Somaaliyaan waliigaltee El-Alamiinitti makamuun Itoophiyaa 'ganuu' mul'isaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Onkoloolessa 4, 2026 Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud waliigaltee (labsii) 'El-Alamein Declaration' jedhamu Laga Abbayyaa misoomsuu fi fedhiiwwan nageenyaa Galaana Diimaa Itoophiyaa daangessuu kaayyeffate jedhame Masirii, Ertiraa fi Sudaan waliin mallatteesse.

Murteen Somaaliyaa waliigaltee (labsii) al-Alamen jedhame kana deeggaruun ammoo xiinxaltootaa fi aanga'oota Itoophiyaa biraa komii kaaseera.

Sababiin isaas, waliigalteen kun fayyadama Laga Abbayyaarraa kaasee hanga fedhii Galaanaa Diimaarrati qabduutti Itoophiyaa waan miidhuu danda'uufidha.

Barreeffamni Onkoloolessa 6 fuula marsariitii Burqaa Oduu Itoophiyaa irratti maqaa nama Gazmuu Iddachaa jedhuun mata-duree ' Gantummaan Pirezidaant Hasan Sheek Mohamud Akkamitti Haala Dhugaa Naannoo Xiqqeessa' jedhuun bahe tarkaanfiin pirezidantii Somaaliyaa kun faallaa oolmaa Itoophiyaa fi dhugaa qabatama lafarra jiruu ta'uu ibsa.

Namni kun barreeffama isaa kanaan, gochi akkasii kun ejjennoo yeroo dheeraa Masiriin tarkaanfachiisaa turte calaqqisiisa jechuun qeeqa. Masiriin 'barashee hunda' pirojektoota misoomaa yaa'a Laga Abbayyaa gara olii jiran danqaa turteetti.

Waliigalteen maqaa 'dippilomaasii tolfachuu' jedhuun mallattaa'e kun qaama jii'oopolotikaa naannichaatiin ala ta'e waliin ta'uun fedhii misoomaa fi nageenyaa Itoophiyaan Laga Abbayaa fi Koroodarii Galaana Diimaarratti qabdu danquun ifatti fedhii birmadummaa dinagdee fi nageenyaa mirkaneeffachuushee daangessuuf qophaa'edha jechuun falma barreessaan kun.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammd waliigaltee kanatti makamuun isaa dhugaa lafarra jiru waakkachuurra darbee aarsaa seena qabeessa Somaaliyaan akka biyyaatti akka itti fuftuuf kaffalame wallaauu ykn dagachuudha jedha barruun kun.

Dureewwan Masirii, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Onkoloolessa 4, 2026 dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbaay dabalatee seeronni lageen daangaa qaxxaamuran irratti hojjetan kabajamuu fi hojiitti hiikamuu akka qaban ejjennoo isaanii ibsan.

Biyyoonni afran kora Masirii, magaalaa el-Alamin keessatti gaggeeffatan wayita xumuran ibsa waloo baasan keessatti lageen daangaa qaxxaamuran irratti badii fi miidhaa raawwachuun akka dhaabbatu gaafatan.

''Qajeeltoo dursanii wal beeksisuu, waliin mari'achuu fi waliigaluuf wal tumsuu kabajuun'' murteessaa ta'uu eeran.

Waliigaltee el-Amin jechuun moggaasan kana keessatti akkaataa itti fayyadama laga Abbaay ilaalchisee ibsa baasaniin gochi biyyoota yaa'a gadii Masirii fi Sudaan miidhu kamuu fudhatama hin qabu jedhan.

Ibsa waloo biyyoota afran kunneen irraa kenname hordofee Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, ''dhugaa daangaa fi seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaarraa qabdu humni kamuu jijjiiruu hin danda'u,'' jedhe.

Ministeerichi ibsa isaa keessatti dhimma Laga Abbayyaas kan eere yoo ta'u, ''Itoophiyaan madda Laga Abbaayyaati. Bishaan laga kanaa irra jireessi gaarreen Itoophiyaa irraa madda,'' jedhe.

