Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaan uggura sochii galaanarraa Iraanirra keesse kaaste

Waraana dhaabuuf pirezidaantiin Ameerikaa fi Iraan waliigaltee mallatteessan. Waliigalteen kun waliigalteen ammuma waraanaa dhaabuu hojiitti hiikamu yoo tahu Faransaayitti wal mallatteessan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. "Tiraamp waliigaltee US-Iraan danquuf karoora qaba" - gabaasa

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuun Waliigaltee Wal-hubannoo USfi Iraan walii mallatteessan karoora qabaachuusaa tiki Ameerikaa irra gahuu miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.

    Gabaasa Washingtan Post waabeffachuun miidiyaan Israa'el kun akka gabasetti, Netaaniyaahuun waliigaltee biyyoonni lamaan waliif mallatteessan danquu akka danda'u tiki Ameerikaa bira gahuun Tiraamp beeksisaniiru.

    US waliigaltee Iraan waliin taasiste kanaan Israa'el hin hirmaachisne, ittiinis hin mariyanne. Keessumaa Libaanositti haleellan Israa'el akka dhaabbatu waliigaltee US-Iraan keessatti dabalamuun Israa'el heddu dheekkamsiise.

    Dhimmi Israa'eliin yaaddesse kan biraa waa'ee misaa'eloota Iraan. Fedhiin Israa'el kun waliigalticha keessatti hammatamuu dhabuun Israa'eliif hin liqimfamne.

    Kuni ammoo keessodhaa bulchiinsa Netaaniyaahuu irratti qeeqa guddaa kaasuun akka waan harka laatetti komatamaa jira.

    Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, Israa'el Libaanos keessaa akka hin baane Netaaniyaahuun irra deddeebiin ibsaa jira.

    Iraan ammoo Israa'el Libaanos keessatti haleellaa gaggeessuu dhaabuu qofa osoo hin taane waraanashees achii hin baastu taanan, US itti gaafatamti jechuun akeekkachiiste.

    Netaniyaahuun dhimma Libaanos kana fayyadamuun waliigaltee US-Iraan danquu akka danda'u ibsame.

  2. Namichi Hoolotatti Abbaa Seerafi haadha warraa ofii dhaddacharratti ajjeesee ture of-ajjeesuun himame

    Namichi jalqaba ji'a kanaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti Abbaa seerafi haadha warraa ofii dhaddacharratti rasaasan rukutee ajjeese mana yaalatti gamoorraa of-darbatee of ajjeesuu Maanni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksise.

    Himatamaan Obbo Aqinaaw Baqqalaa jedhamu kun gaafa Waxabajjii 4, 2026 dhaddacharratti Abbaa Seeraa Warqee Fakkansaa jedhamtuufi haadha warraa ofiisaa rasaasan erga rukutee booda ofiisaattis dhukaasuun miidhaa irra gaheen yaalamaa turuufi bakka itti yaalamaa ture Hospitaala Phaawuloositti "darbii sadaffaarra of darbatee of ajjeese" jedha ibsi Mana Murtii Waliigala Oromiyaa har'a baase.

    "Ajjeechaa Aadde Warqee Fakkansaan wal qabatee poolisiin qorannoo gaggeessaa kan ture yammuu ta'u, guyyaa har'aa yaaliii isaa xumuree hospitaalaa baafamuuf qophiin taasifamaa yeroo jirutti foddaa irraan of darbatee akka of ajjeese," jedha ibsi manni murtichaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse.

    Aanaa Walmaraatti Abbaan Seeraa Adde Warqee Fakkansaa gaafa Waxabajjii 4, 2026 murtee dhimma Obbo Aqinaaw Baqqalaafi haadha warraasaa osoo dubbisaa jiranii dhaddacharratti himatamaadhuma kanaan ajjeefamuu hordofee dheekkamsa kaasee ture.

  3. "Ministiirri Muumme Xaaliyaanii suura si wajjin ka'u malee jettee na kadhatte" -Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waa'ee Ministiira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii ilaalchisee yaanni inni kenne dheekkamsa kaase.

    Tiraamp torban kana wal-gahii biyyoota badhaadhanii G-7 jedhamuun beekamu irratti hirmaachuuf yeroo gara Faransaayi deemetti, "Joorjiyaa Meloonin suura si wajjin ka'u malee jettee na kadhatte," jechuun miidiyaa Xaaliyaanitti dubbate.

