Baqattuun Somaaliyaa miseensa paarlaamaa UK taate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhalattuun Somaaliyaa Sagal Abdii Waaliin filannoo giddugaleessaa Landanitti gaggeeffameen, teessuma Paarlaamaa Biriteen kan duraan Ministira Muummee UK Sir Kiir Istaarmeriin qabamee ture injifatte.

Sagal, kan yeroo umrii waggaa jahaatti maatii ishee waliin akka baqattuutti gara Biriteen dhufte, nama Somaalii jalqabaaf Paarlaamaa Biriteen keessatti miseensa ta'uun filatame taatee seenaa galmeessiteetti.

Umuriin ishee waggaa 42 kan ta'e Sagal Abdii, teessuma Holbornii fi Seent Paankiraas injifatte.

Sagal Abdii bara 1990 moota keessa maatii ishee waliin gara Biriteen kan dhufte Kaaba Landan keessatti kan argamu naannawaa Kaamdan keessatti guddatte.

Sagal Abdii Waaliin Caamsaa bara 2023tti dura taatuu Mana Maree Kaamden ta'uun filatamte. Yeroo duula filannoo kanaas, Paartiin Leebar hawaasa naannichaa waliin hariiroo cimaa akka qabu ifatti mul'iseera.

Erga filannoo kana injifatte booda ibsa kenniteen, jireenya maatiiwwanii fooyyessuuf akka hojjetu waadaa galteetti. "Gara siyaasaatti kan gale, rakkoo manneen jireenyaa ergan argee boodadha," jetteetti.

Dura taatuu Mana Maree Kaamden ta'uu ishee dura, mana marichatti misooma manneen jireenyaa irratti itti gaafatamummaa hogganaa turte.

Bu'aan filannoo erga labsamee booda haasaa taasisteen, hawaasa naannichaa gargaaruuf murannoo guddaa akka qabdu ibsiteetti. Jireenya namootaa fi maatii isaanii fooyyessuuf guyyaa guyyaan akka hojjetu dubbatteetti.

Sagal Abdii Waaliin kanaan dura baqattee akka turte kan himte yoo ta'u, injifannoon ishee kun namoonni hawaasa garaagaraa keessaa dhufan Biriteen keessatti aangoo siyaasaa irra ga'uu akka danda'an kan agarsiisu ta'uu isaa abdachuu ibsiteetti.

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam duraanii Andii Barnihaam, duula filannoo milkaa'aa taasisuun ishee isa gammachiisuu ibsuun, Sagal waliin hojjechuuf hawwii guddaa akka qabu dubbateera.

Ministirri Muummee duraanii Sir Kiir Istaarmeris bu'aa filannoo kana gammachuudhaan simateera. "Sagal Abdii Waaliin nama hawaasa keenyaaf falmu, ga'umsaafi jabina qabu, akkasumas bakka buutuu ummataa ajaa'ibaa ta'uu nan beeka," jedheera.

Filatamtee booda yeroo jalqabaatiif BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasifte Sagal Abdii Waaliin, Landan, Kaamden, akkasumas guutummaa Yunaayitid Kingidam keessatti rakkoon manneen jireenyaa dhimma guddaa ta'uu ibsiteetti. Jireenya namootaa fooyyessuufis guyyaa guyyaan cimte akka hojjettu dubbatteetti.

"Rakkoo mana jireenyaa kana keessaa ba'uuf furmaanni jiru manneen jireenyaa hawaasaa dabalataa, manneen gatiin isaanii madaalawaa ta'e, akkasumas gosoota manneen jireenyaa biroo ijaaruu qofa," jetteetti.

"Mootummaan dhimma kana irratti ejjennoo koo waliin tokko ta'uun isaa baay'ee na boonsa. Akkasumas, guyyaa jalqabaa irraa kaasee dhimma kana irratti of kenneen akka hojjedhu nan mirkaneessa," jechuun dubbatteetti.

Sagal Abdii Waaliin dhaabbanni Teems Waater deebi'ee mootummaa jalatti akka bulu cimsitee falmiti.

Teems Waater dhaabbata tajaajila bishaanii fi qulqulleessuu dhangala'aa guddaa Ingiliz keessatti argamu yoo ta'u, namoota miliyoonaan lakkaa'amaniif bishaan dhiyeessuu fi dhangala'aa xuraa'aa qulqulleessuu irratti hojjetti.

Sagal Abdii Waaliin dhaabbatichi abbummaa dhuunfaa jala turuu mannaa, mootummaan itti gaafatamummaa bulchiinsa isaa fudhachuu qaba yaada jedhu deeggariti.

Deeggartoonni abbummaa mootummaa, tarkaanfiin akkasii itti gaafatamummaa fooyyessuu fi murteen dhaabbatichaa faayidaa ummataa akka tajaajilu mirkaneessuuf gargaara jedhanii falmu.

Dargaggootaaf carraawwan dabalataa uumuu irrattis xiyyeeffattee akka hojjetu Sagal Abdii Waaliin ibsiteetti.