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamaa ture.