Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqattummaa hanga abbaa qabeenyaa Biraandii Afrikaa Kurriiftuutti-Obbo Tadiyoos Ballaxaa
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Umurii isaa ijoollummaa waggaa 16'n biyyaa baqatee gara waggaa sadii kan tahu Sudaan jiraate.
Mana namaa galee ji'atti miindaa Birrii 10 osoo kaffalamuufii uffata namaa miiccaa ture. Hojii mana keessaa kamiyyuu hojjechaa ture.
Har'a Itoophiyaatti biliyeeneradha. Abbaa qabeenyaa Riizoortii Kurriiftuu. Riizoorti sagal sadarkaa idil-addunyaa madaalan Itoophiyaatti ijaaraniiru. Obbo Taadiyoos Ballaxee. Garuu akkamiin milkaa'an?
''Ho'i Sudaan baay'ee ulfaataa ture. Yeroo sana saafela ganna 16'n ture. Yeroo dukkanaa fi ulfaataan dabarse. Garuu bakkattan jireenya baradhee bahedha,'' jedhe.
Har'a qabeenya biliyoonaan tilmamamu horataniiru. Obbo Taadiyoos Ballaxee, abbaa qabeenyaa Riizoorti Kurriiftuu Bishooftuu. Itoophiyaatti riizoortiiwan 9 sadarkaa idil-addunyaa madaalan ijaaraniiru.
Har'a Itoophiyaatti seenaa tajaajila hoteelaa nama jijjiire taheera. Bishooftuu haga Baahirdaar, Arbaaminchii haga Awwaashitti riizoortii Kurriiftuu sadarkaa idil-addunyaa eeggate ijaaraniiru.
Biraandii Kurriiftuu jalatti pirojeektota kudhan: Riizoortii Kurriiftuu Bishooftuu, Baahir Daar, Arbaaminci, Afrikaa Viileej, Kurriiftuu Enxooxoo paark dabalatee walumaagala qabeenya guddaa horateera.
Kanaaf ka'umsa kan isaaniif tahe ammoo ''abjuu Itoophiyaa kaartaa irratti baasee mul'isuun qaba ture,'' jedhan Obbo Taadiyoos.
Imalichi garuu eessaa jalqabe?
Boostanii hanga Kurriiftuu Bishooftuu
Obbo Taadiyoos Ballexee mootummaan dargii dargaggoota waraanaaf waan barbaaduuf umurii isaanii waggaa 16 baqatanii Sudaan galan.
Gargaarsa Waldaa kaatolikiidhaan Sudaan irraa erga Ameerikaa galanii hojii adda addaa hojjechaa turan.
Booda ogummaa rifeensa hojjechuu barachuun mana rifeensaa bareedaa Ameerikaa Boostan keessatti banan.
Manni rifeensaa kunis guddachaa deemuun haga hojjettoota 45 qacaranii hojjechiisuutti gahanii ture.
Miidiyaaleen Ameerikaa yeroo sana warri gurraachaa lakkoofsaan xiqqaa tahan biizinasii keessatti akka urjii ifaa jiru jechuun gabaasanii ture.
Yeroo sana Obbo Taadiyoosiin seenessan. Manni rifeensaa isaa haalaan beekame.
Abjuu fi qalbii isaa garuu biyya isaa Itoophiyaa jira. Maatiii dhiisee deemuun garuu qormaata biraati. Isa qofa osoo hin taane maallaqa qabu fudhatee Itoophiyaa galee hojii eegalee yoo kassarehoo kan jedhus yaada maatii fi hiriyyaa irraa dhagahuun dhiphateera.
Garuu waggaa 25 dura murtee dhumaa murteessuun Itoophiyaatti galee tokko jedhee haroo Kurriiftuu Bishooftuu jirtu irratti tajaajila 'Spa' kennuu eegale.
Obbo Taadiyoos abjuu guddaa tajaajila turizimii Itoophiyaa jijjiiruu qabachuun Ameerikaa irraa gara Itoophiyaatti deebi'e. Murtoon kun garuu salphaa hin turre.
Waggoota 20 oliif erga Ameerikaa jiraatee maatii isaa, ijoollee isaa Ameerikaatti dhalatan qabatee gara Itoophiyaatti yeroo sana deebi'uun murtoo guddaa ture.