    Dabaluunis, "gaddeefiin tole jedhee wajjin suura ka'e" jechuusaa hordofee mootummaan Xaaliyaanii itti mufate.

    "Ani ishee waliin haasa'uu kootti baay'ee itti toleera natti fakkaata, ishee waliin haasa'uu hin qabun ture," jedhee miidiyaa Italian TV jedhamutti dubbachuusaa CBS News gabaase.

    Gabaasa kana hordofee Ministiirri Muummee Xaaliyaanii Melooniin deebii kenniteetti. Ergaa viidiyoo gabaabaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansiteen, yaada Tiraamp kennetti gadduu ibsuun, dubbiin Tiraamp waa'eeshee dubbate dhugaarraa kan fagaate ta'uu kaaste.

    "Anis hin kadhadhu, Xaaliyaaninis tasumaa [nama] hin kadhattu. Pirezidaantiin USA biyya michootasaatti amala akkasii maalif akka agarsiisu naaf hin galu.

  4. 'Israa'elii fi Hezboolaan dhukaasa dhaabuuf waliigalan' - Aangawoota US

    Israa'eliifi Hezboolaan dhukaasa dhaabuu aangawoonni US BBCtti himan.

    Dhukaasa dhaabuun kun Jimaata akka sa'aatii biyyaatti 10:00 kaasee hojiirra oola.

    Waraanni Israa'el (IDF) gama isaatin lolli Hizboolaa waliin dhaabbachuu mirkaneesse.

    Dubbii himaan Waraana Israa'el , Birgaader Jeneraal Effie Defrin, "Dhukaasa dhaabuu keessa jirra. IDF yoo ergamaaf waamame loluuf qophii dha" jedhan.

    Israa'el kaleessa halkan kibba Libaanositti haleellaa raawwatteen namoota 47 ajjeesuu fi 97 madeessuu ministeerri fayyaa biyyattii beeksise. Israa'el gama isheetiin loltoonni afur haleellaa hidhattoota Hezboollaatiin jalaa ajjeefamuu beeksifte.

    US fi Iraan waliigaltee mallatteessuu hordofee, walitti dhufeenyi Doonaald Tiraamp fi Muummee Ministiraa Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu gidduu jiru kan laafe fakkaata.

    Wiixata kaleessaa yaa'ii G7 Faransaayitti gaggeeffame irratti kan dubbatan Tiraamp, Netaaniyaahuun "nama gaariidha" garuu yeroo tokko tokko "dafee mirqaana" jedhe.

    Neetaniyaahuun kun "suuta deemuun akka isa barbaachisu" dubbate Tiraamp.

    Tiraamp, itti dabaluudhaan: "Yeroo hundumaa namni Heezbollaah tokko yoo itti seenu gamoo diiguun si hin barbaachisu," jedhe.

    Garuu kaleessa, Itti-Aanaa Pirezidantii J.D. Vaans, mormii miseensonni kaabiinee Israa'el waliigaltee Iraanii fi US irratti taasisan akka hin jaallatin gaazeessitootatti himaniiru.

  5. Haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessiteen namoonni 18 du'uu hordofee Iraan akeekkachiifte

    Humni waraanaa Israa'el halkan edaa haleellaa Kibba Libaanositti gaggeesseen namoonni 18 du'uu ministeerri fayyaa biyyattii beeksise.

    Gama biraan ammoo loltoonni Israa'el achuma Libaanos keessatti ajjeefaman.

    Humni Waraanaa Israa'el ibsa baaseen, Hezbollaa irratti xiyyeeffachuun bakkeewwan 80 haleeluu ibse.

    Haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessitu hordofee Iraan akeekkachiiste. Akkaataa waliigaltee US-Iraanitti, haleellaan Israa'el Libaanos keessatti gaggeessitus dhaabbachuu qaba.

    Haa ta'u garuu Israa'el Libaanos keessaa akka hin baane beeksiste. Waraanni Israa'elifi Hezbollaan walitti dhukaasuu hin dhiisne.

    Haleellaan Libaanos keessatti gaggeeffamu waliigaltee US-Iraanitti gufuu ta'uu mala sodaa jedhu uumee jira.

    Haleellaa halkan edaa Israa'el kibba Libaanos keessatti gaggeessiteen namoota 18 du'aniin alatti 33 madaa'uu ministeerri fayyaa Libaanos ibse.

