Aljeeriyaan seera nama bosonatti beekaa ibidda qabsiise du'aan adabu baasuufi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Aljeeriyaan balaa ibiddaa walitti fufinsaan naannolee biyyattii gubeen booda seera namoota beekaa bosonatti ibidda qabsiisan du'aan adabu raggaasuufi.

Miseensonni mana maree waliigalaa seera wixinee kana irratti sagalee kan kennan yoo tahu achumaan Kamisa kaleessaa, daa'ima butuunis yakka adabbii du'aa qabaatu tahuun labsameera.

Bara 1993 irraa qabee biyyattiin adabbii reebichaa seera yakkaa keessatti qabaattus, adabbiin du'aa garuu hin turre.

Biyyattii keessatti balaan abiddaa namoota 12 kan galaafate yoo tahu miidiyaaleen dhuunfaa lakkoofsi kana caaluu danda'a jedhu.

Pireezidantiin Aljeeriyaa Abdeelmajiid Tiboonee ministeerri haqaa seera yakkaa akka geeddaru ajajeera.

Biyyi kaaba Afrikaa kuni yeroo ho'a cimaa keessa turtetti kaaba-baha biyyattii keessatti balaan ibiddaa marsaa100 tahu qaqqabuun booda seerri akka bahu gaafatame

Seera haaraa kanaan namni kaayyeeffatee bosona, mukaafi maasiitti ibidda qabsiisuun balleessaan irratti murame du'aan adabama.

Seera haaraa bahuuf jedhu kanaan namni daa'ima butee dararee fi miidhaa saalaa irraan gahes du'aan akka adabamu murtaa'eera.

Akka AFP'n gabaasetti Ministarri Haqaa, Looftii Boojeemaa paarlaamaatti yoo dubbatan ''gochoota kanaaf adabbii du'aa qabaachuun yakka kana hir'isuuf deebii seeraa sirrii tahe dha,'' jedhaniiru.

Bosonatti ibidda qabsiisuun adabbii cimaa akkasii akka qabaatu kan murtaa'e ''gochaan tahe jedhanii bosonatti ibidda qabsiisuu gara yakka qindaa'aatti waan ce'eefi,'' jedhan ministarri haqaa kuni, ''qaamooti alaa'' harka keessaa qabus jedhaniiru.

Manni maree biyyaalessa seera kana ilaaluun booda pireezidantiin biyyattii ammoo ni raggaasu.

Gaazexeessituu Noozaa Kaaliif namoota balaa ibidda kanaa du'an maatiifi qondaalota mootummaa irraa walitti qabaa turte.

Tarree maqaa gaazexeessituun kun miidiyaa dhuunfaa irratti baasteen lakkoofsi namoota du'anii 200 gaheera.

Aljeeriyaatti yeroo bonaa ibiddi kan irra deddeebiin kan mudatu tahus sababa jijjiirama haala qilleensaan ammoo dabalaa dhufeera.