Haroo Kurriiftuu, Bishooftuu irratti riizoortii xiqqaa kutaa ciisichaa 18 qabu banuun hojii eegale. Maqaa isaas haroo kanarraa fudhachuun Kurriiftuu jedhee moggaase.
Obbo Taadiyoos Itoophiyaa keessatti nama jalqabaa riizoortii ijaares tahe. Bara Haayilesillaasee turistoonni hedduun gara Itoophiyaa dhufu ture.
Bara Dargii garuu homaa tajaajila kana irratti hin hojjetamne kan jedhan Obbo Taadiyoos nama jalqabaa Bishooftuutti riizoortii banan tahuun seenaa kana jijjiiruuf kutannoon hojjechaa turuu himan.
Abjuun isaa kun amma guddachuun Kurriiftuun Bishooftuu jiru qofa kutaa 150 fi kutaa ciiisichaa 250 qaba. Sadarkaa idil-addunyaatti tajaajila madaalu kennaa jira. Kurriiftuutti aansuun ammoo Kurriiftuu Wooter Paark [Kurriftu Water Park] jedhamu hojjetan.
Kurriftu Water Park Baha Afrikaa keessaa paarkii bishaanii fi bakka bashannanaa isa guddaa fi jalqabaati.
Lafa iskuweer meetirii 30,000 irratti kan ijaarame paarkii bishaanii kun Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati.
Paarkiin Bishaanii Kurriiftuu kun al takkaatti namoota kuma 15 keessummeessuu danda'a.
Kurriiftun of jalatti pirojeektota 10 qaba. Isaanis riizoortiiwwan abbaa urjii shanii tahanii tajaajila kennan of keessatti hammata.
'Afrikaa Afrikaatti gurguruu'
Obbo Taadiyoos, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fi imbaasiiwwan Itoophiyaa kan Keeniyaa keessa jiru waliin tahuun hojii qabeenya uumamaa fi hawwata turizimii Itoophiyaa beeksisuu magaalaa Naayiroobitti jalqabanii sagantaa guddaa gaggeessaniiru.
Biyyoota Afrikaa kudhan keessa deemuun abbootii qabeenyaa, dhaabbilee turizimii irratti hojjetan waliin tahuun Itoophiyaa biyyoota Afrikaatti beeksisaa turan.
Lammiileen Afrikaa baasii guddaa baasuun bashannanaaf haga Awurooppaa haga imalanii baasii guddaa baasan asuma Afrikaa keessatti kabajaan bashannana olaanaa argachuu akka danda'an himan.
Kabaja yeroo cidhaa, boqonnaa waggaa, fi sagantaalee adda addaaf Itoophiyaa keessaa kan akka Kurriiftuu sadarkaa olaanaatti tajaajila kennaa jiraachuu himan.
Obbo Taadiyoos biraandii Kurriiftuu gara biyyoota Afrikaa biraatti babal'isuu akka barbaadan BBCtti himan.
Yugaandaa Paarkii Biyyaalessaa isaanii keessatti dhiyootti banuuf akka hojii jalqaban himaniru.
Jibuutii irratti Kurriiftuu banuuf jalqabnee nuuf hin milkoofne kan jedhan Obbo Taadiyoos magaalota Afrikaa irra deemuun waa'ee Kurriiftuu fi qabeenya uumamaa Itoophiyaa keessaa beeksisaa turan.
''Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippilomaasii taatee riizoortiiwwan ishee madaalan hin hojjenne ture.
Kana yaadeen 'Africa Village' kan jedhamu kanan ijaare'' jedhan. Kun Magaala Shaggar keessatti yoo tahu kutaa 54 qaba. Tokkoon tokkoon isaanii biyyoota Afrikaa bakka bu'u jedhan.
''Hojiin harkaa isaa biyyuma keessatti hojjetame. Biraandii Afrikaati. Africa Village keessa taa'anii Finfinnee daawwachuu danda'u.
Hojiin harkaa isaanii akkaataadhuma aadaa biyya biyya isaaniitti hojjetame. Aadaa isaanii, haala nyaata isaanii, faaruu alaabaa isaanii waliin haala argachuu danda'anitti ijaarre.