  6. Niijeer keessatti hidhattoonni haleellaa buufata xiyyaaraatti bananiin nama 35 fixan

    Niijeeritti Kamisa hidhattoonni buufata xiyyaaraa guddicha biyyattii haleeluu hordofee namoonni 35 ajjeefamuu aangawoonni himan.

    Kun ji'oota shan keessatti haleellaa isa guddaa kan biraa ti. Ji'a shan dura Istaadiyoomii rukutamee ture.

    Jiraattonni biyya ummatni musliimaa itti baay'atu tanaa BBC'tti akka hawaasni akka kadhannaa ganamaa irraa baheen dhoo'insi dhagahame. Dhohinsi kun Buufata Xiyyaaraa guddaa biyyattii magaalaa teessoo mootummaa Niamey keessatti argamu Diori Hamani International Airport keessaa dhagahame.

    Ministirri Ittisaa Niijeer hidhattoota haleellaa banan 22, loltoota 11 dabalatee fi namoota nagaa lamatu du'e jedhan.

    Kamisa waaree booda, gareen Jama'at Nusrat al-Islam wal-Muslimin (JNIM), kan hidhata networkii al-Qaeda haleellaa kanaaf gaafatama akka fudhatu beeksise.

    Niijee waggoota kudhanii oliif hidhattoota garee finxaalessaa Islaamummaa lolaa turte.

    Amajjii darbe, gareen IS waliin hidhata qabu kun haleellaa buufata xiyyaaraa kanarratti raawwatamee tureef gaafatamummaa fudhatee ture.

    Haleellaan tibbana buufata xiyyaaraa irratti raawwatame gara ganamaa to'annoo jala oole. Humnoonni nageenyaa adamsaa jiru.

    Jiraataan ollaa buufata xiyyaaraa kanaa Lawalli Tsalha, BBCtti yoo dubbatu:

    "Sa'aatii 11:50 irratti kadhannaa goolabne, battaluma dho'iinsa guddaa dhageenye,wayii akka dhohe nutti dhagahame, tarii gommaa ta'a jennee turre."

    "Battaluma waa akka mudate nuu gale"

    Buufatni xiyyaaraa kun akka buufata waraanaattis ni tajaajila, iddoo tarsiimawaa Niijer ture"

  7. Mariin fuullee Iraanii fi US yeroo hin beekamneef dheerate

    Pirezdantii itti aanaan US, JD Vaans imala gara Siwiizerlaand keessaa hafuu hordofee mariin US fi Iraan fuulleetti wal arganii gochuuf turan dheerate.

    Waayit Haawus Vaans imala Siwiizerlaand haquu Kamisa kan beeksise yoo ta'u, Waayit Haawus "loojistiksiin imalaa salphaa fi tilmaamuuf salphaa hin turre" jedhe .

    Kun kan dhagahame US uggura galaanaa Iraanirra keesse kaastee guyyaa tokko booda. Biyyoonni lamaan waliigaltee wal hubannoo walitti bu'iinsa dhaabuu mallatteessanii booda US uggura kan kaafte.

    Waliigaltichi lolli Libaanos keessaas akka dhaabbatu kan eeru yoo ta'u, Israa'el garuu lola Libaanos keessaa hin dhaabne. Ministeerri Fayyaa Libaanos halkan edaa haleellaa kibba Libaanositti raawwatteen namoota 18 ajjeesuu hime.

    Waraanni Israa'el Hezboollaa irratti xiyyeeffachuun akka haleellaa raawwatu hima. Loltoonni isaa afur jalaa ajjeefamuusaas hime.

    Waayit Haawus ibsa baasee sa'aatiiwwan muraasa keessatti miidiyaan Libaanos kan Hezbollaah waliin hidhata qabu mariin sababa haleellaatiin adda cituu gabaase.

    Jilli Iraanii fi Iraan "marii teknikaa" Ameerikaan jettee waamtuuf wal arguuf ture. Mariin kunis waayee tarkaanfiiwwan waliigaltee mallattaayee irratti mari'achuuf ture.

    Garuu Waahsingtan "karoorri dubbii marii keenyaa hin goolabanne" jette.

    US "dhiyootti marii jalqabbii haasawa teeknikaa ni eegalti" jedha.

