Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa humnoonni Sudaan daangaa Itoophiyaa dhiyootti raawwataniin namoonni 41 ajjeefaman
Humni Addaa Sudaan (RSF) kutaa Buluu Naayil, daangaa Itoophiyaa waliin wal daangessu keessatti haleellaa diroonii raawwachuun namoonni 41 ajjeefamuu gareen mirga namoomaa tokko beeksiseera.
RSF, kan humnoota waraanaa Sudaan waliin waraana keessa jiru, kanaan dura humna waraanaa biyyattii deeggaru ture. Gareen mirga namoomaa Emergency Lawyers jedhamu akka beeksisetti, haleellaan Roobii darbe raawwatame kun kaampii namoonni buqqa'an keessa jiraatan, naannoo Abuu Shaandii jedhamu irratti xiyyeeffateera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)'n gama isaatiin haleellaa kana "baay'ee rifaasisaa" jechuun ibseera.
Akka gabaasa sadarkaa jalqabaarraa hubatametti, kanneen miidhaman harki caalaan isaanii dubartootaa fi daa'imman ta'uu akka agarsiisu OCHA'n ibseera.
Humni Waraanaa Sudaanii fi Humni Addaa Sudaan (RSF) bara 2023 irraa eegalee aangoo biyyattii to'achuuf wal waraanaa jiru.
Waraanni kun namoota kumaatama hedduu du'aaf saaxiluu bira darbee, namoota miliyoona 14 ol ta'an qe'ee isaanii irraa buqqiseera.
Walitti bu'iinsi kun addunyaa irratti rakkoolee namoomaa hamoo keessaa tokko uumeera. Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman sababa waraana kanaan tajaajila fayyaa argachuu dadhabaniiru.
Humni Waraanaa Sudaan giddugaleessaa fi baha biyyattii to'ata. RSF immoo bu'uura isaa naannoo Daarfuur Lixaa godhateera, akkasumas kutaa biyyattii kibbaa keessatti lafa bal'aa to'achuun beekama.
Waraana kana keessatti qaamoleen lamaan haleellaa diroonii raawwachuun namoota nagaa miidhuun himatamaa jiru.
OCHA ibsa baaseen, naannoo haleellaan kun Jimaata darbe itti raawwatame jedhame keessatti torbanoota darbanitti haleellaawwan irra deddeebi'anii raawwatamaa turuu ibseera. Haleellaawwan kanaan namoonni nagaa kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru; namoonni hedduunis balaa hamaaf saaxilamaniiru, jedheera.