''Ambaasadaroonni dhufanii ilaalanii waanuma mana isaanii galan itti fakkaachuun kan boo'an jiru. Ji'a tokko guutuuf nama nyaata isaanii bilcheessuuf biyya isaaniirraa fidatanii aadaa nyaata isaanii agarsiisu. Agarsiisa faashinii biyya isanii achumatti gaggeessu,'' jedhan Obbo Taadiyoos.
Kurriiftuun hundiyyuu saxaxaa ykn diizaayinii isaa irraa eegalee biyya alaatii meeshaan galchanii ijaaran hin jiru.
Ogeessi diizaayinii hojjetus, faaya adda addaa fi ogummaa biyya keessaa fayyadamuun ijaaru. Haala kanaan Kurriiftuun biraandii Afrikaa tahe.
Keessummoonni addunyaa irraa gara 'Africa Village' deeman Afrikaanonni dandeettii akkasii qabu jedhanii hin amanan.
Nuyi Afrikaan ofuma keenya warra adii irratti osoo hin hirkatiin hojjechuu dandeenya kan jedhu mirkaneessuuf hojjenna jedhan.
Dhaabbanni isaanii kun har'a waliigalaan hojjettoota 3000 ol qaba. Isaan keessaa 70% kan tahan dubartoota.
''Haadholiin madda galii yoo qabaatan, ijoolleen isaanii hin beeloftu'' kan jedhan Obbo Taadiyoos rakkoon dubartoota Itoophiyaa guddaa waan taheef isaaniif carraa kennuuf jecha akka isaan qacaran himan.
Hojjetoota isaanii kanuma muuxannoo tajaajila hoteelaa homaa hin qabne galmeessuun waggaa tokko kan tahuuf barsiisanii eebbisu. Warqaa ragaa tajaajilicha madaalu kennuufi. Kaffaltii homaa hin kaffalchiisan.
Sadarkaa idil-addunyaatti tajaajila kennuu akka danda'anitti leenjisu. Haala kanaan deebisanii achumatti qacaru.
Yeroo ijaarsa riizortota isaanii ammoo namoota hojii humnaa dabalatee ogummaa adda addaan qacaraman haga dhumaatti hordofuun warra ogummaa guddaa qabanii fi naamusa qaban adda baasu.
Yeroo ijaarsi riizoortichaa dhumu achumatti hanbisanii leenjii barbaachisu kennuufiin dhaabbiidhaan isaan qacaru himan.
''Jireenyi Sudaanitti ijoollummaakootti dabarse bu'uura naaf taheera. Ani hojjettootakoo akkuma obbolaakoottan ilaala malee akka hogganaa isaaniitti miti.''
Obbo Taadiyoos ''dargaggoonni har'as guddachuuf hojii filachuu hin qaban jedhu.
Namni hojii kamiyyuu kabajee hojjetee fi kan isaa godhatee hojjete ni jijjiirama. Ani mana namaa qacaramee hojjechuu irraan jalqabe. Yoo qacaramanii hojjetu tahellee akka kan mataa isaanii taheetti yoo hojjetan yeroo hundumaa nama barbaadamu tahu'' jedhan.
Obbo Taadiyoos ijoollee sadii qabu. Ijoolleen saanii sadanuu Ameerikaatti baratanii xumuruun ogummaa ogummaa isaaniin dhaabbata isaanii kana keessa hojjetu.
Isa dur Ameerikaatii gara biyyaatti deebi'uun ulfaataa isaanitti fakkaatu ture amma ijoollee abbaa isaaniitti boonanii fi hojii isaan dhaadatan tahaniiru.
Intalli isaanii Meelaat jedhamtu dhaabbaticha keessatti Itti gaafatamtuu dippaartimantii maarkeetiingiiti.
Tokko itti gaafatamaa oppireeshinii [Operation head] fi kan sadaffaa itti gaafatamaa biizinasii dhaabbatichaa [Business Development Head] tahuun hojjetu.
Ameerikaatti baratanii beekumsa isaaniin akka biyya isaaniitti hojjetan goone jedhan.