  8. Netaaniyaahuun Israa’el Libaanos Kibbaa keessaa akka hin bane ibse

    Ministirri muummee Israa’el Beniyaamiin Netaaniyaahuu waraanni biyyattii bakka “qaxanaa nageenya eegisisuu” jedhan Libaanos Kibbaa keessaa akka hin bane beeksise.

    “Akkuma naannoowwan Gaazaa waliin wal daangeessan keessatti nageenyaa fi badhaadhina mirkaneessine, gandootaa fi magaalota Israa’el Kaabaa keessattis nageenyaa fi badhaadhina ni kabachiifna,” jechuun eebba daandii tokkorratti dubbate.

    Kana mirkaneessuuf, “Libaanos Kibbaatti bakkawwan waraanaan ala ta’an keessaa duubatti akka hin deebine,” ibseera.

    Iraan waliigalteen wal hubannoo Iraan Ameerikaa waliin taasifte Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu fi walabummaa daangaa eegsisuu akka ta’e beeksifteetti.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp gamasaatiin, akka bu’uura waliigaltee kanaatti “Libaanos keessatti Hezboollaah fi Israa’el gidduutti dhukaasa dhaabuu waligaluu dabalatee addawwan waraanaa hundarratti dhukaasa dhaabuun hojiirra akka oolu ni eegna,” jedhera.

  9. Ameerikaan waliigaltee cabsinaan deebii cimaatu ishee eeggata jechuun Iraan akeekkachiifte

    Ameerikaan waliigaltee Iraan waliin taasifte kann cabsitu taanaan deebii cimaan akka ishee eeggatu dubbi-himaan paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagiir Galabaaf dubbate.

    Waliigaltee Ameerikaa waliin ture keessatti namoota maricharratti gama Iraaniin hirmaatan keessaa ijoo kan ture af-yaa’iin kun fuula X isaarratti ergaa hogganaa waligfalaa Eegduu Rippabilika Islaamaa Iraan booda erga dabarseen ture Ameerikaan waan waadaa galte akka kabajjuuf kan hubachiisan.

    Haata’u malee, Ameerikaan “amanamuu dhiisuun waliigaltee kana kan cabsitu taanaan” Iraan tarkaanfii guddaa akka fudhattu barreesseera af-yaa’iin kun.

    Itti dabaluun, biyyisaa waraana Ameerikaa waliin gaggeessiteen akka injifatte eeruun, “ammas karaama walfakkaatuun deemuu kan filatan yoo ta’e halleellaa jabaatu ishee eeggata,” jechuun akeekkachiiseera.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biruuf:

  10. Ameerikaan uggura sochii Iraan irraa kaaste

    Ameerikaan uggura sochii galaanarraa Iraan keessee turte kaasuu beeksifte.

    Iraanii fi Ameerikaan waraana Baha Gidduugaleessaatti xumura gochuuf waliigaltee walii mallatteessaniiru.

    Gidduugalli ajaja Ameerikaa [Centcom] ajaja pirezidaantichaan uggurichi ka'eera jedhe.

    Dooniiwwan galaanarraa Ameerikaa gariin naannichuma turu jedhe.

    Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii ''ilaalcha biraa'' qabaatus waliigaltichi akka hojiirra oolu raggaasiseera.

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan mirga Iraanotaa ni eega jechuun waliigalticha akka raawwatu himeera.

    Mojtaabaa Kaameenii garuu Tiraamp ''abdii kutannaa irraa kan ka'e'' waliigalticha mallatteesse jedhe.

    Kaameeniin itti dabaluun mariin fuulaa fuulatti gaggeeffamu fuulduratti akka jiraatus himeera.

    Kana jechuun ejjennoo diinaa fudhachuu jechuu miti jedhe. Mojtaabaa Kaameenii erga abbaan isaa ajjeefamee eessa akka jiru ifatti hin ibsamne. Qaamaanis miiidyaatti bahee dubbatee hin beeku.

  11. Amma nu gahe, "Tiraamp abdii kutannaarra kan ka'e waliigalteen kun [dafee] akka mallattaa'uuf waanti hin goone hin jiru" - Mojtaabaa Kameenii

    Waliigalteen US-Iraan gidduutti mallaattaa'uu hordofee Gaggeessaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii lammiilee biyyattiif ergaa dabarsan.

