Afgaaffii qacarrii hojii irratti gaaffiin isin deebisuu hin qabne akka jiru beektuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Afgaaffii hojii irratti gaaffiiwwan isin gaafachuu danda'an hundaaf of qopheessitaniyyuu, gaaffiin tokko tasgabbii akka dhabdan isin gochuu danda'a.

UK keessatti, dhaabbanni nama qacaruu tokko, "dhaabbata amma keessa hojjechaa jirtan keessatti mindaa meeqa argattu?" jedhee gaafachuu mirga qaba. Garuu qoramtoonni afgaaffiif dhihaatan kana deebisuuf dirqama hin qaban.

Qacartoonni seenaa mindaa namoonni duraan ykn amma argatan ilaalchisee gaaffii gaafachuu akka dhiisan gorfamu. Gamtaan Awurooppaas seera haaraa gaaffii akkasii gaafachuu dhorku baaseera.

UK fi biyyoota garii keessatti garuu gaaffii akkanaa gaafatamuun waan eegamudha. Ofii gaaffiin akkanaa yeroo isinii dhihaatu akkamiin akka deebistan beektuu?

Warri qacarriif afgaaffii godhan maal gaafachuu malu?

Yeroo baay'ee, namoonni hojii qacaruuf afgaaffii gaggeessaniifi kanneen afgaaffii sanaaf dhihaatan waa'ee mindaa dubbachuu irraa of qusatu.

Gorsaa dhimma bakka hojii kan ta'an Loowis Ruud, seerri qacartoonni namoota hojii qacaramuuf afgaaffiif dhihaatan akka waa'ee seenaa mindaa isaanii fi mindaa hangamii akka eegan gaafachuu dhorku akka hin jirre kaasu.

Akka isaan jedhanitti, tari qacartoonni kuni dhugumaan waa'ee mindaa namoota afgaaffiif dhihaatanii beekuu barbaadan yoo ta'emmoo gaaffii kana qoramtoota hundaaf dhiheeessuu qabu jedhu.

Waggoota muraasaan dura duulli afgaaffii qacarrii keessatti waa'ee mindaa meeeqa nyaataa turte jedhu akka hin gaafatamne balaaleffatu taasifamee ture.

Dhaabbanni 'Fawset soosaayitii' jedhamu kan walqixxummaa dubartootaa fi koorniyaa irratti hojjetu akka jedhutti ammoo gaaffii akkanaa gaafachuun sababa adda addaddumaa koorniyaa, sanyii fi miidhama qaamaatiin kaffaltiin haqa qabeessa hin taane akka itti fufu godha.

Mindaa ogummaa, muuxannoo fi dandeettii irratti bu'uureffate kaffaluu irra, gaaffiin akkasii kuni mindaa namootni dhuunfaa isa madaala jedhanii yaadan kaffaluuf karaa bana jedhe dhaabbatichi.

Gaaffii seenaa mindaa afgaaffii qacarrii irratti gaafatamu kuni akka hafuuf konfedereeshiniin hojjettootaas irratti waliigala.

Gamtaa Awurooppaa keessatti qacartoonni gaaffii waa'ee seenaa mindaa duraanii nama afgaaffiif dhihaate gaafachuu kana dhorkameera. Kuni garuu UK keessatti hojiirra hin oolle.

Gaaffiin akkanaa yeroo siif dhihaatu akkamiin deebisuutu sirriidha?

Yeroo hojii haaraa qacarmuuf deemtu fedhii kee taanaan mindaa amma argataa jirtu ibsuu dandeessa.

Namootni BBCn dubbise akka jedhanitti, gaaffii akkanaa yeroo gaafataman mindaa isaanii olkaasanii himu. Kunis hojii itti aanurratti mindaa kan ammaarra wayyaa argachuuf gargaara yaada jedhuuni. Garuu deebiin afgaaffii irratti kennamu kuni dubdeebii akkasii argamsiisuu dhiisuu mala.

Tarii yoo mindaa amma argata jirtu ibsuuf fedhii hin qabdu ta'emmoo akka deebistuuf kan siddirqamsiisu hin jiru.

Ruud akka jedhanitti, namootni tokko tokko mindaa argachuuf eegan himuu filatu. Yookan ammoo gita hojii sana nimadaala kan jedhan haganaa hanga hagasii jedhanii ibsuu malu.

Dhaabbileen qacarrii garuu hojjettoonni mindaa eegan caalaa ogummaa fi muuxannoo isaanii irratti xiyyeeffachuu akka qaban gorsu. Sababni isaas seenaa mindaa isaanii caalaa midaa isaan argachuu danda'an kan murteessuu danda'u warra kana waan ta'eefi.

Konfedereeshinii hojjettootaa fi Qacarrii keessatti daayirektara kan ta'an Shaziyaa Ijaah, hoji barbaaddonni gaaffii kaffaltiidhaan walqabaatu kana 'Ofitti amanamummaa fi dhugaarratti' bu'uureffachuun deebisuu akka qaban gorsu.

"Kaadhimamtoonni afgaaffiif dhihaatan bu'aa fiduu danda'an irratti xiyyeeffachuu qabu. yeroo gara iddoo afgaaffii deeman garuu gabaarratti gaheen hojii suni meeqa akka kaffalamuuf hubannoo qabaatanii dhaquu qabu"

"Hoji barbaaddonni waa'ee mindaan walqabatu irratti deebii isaanii itti qophaa'anii fi gita hojii irratti dorgomaa jiran sanarratti jijjiirama akkamii akka fåidan sirritti ibsuu danda'an warra milkiin galani" jedhu.