Kaaba Itoophiyaatti humnoota federaalaa fi hidhattoota Tigraay gidduutti waraanni jalqabuun himame

Taankii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Humnoota mootummaa Federaalaa fi finciltoota Tigraay gidduutti waraanni jalqabuu isaa ibsi gama lamaanirraa kenname ifa godheera.

Gorsaan Ministira Muummee Itoophiyaa Getaachoo Raddaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti humna mootummaarratti waraana baneera jechuun himateera.

"Aanga'oonni TPLF har'a ganama guutummaatti haleellaa naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti mootummaarratti waraana bananiiru."

Gama kaaniin waajirri pirezidantii naannoo Tigraay ibsa baaseen waraana irratti banuu himateera. Kun ammoo itti fufinsa haleellaa diroonii kaleessa magaalaa Allamaaxaatti gaggeessedha jechuun humnoota mootummaa Federaalaa himateera.

Obbo Getaachoon ibsa kenne keessatti dhimmamtoonni biyya keessaa fi hawaasni idil-addunyaa hangamillee carraaqan waraanni kun akka deebiyee hin kaane hambisuu hin dandeenye jedhe.

Obbo Getaachoon itti dabaluun, humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa federaalaan bulu naannicha keessatti argamu waan to'ataniif, balaliiwwan xiyyaaraa gara naannichaattii fi naannicharraa taasifaman akka haqaman taasisaniiru jedhe.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaas guyyaa Roobii gara ganamaa fuula Fesbuukii isaarratti ibsa baasen balaliin gara Tigraayitti taasisu ''yeroof adda cituu'' beeksiseera.

Waa'ee humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee jiruufi humnoota federaalaan tikfamu to'achuu dhagahamerratti gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.

Miidiyaan Faransaay AFP'n gama isaan maddeen eeruun humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Magaalaa Maqalee jiru to'achuu isaanii gabaaseera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen magaalota sadii naannoo Tigraay keessa jiran; Maqalee, Aksuum fi Shireetti, ALII Fulbaana 13, 2019 eegalee balaliin adda cituu ibseera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa isaa kana keessatti sababa balaliin adda citeef hin dubbanne garuu ''haala [naannicha] keessa jiruun'' adda cituu himeera.

Maddeen BBC balaliiwwan gara Maqalee, Aksuum fi Shireetti taasifaman guutummaan guututti adda cituu isaanii dubbataniiru.

Ji'oota dhiyootiin as erga TPLF bulchiinsa yeroo ce'umsaa naannoo Tigraay mootummaan Federaalaa muude fonqolchee aangoo qabateen booda naannicha keessatti muddamni daran dabaleera.

Konkolaataa waraanaan manca'e

Madda suuraa, Getty Images

Dabalataan ji'oota darban keessa nananoo Tigraay bakkeewwan gara garaa keessatti haleellaan diroonii humnoota TPLF irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa turuun gabaafama atureera.

Muddamni kun gara walitti bu'iinsaatti kan ce'e humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa magaalaa Maqaleetti argamuu to'atanii Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gara Tigraayitti taasisu addaan kutuu isaa erga beeksiseen boodadha.

Humnoonni Tigraay walitti bu'iinsa kana jalqabuu isaanii fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti ibsuun, "gochi itti gaafatamummaa malee aanga'oonni siyaasaa fi qondaalonni waraanaa TPLF itti jiran gara boqonnaa haaraatti ce'uu isaanii," eerera.

Walitti bu'insi kun deebiyee ka'uu ilaalchisee mootummaa Federaalaa irraa ibsi ifa ta'e hanga ammaatti hin kennamne.