    Ergaa Mojtaabaa Kameenii irraa ta'uu ibsuun miidiyaalen biyyattii akka ibsanitti, waliigaltee wal-hubbannoo biyyoonni lamaan waliif mallatteessan dhimmee kan barbaade Doonaald Tiraamp ta'uu ibsan.

    Tiraamp abdii kutannaa keessa galuurraa kan ka'e karaa danda'ame hundaan waliigalteen akka taasifamu barbaadaa turuus eeran.

    "Sadarkaa kanarra akka gahamuuf [waliigalteen akka taasifamuuf] abdii kutannaarraa kan ka'e Pirezidaantiin Ameerikaa dhakaan inni hin garagalchin hin turre," jechuun US waliigalteen akka taasifamuuf heddu barbaadaa akka turte ibsan.

    Waliigaltee wal-hubannoo kanarraa ka'uun USfi Iraan qaaman wal-arguun mariin akka itti fufu kan mirkaneessan Mojtaabaa Kameenii, "qaaman wal-arguun mariin ni taasifamu jechuun yaada diinaa hunda ni fudhanna jechuu miti" jechuun fedhiin Iraan akka hin sharafamne himan.

    Mojtaabaa Kameenii, haleellaa USfi Israa'el irratti gaggeessaniin miidhamuurraa kan ka'e erga uummatatti mul'atanii hin beekan. Garuuummoo, yeroo garaa garaatti ergaan kan gaggeessaa kanaa ta'uun ibsamu miidiyaalee biyyattiirratti ni dubbafama.

  12. 'Imalli qaamolee bishaanii idil-addunyaarraa kamuu kaffaltiirraa bilisa ta'uu qaba' - Vaans

    Pirezdantii itti aanaan US, JD Vaans Iraan Ulaa Hormuz dabarsuuf kaffalchiisuu ilaalchisee gaaffii gaafataman.

    Vaans,imalli qaamolee bishaanii idil-addunyaa irraa kamuu kaffaltiirraa bilisa ta'uu qaba jedhan. Ulaan Hormuuz lammata iddoo diinagdee addunyaa "itti hudhanii qaban" ta'uu hin qabu jedhan.

    Vaans, mariin nagaa inni dhumaa wantoota itti aananii raawwataman irratti ajandaawwan kan irratti qophaawu ta'a jedhan. Waayee nageenya Ulaa Hormuuz fuulduraa ilaalchisee biyyoonni Galoogalaanaa qabxii waliigaltee ni qopheessus jedhaniiru.

    Ameerikaan waayee waliigaltee "kaardiiwwan hundaa" harkaa qabdi, Iraan waliigaltee nagaa kanaaf jettee "waan barbaachisoo ta'an nuu hundaa nuu kennuu qabdi."

    Iraan boba'aa gurguruun dolaara miliyoona kurnan hedduu argachuun diinagdee ishee bayyanachiisuu danda'aa? jedhamee gaaffii gaafatameef, diinagdeen Iraan kufeera, qaalayiinsi jireenyaa samii tuqe jedhan.

    Boba'aa dolaara miliyoona xiqqootti gurguruun diinagdee isaanii bu'uurarraa ni jijjiira kan jedhu "dhugaa miti" jedhu Vaans.

    "Iraan yoo waan waliigaltee kanarraa eegnu hin raawwattu ta'e deebineet waan hundashee dhukkee irraa kaafna."

  13. Yukireen sa'aatii 24 keessatti diroonii 1,000 fayyadamuun Raashiyaa haleelte

    Yukireen magaalaa Mooskoo irratti xiyyeeffachuun haleellaan dirooniifi misaa'elaa gaggeessite cimaa ture. Magaalaa Mooskoo qofaatti diroonii 200 ol kan furgugsite yoo ta'u, buufata boba'aan itti qulleeffamu dabalatee bakkeewwan naannawa magaalaa Mooskotti argaman haleelte.

    Bulchaan naannoo Mooskoo Andiree Voroobyoov akka ibsanitti haleellaa Yukireen kana hordofee namoonni 17 miidhamaniiru.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka beeksisetti, Yukireen sa'aatii 24 darbe keessatti diroonii 1,000 fi misaa'ela kiruuzoii afur Raashiyaatti dhukaastetti.

    Buuffanni boba'aa qulqulleessi magaalaa Mooskoo cinaatti argamu, torban kana qofaa si'a lammaffaa haleelamuu isaati.