Itoophiyaan bishaan Laga Abbayyaa keessaa dhibbeentaa 85 akka gumaachitu kan eere ibsi kun, ''kana waan ta'eef mariin dhimma faayidaa fi bulchiinsa Laga Abbayyaa ilaallatu kamiyyuu dhugaa bu'uuraa kana ilaalcha keessa galche ta'uu qaba,'' jedhe.

Galaanni Diimaanis qaama bishaanii Itoophiyaa waliin walittti hidhamiinsa seenaa fi daangaa qabu ta'uu eereera.

''Jijjirama yeroo keessa adeemsi siyaasaa jijjiiramus walitti hidhamiinsi cimaan Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu itti fufee jira,'' jedha ibsi kun.

Akkasumas daangaan Itoophiyaa handaara Galaana Diimaa irraa kiilomeetira 48 qofa fagaatee akka argamu ibse.

''Kana waan ta'eef mariin naannawa kanatti dhimma Galaana Diimaan walqabatu, akkasumas caasaalee nageenyaa ilaallatu dantaa Itoophiyaan seeraan qabduu fi walitti hidhamiinsa itti fufaa galaana kana waliin qabdu ilaalcha keessa galchuu qaba,'' jedhe ibsi Ministeera dhimma alaa.

''Dhugaan dhimma daangaa fi seenaan walqabatee jiru xaxaa siyaasaa, tarkaanfii humnaa ykn gocha biyya hookkaruutiin jijjiiramuu hin danda'u.''

Tarkaanfiiwwan karaa ''ergamtoota diinaa'' fudhatamaniin ykn haleellaawwan raawwatamaniin dhugaan lafarra jiru dabuu ykn jijjiiramuu hin danda'u jedhe ministeerichi ibsa isaa kanaan.

Nageenya waaraa Gaanfa Afrikaa keessatti akka dhufu taasisuun kan danda'amu dhugaa qabatamaan lafarra jiru ilaalcha keessa galchuun hojjechuu ta'uu kan himan xiinxaltoonni, biyya ummata miliyoona 135 qabduufi murteessituu taate moggeessuun nageenyi Galaana Diimaa dhugoomu hin jiraatu jedhu.

Barreeffamni Burqaa Oduu Itoophiyaa akka ibsetti, Itoophiyaan waggoota 30 oliif walabummaafi tokkummaan dangaa Somaaliyaa akka kabajamuuf, akkasumas dhaabbileen biyyattii akka hin mancaane gochuuf gatii qaalii baasaa turteetti.

Erga bara 1991 irraa kaasee mootummaan giddu-galeessaa Somaaliyaa bittinnaa'ee kaasee, Itoophiyaan biyyattiin akka deebitee bayyanattu gochuu keessatti gahee guddaa taphachuu kaasa.

Korawwan hundeeffamaa bu'uura irraa Soodarree fi Mbagathi keessatti Mootummaa Federaalaa Ce'umsaa Somaaliyaa kan yeroo ammaa Hasan Sheek pirezidantummaan hogganan hundeessuu keessatti shoorri Itoophiyaan gumaachite waan dagatamu hin turre.

Kanarra darbees yeroo neettiwoorkiin shororkeessitootaa biyyattii gara gara diiguu hojjetaniifi dhaadatanitti, humnoota ittisaa Itoophiya turan adda durummaan aarsa kaffaluun aanga'ootafi dhaabbileen biyyattii eegaa kan ture jedhu xiinxaltoonni.

Dhugaan lafarra jiru kana ta'ee osoo jiruu, Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad Moqaadishoon tumsa faallaa fedhii misoomaa Itoophiyaa dhaabatan waliin hiriirseera jechuun komatan.

Kun 'Gatii tolaa hamminni baasa' isa jedhan fakkaata.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand kan Somaaliyaa irraa addaan bahuu labsite waliin waliigaltee erga raawwatte booda waldhabdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa hammaatee ture.

Boodarra Turkiin waldhabdee biyyoota lamaanii gidduu jiru akka furamu gooteetti.

Ergasii aanga'oonni biyyoota lamaan yeroo gara garaatti wal arganiis dhimmoota waloorratti akka mariyatan gabaafamaa tureera.