Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan adeemsi waliigaltee nagaa Ameerikaa waliin taasifame deebisuu jalqabame akka hin jirre ibsite

Carraaqqiin waraana Baha Giddugaleessaa keessatti deemaa jiru dhaabsisuuf Iraan fi Ameerikaan waliigalteerra akka gahan gochuu sababa wal gaarerfannaa gidduusaanii jiruun ammallee itti ba’isaa hin baramiin jira.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Ulaa Hormuuz to'annoo koo jala jira jetti, US immoo lakkii to'annoo koo jala jetti

    Hogganaan humna addaa Baasiij, Huseen Taa'ib, Kamisa Ulaan Hormuuz "to'annoo fi bulchiinsa Iraan jala jiraachuu" dubbachuu isaanii Rooytarsi Miidiyaa gariin kan mootummaa ta'e Fars News Agency wabeeffachuun mirkaneesse.

    Yaadni qondaala kanaa Piredant Tiraamp Ulaan Hormuuz "guutummaa to'annoo US jala jira" jechuun miidiyaa hawaasaa ofiisaaniirratti barreesuu booda dhagahame.

    "US Ulaa Hormuuz guutuutti to'attee jirti. AKKAN YAADUTTI ITTI FUFNA! Uggurri humna galaanaa keenyaa akka hunduu jedhe "DALLAA SIBIILAA TI," Iraan homaa gochuu hin dandeessu" jedhe Tiraamp.

    "Humna Galaanaa hin qaban, Humna Qilleensaa hin qaban, loltoonni hafan mindaa kaffalamuufuu hin qaban, humni Eegdota Warraaqsaa Iraan burkutaayeera, dooniiwwanii fi "hoggansi" isaa shakkii keessa jira. Maallaqa hin qaban. Biyyattiin rukutamte" jedhan Tiraamp yaada Truth social irratti Hagayya 12, 2026 barreessen.

  2. Ameerikaan yaada Isra'el loltootashee Libaanos keessa tursiisuu qeeqxe

    Ameerikaan yaada Israa'el loltootashee kibba Libaanos keessa tursiisuuf qabdu qeeqxe.

    Qeeqni Ameerikaan kun kan dhaga'ame Ministirri Ittisaa Israa'el kan ta'e Israa'el Kaatiz loltoonni biyyattii kibba Libanaos keessa akka turan dubbachuun boodadha.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka jedhetti, Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajuun bakka qabatte keessaa akka baatu eega.

    Kaatiz yaada kana kan kenne wayita kibba Libaanos daawwatee humnoonni Israa'el bakka qabatan keessaa manneen akka itti fufanii diigan mirkaneessetti ture.

    Ministirri Muummee Libaanos Nawaaf Salaam ammoo gochi Israa'el manneen diiguu seera idil-addunyaa kan diigudha.

  3. Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?

    Tibbana miiidiyaalee hawwaasaa irratti xiyyaara waraanaa Itoophiyaati kan jedhame kufee caccabuun dubbii ijoo taheera.

    Kaan suuraa fi viidiyoo qooduun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootu kuffiise jechuun qoodan.

    Mootummaan Itoophiyaas tahe Humni Qilleensaa biyyattii dhimma kana ilaalchisee ibsa kenne hin qabu.

    Humna Qilleensaa irraa odeeffannoo argachuuf BBCn yaalee hin milkoofne.

    Jiraattonni aanaa Booraa BBC'n dubbise xiyyaarri waraanaa kufuu dhageenyeerra. Gaafa Kibxataa akka kuftee caccabdee fi paayileetonni paaraashuutiin keessaa akka bahan dhageenyeerra'' jedhan.

    Jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kunneen qaamaan bakkicha deemnee arguu baannus dhugaa tahuu mirkaneeffanneerra jedhan.

  4. Iraan adeemsi waliigaltee nagaa Ameerikaa waliin taasifame deebisuu jalqabame akka hin jirre ibsite

    Carraaqqiin waraana Baha Giddugaleessaa keessatti deemaa jiru dhaabsisuuf Iraan fi Ameerikaan waliigalteerra akka gahan gochuu sababa wal gaarerfannaa gidduusaanii jiruun ammallee itti ba’isaa hin baramiin jira.

    Aanga’aan Iraan Rooyitarsitti akka himetti, waliigaltee nagaa yeroodhaaf Waxabajji keessa irra gahame yaaliin hojiitti akka hiikamu gochuurratti fooyya’insi taasifame hin jiru.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa:

  5. ASHAMAA

    Toora oduu kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    • Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu
    • Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?
    • Dirooniin 'humnoota Tigraay sadii ajjeesee, torba madeesse'
    • Yaaddoo Iraan Tiraamp konkolaataa nyaata baatu keessa dhokachuun xayyaara akka jijjiiratan taasise
    • Himatamtoonni dhimma isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti miidiyaarrattii ibsa kennuu danda'uu?

    Kanneen jedhaniifi kaan biroo argattu.

    Dhiyaadhaa!