    Buufanni boba'aa kibba naannoo Roostoovitti argamus haleelamuutu ibsame.

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haleellaan Mooskoo irratti xiyyeeffate kun deebii haleellaa Raashiyaan gaggeessitee ta'uu dubbate.

    Zeleniskiin dabaluun, "Waraana kana yeroon itti xumurru amma, Raashiyaan tarkaanfii dippilomaasii fudhachuu qabdi" jechuun dubbate.

    "Waraana kana hin barbaannu, barbaannes hin beeknu. Garuummoo magaalaan Kiiv gubannaan, Mooskonis ni gubatti," jechuun Mooskoon kana booda nagaa raftee buluu akka hin dandeenye ibse.

  14. Waliigalteen kun irree jabaan Iraan kan itti mul'ateedha - Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliigalteen wal-hubannoo Tehraan US waliin taasifte 'Iraan irree jabaa kan itti agarsiiftedha' jedha,

    Gaggeessaan Iraan kana kan jedhan waliigaltee US-Iraan irratti waliigalan erga mallatteessanii booda, suura waraqaa mallattaa'ee fuula X irratti qooduni.

    Waraqaa Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan maxxansan irratti mallattoosaanii dabalatee kan Pirezidaant Tiraamp fi Ministiira Muummee Paakistaan ni mul'ata.

    Waraqaa mallatteessan erga qoodanii booda "ergaan kun jabina Iraan agarsiisa" jechuun barreessan.

    Nagaan wal-kabajuurraa akka argamu kan ibsan Pirezidaant Masuud, Iraan yoomiyyuu taanan nagaan addunyaarratti akka bu'uuf fedhii akka qabduufi humnaaf ammoo akka harka hin laanne ibsan.

  15. Iraan waliigaltee US waliin mallatteessite hin kabajju taanan deebinee karra bishaanii itti cufna - Peentaagoon

    Iraan akkaataa waliigaltee US waliin mallatteessiteen "adabattee" itti hin fuftu taanan waraanni US karraa galaanaa akka itti cufu Peentaagoon beeksise.

    Ministiirri Ittisaa US Piit Heegset uggura galaanaa gaggeessuuf humna cimaa akka qabu dubbate.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo waliifa mallatteessuu isaanii hordofee US humna waraanaa fayyadamuun uggura galaanaa Iraanirra keessee turte kaastetti.

    Piit Heegseet garuu Iraan "amalashee sirreeffattee waliigaltee yoo kabajuu baatte" humna cimaan uggurri galaanaa iddootti akka deebi'u ibse.

    "Iraan nan raawwadha jettee waan waadaa galte hin gootu taanan [abjuu boombii nikularaa omishuu qabdu dhaabuu], uggurri iddootti deebi'a," jechuun dubbate.

    Dabaluunis Ulaa Hormuuz qulleessuuf [tarii Iraan fanjii galaanarraa keesse yoo ta'e] biyyoonni Awurooppaa kaanis gumaata gochuuf qophii ta'uusaanii dubbate.

  16. Yeroo Meesiin rikardii cabsutti Roonaaldoon injifannoo dhabe

    Biyyoota Waancaa Addunyaa 2026 injifatu jedhamanii eegaman keessaa tokko kan taate Poorchugaal yeroo jalqabaaf hiree Waancaa Addunyaa kan argatte DR Koongoo waliin qixa baate.

    Daqiiqaa 6 irratti taphataan PSG Jaayoo Neeves galchii jalqabaa Poorcugaaliif lakkoofsise.

    Ergasii garuu Poorchugaal kubba caaltee to'attee taphattus kubba kallattii isaa eeggate tokkollee karra DR Koongoo irratti hin yaalle. Inumaayyuu DR Koongoo carraa goolii gaarii argatanii ture.

    Taphataan Niwkaasil Yohaan Wiisaa DR Koongoof galchii wal qixxeessituu erga lakkoofsisee Poorchugaalitti haalli taphichaa jabaate.

    Bara 1974 maqaan ishee Zaayer jedhamuun kan beekamtu DR Koongoon Waancaa Addunyaa irratti hirmaattee taphoota sadii irratti goolii 14tu irratti lakkaa'ame.

    Waggaa 52 booda garuu jabaatanii dhufan. Addunyaa irraas sadarkaan isaanii 46ffaadha.

