Naayijeeriyaan loltootasheef mindaa %80 dabaluuf murteessite
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu mindaan loltoota biyyattii %80 akka dabalamuuf ajaja dabarsan.
Daballiin mindaa kun ji'a tokko keessatti si'a lammaffaaf kan taasifame yoo ta'u, humni waraanaa biyyattii humnoota yaaddoo nageenyaa ta'an loluurratti milkaa'ina guddaa argamsiisaniif "galafeechuufi" jedhan Pirezidaant Boolaan.
Ji'a Adoolessaa keessa Ministeerri Ittisaa biyyaattii loltoota gulantaa gadiirra jiraniif daballii taasisee ture.
Dabalataan amma daballiin mindaa %80 akka taasifamu pirezidaantiin biyyattii ajaja dabarsaniiru.
Pirezidaant Boolaa Tinuubuu loltoota biyyattiif mindaa dabaluunsaanii, yaaddoo hidhattoonnifi 'baandawwan' nama butuun yakka garaa garaa raawwatan dura dhaabbachuuf hamilee loltootaa kakaasufi jedhame.
Biyyattii keessatti yaaddoo hidhattoonni garaa garaa uumaa jiran dura xiqqeessuuf, Pirezidaant Boolaa Tinuubuu ji'a darbe loltoonni dabalataa 28,000 akka leenji'an ajajuun kutaan waraanaa haaran afur akka ijaaramus ajajanii ture.