Gamtaan Afrikaa waraanni kaaba Itoophiyaatti dhalate hatattamaan akka dhaabbatu gaafate

Loltoota Maqaleetti

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dura taa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Maahaammud Alii Yuusuuf muddamani waraanaa kaaba Itoophiyaatti dhalate ''akkaan isaan yaaddessuu'' ibsan. ''Lolli kunis hatattamaan akka dhaabbatu,'' yaadachiisaniiru.

Roobii har'aa Fulbaana 13/2019 A.L.I ibsa gara galgalaa baasaniin buufataaleen xiyyaaraa Maqalee, Aksuum fi Shiree to'annoo jala ooluufi TPLF hojjettoota mootummaa federaalaa qabachuun akkasumas tajaajilli bu'uuraa uummataa adda cituun isaan yaaddessuu beeksisaniiru.

Humnooti Tigraay Roobii har'aa buufata xiyyaaraa Maqalee jiru to'achuu beeksisuun booda loltoota mootummaa federaalaa waliin waraanni jalqabuun dhagahameera.

Dhimmoota Afrikaa Bahaa irratti gorsaa Ministira Mummee Abiy Ahimadiifi pireezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii Obbo Geetaachoo Raddaa ergaa X irratti barreesaniin humnooti TPLF ''waraana banuu isaanii'' ibsaniiru.

Hogganooti Naannoo Tigraayi bulchan ibsa baasaniin haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaan ''nurratti baname'' jedhan ittisuuf humnooti isaanii ''tarkaanfii akka fudhatan,'' ajajamuu ibsaniiru.

Koominikeeshiniin Naannoo Affaaris Feesbuukii irratti ibsa baaseen ''eda har'aa qabee Naannoo Affaar godinaalee Kuulbatii Rasuu, Magaallee, Wasmanaa akkasumas iddoowwan kaanitti,'' waraanni ''banamuu'' beeksisniiru.

Dura taa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Kibba Tigraayiifi Naannoo Affaaritti lolli hammaachaa dhufuun isaan yaaddeessuu dubbataniiru.

Dabaluunis qindoominni humnoota hidhatan gidduu taasifame ''tasgabbii dhabuu kana hammeessa,'' jechuun ibsaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

''Qawwee callisiisuun bu'aa argame kan duubatti deebisu dha,'' jechuunis waloomni kuni akka isaan yaaddessu ibsa kanarratti dubbataniiru.

TPLF, Warraaqsa Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo dabalatee gareeleen hidhattootaa torba qindoominni uuman 'Tibibbir Lehilliwunnaa' jedhamu ibsa har'a baaseen mootummaa federaalaa irratti ''lafoofi qilleensaan haleellaa bal'aa,'' banuu beeksisaniiru.

Waliigalteen Piriitooriyaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaan mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti mallatta'e ''lola dhaabuufi nagaa waaraa fiduuf'' shoora qabu Mahaammuud Alii Yuusuuf eeraniiru.

Waraanni Tigraayi Waliigaltee Piriitooriyaan dhaabachuun booda hojiirra oolmaasaarratti mootummaa federaalaafi humnooti TPLF gaaffii kaasaa turan. Qaawwa umameef tokko, isa kaaniin komataa ture.

Durataa'aan kuni waliigaltichi ''Itoophiyaatti nagaa waarawaafi tasgabbiif dhakaa bu'uuraati,'' jedhaniiru.

Buufataaleen xiyyaaraa Tigraayi to'atamuun ittigaafatamummaa waliigaltee Piriitooriyaa ''faallessa,'' jechuunis eeraniiru.

''Nagaa waarawaa fi tasgabbii fiduuf tattaaffii jabaa taasifame,'' kan duubatti deebisu dha jechuun ibsa isaanii irratti kaasaniiru.

Obbo Geetaachoon ergaa X irratti barreessaniin waraanni dhalachuun taatee ''akkaan gaddisiisu dha,'' jedhaniiru.

Humnooti TPLF gamasaaniin tarkaanfii ofirraa ittisuutti seenuu himuun murtoon kan darbe humnooti mootummaa dursanii haleellaa banuu isaaniin jechuun himataniiru.

Qindoominni garee hidhattootaa Tibibbir Lehilliwunnaa gamasaan miseensonni qindoomina kanaa ''keesumaa kaaba Walloo, Waagimraa. Affaar gara kaabaa, haleellaa ofirraa ittisuu raawwachaa akka jiran himaniiru.

Qondaalli Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yuusuuf, ''gochaan lola kana hammeessu marti hatattamaan dhaabbachuu qaba,'' jechuun gaafataniiru.

Akkaataa bu'uura Waliigaltee Piriitooriyaatti ''otoo hin turiin marii kallattiitti'' deebi'uun akka barbaachisu ibsi isaanii beeksiseera.

Biyyooti ollaa Itoophiyaa gochaa lola kana hammeessurraa akka of qusatan yaadachiisaniiru. Dabaluunis ''lolli kuni akka dhaabbatuufi mariin akka jalqabu shoora isaanii akka bahatan,'' gaafataniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaa irratti jaarsummaan kan tajaajilan pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Oliiseeguun Obaasaanjoo tattaaffii dippiloomaasii akka itti fufan ibsichi gaafateera.