    Ittisa cimaa fi deebisanii jifachuun cimina gaarii agarsiisan. Sedirik Bakambu taphataan jedhamu kubbi yaale garuu poolii jalaa deebise.

    Roonaaldoon Wancaa Addunyaa marsaa jaha gaggeeffame irratti hiriiree Mesii waliin rikardii qooddata. Biyya isaafis taphoota 229 taasise.

    Erga galchii biyya isaaf lakkoofsisee taphoonni 10 darbaniiru. Roobertoo Maartinez Roonaaldoo jijjiiree baasuu sodaatee garee isaa qabxii dhabsiise jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa akka Wayinii Ruunii fi Teerii Heenerii.

  17. Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban kaffalchiisuuf

    Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraaniifi marii'ataan ijoo Mohaammad Bagaar Gaaliibaaf af-gaaffii TV biyyattii irratti taasisaniin ''yeroo waraana dura turetti hin deebinu,'' jechuun himan.

    Dabaluunis ''Iraan Ulaa Hormuuz irratti to'annoo qabdi akkasumas tajaajila keenyaaf kaffaltii fudhachuu itti fufna,'' jedhan.

    Ulaa Hormuuz murteessaa tahe kana keessa dooniiwwan darban guyyoota 60 kaffalchiisuu jalqabdi jedhan.

    Tiraampiifi Pireezidantiin Iraan waliigaltee mallatteessan Teehraan Omaan biyyoota Galoogalaana kaan waliin tahuun Ulaan Hormuuz akkamiin bulchina kan jedhurratti sanada bal'aa qopheessu.

    Ameerikaan Teehraan mirgashee kabachiisuuf tarkaanfii humnaa akka fayyadamtu amantus biyyooti Galoogalaanaa fuulduratti gibira isaan kaffalchiisuu ''tasumaa'' hin barbaadan jechuun aanga'aan tokko dubbatan.

  18. Pireeziidantiiwwan Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee mallatteessan

    Pireezidantiiwwan Ameerikaa fi Iraan waliigaltee nagaa jalqabaa waraana dhaabuuf kaayyefate kan hatattamaan hojiirra oolu mallatteessan.

    Waliigalteen kuni Ulaa Hormuuz banuu, Iraan deebisanii ijaaruudhaaf Ameerikaan doolaara biiliyoona 300 kennuu akkasumas US qoqqobbii ‘’gosa kamuu’’ Iraan irraa kaasuu dabalata.

    Haa tahu malee dhimmi niwkilaaraa US’n waraanatti galche guyyoota 60 dhufanitti marii’atamuuf karoorri qabamee jira.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp waliigaltee kana yeroo kora G7 mallatteessaniiru. Waliigalteen kuni ‘’balaa diinagdee’’ irraa akka baraaru hime.

    Tahus yoo waliigaltee dhumaaarra hin ga’amne Ameerikaan Iraaniin ‘’boombiidhaan dhukkee irraa kaasti,’’ jedhan.

    Pireezidantiin Iraan Masuud Peezeeshkiyaan waliigaltee kana Roobii kaleessaa mallatteessuu Teehraan mirkaneessiteetti.

    Af-yaa’iin paarlaamaa Iraaniifi namni ijoo marii kanarratti marii’atan Mohaammad Baaheer Gaaliibaaf miidiyaa mootummaatti yeroo dubbatan Ameerikaarraa ammallee amantii akka hin qabneefi ‘’qophiifi of eeggannoon,’’ akka eegan himan.

    ‘’Diinni afaan sababaafi bu’aan hin hubatan taanaan, afaan humnaa itti agarsiisna,’’ jechuun miidiyaan biyya keessaa Faars gabaaseera.

  19. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eeggalleerra. US fi Iraan waliigaltee walhubannoo mallatteessaniiru.

    Garuu ammallee shakkii walirraa qabu.

    Israa'el as keessatti hammatamuu dhabuun waliigaltee kanatti yaaddoo ta'eera.

    Qabxiilee waliigaltee kanaa fi odeeffannoo kaan irratti xiyyeeffachuun karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Tamsaasa kallattii duraan turerraa odeeffannoo qixeessine argachuuf: Iraan fi US Libaanosiin akka hin haleelle Israa'el akeekkachiisan

    Odeesaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas argachuu dandeessu.