Ameerikaa Kolaraadootti Paartii Demookiraatii bakka bu'uuf filannoo kan moote Meelaat Kiroos eenyu?

Meelaat Kiroos

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bulchiinsa Ameerikaa Kolaraadootti Paartii Demookiraatii bakka bu'uuf dhalattuun Itoophiyaa Meelaat Kiroos filannoo duraa mo'atteetti.

Ilaalcha siyaasaa Demookiraatiik Soshaaliist jedhamu kan qabdu Meelaat filannoo Kibxata kaleessaa adeemsifameen paarticha keessatti yeroo dheeraaf kan tajaajilan Diyaanaa Dageet injifachuu dandeesseetti.

Mo'achuun Meelaat paartichi yeroo dhihoon asitti injifannoo galmeesse keessaa tokko akka tahe miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaniiru.

Meelaat Paartii Demookiraatiif kaadhimamtuu tahuun yeroo aanutti Paartii Rippaablikaanaa nama bakka bu'u waliin dorgomtee yoo mo'atte mana maree biyyattii galti jechuu dha.

Torbee darbe filannoo Niiw Yoorkitti adeemsifameen bakka buutonni paartii demookiraatii yeroo dheeraaf tajaajilan kaadhimamtoota biroo haaraan bakka buufamaniiru.

Guyyoota saddeet keessatti miseensa bakka buutota uummataa waliin dorgomtee mo'achuun Meelaat miseensa paarticha ishee sadaffaa taateetti.

Dhalattuun Itoophiyaa Meelaat Kiroos Sadaasa dhuftu filannoo adeemsifamu irratti ni dorgomti.

Dubartiin ganna 29 bara 2022 ture Yunivarsiitii Nootar Daam irraa seeraan kan eebbifamte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoonni yunivarsiitii haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwattu yeroo morman ''farra warraa Seemii'' jedhamuu isaanii balaaleffachuun marsariitii irratti yaada barreessitee ture.

Barreeffama kana marsariitii irraa akka buustu gaafatamtus didnaan waajjirri hojii seeraa keessaa hojjettu ishee arii'eera.

Kongireesiif akka dorgomtu gaafa ibsitu Seenaatar Barnii Saandar ishee deeggaruu gabaafameera.

Filannoo kanaan yoo dorgomuu jalqabdu paartileen Deemookiraatiik Sooshaalist oof Ameerikaafi Jastas Demookiraatis ishee deeggaraniiru.

Mana maree olaantummaa bakka buutota Rippaabliikaanaa qabu seenuuf filannoo Sadaasa dhuftu dorgomtu, teessoo paartii demookiraatiin qabu murteessa.

Meelaat guyyaa filannoo deeggartootasheef haasaa taasifteen ''itti gaafatamummaa gulantaa hundaan fiixee hanga fiixee mo'achaa jirra. Paartii keenyaafi biyya keenya deebisaa jirra,'' jechuu CNN gabaaseera.

Meelaat dubartii ganna 68 Diyaanaa Dageetiin mo'achushee hordofee deeggartoonni ijasaanii gara kaadhimatoota dargaggootti deebifachuu akka akeeku dubbatamaa jira.

Donaaldi Tiraamp gara aangootti dhufuun booda paartileen bakka buutota isaanii dargaggoota geeddaruutu mul'achaa jira.

Meelaat hariiroo Ameerikaan Israa'el waliin qabduufi imaammata diinagde Tiraamp irrattis gaaffii kaasteetti.

Akka CNN jedhutti Meelaat dorgomtuu mo'atteen balaa ''bulchiinsa fashaleeti'' jettee ishee ibsiti.

''Paartiin Demookiraatii deeggarsa kan dhabaa jiru sababa hawaasa hojjetaa taheef homaa gochaa waan hin jirreefi,'' jechuun falmaa turte.

Haasaa mo'icha booda taasifteen ''qabsoo kana Tiraampiifi sooreyyiitti baasuu qabna,'' jette.

Meelaat Finfinneetti dhalattee ijoollummaan Ameerikaa kan deemte yoo tahu mo'ichi miilanaa mana maree bakka bu'otaa akka seentuuf karaa banaafi.

Meelaat filannoo Sadaasa dhuftu Rippaabliikaan mo'attee mana maree seenti taanaan dubartii umriidhaan xiqqoofi dhalattu Itoophiyaa jalqabaa taati.