Beneshaangul Gumuzitti manni-barumsaa shamarranii Faaroo Homoshaa dorgommii idil-addunyaarratti sadarkaa xumuraatti ce'e

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Manni barumsaa bultii shamarranii Faaroo Homoshaa, naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti argamu, manneen barnootaa filatamoo 10 keessaa tokko ta'uun dorgommii idil-addunyaa keessatti sadarkaa dhumaatiif gaheera.

Dorgommii kana waggaa waggaan kan qopheessu dhaabbata "T-Foor" jedhamu yoo ta'u, manni barumsaa Faaroo Homoshaa manneen barnootaa hedduu keessaa kaadhimamtoota 10 filataman keessaa tokko ta'eera.

Itti gaafatamaan Biiroo Barnootaa naannoo Beenishaangul Gumuz, Dr. Disaasaa Maaruu, BBCtti akka himanitti, manni barumsaa kun kan dhaabbata idil-addunyaa Faaroo Faawondeeshinii jedhamuun deeggaramu yoo ta'u, manneen barnootaa hedduu keessaa sadarkaa 10 jalqabaa qabatan keessaa tokko ta'uu danda'eera.

Manni barumsaa Faaroo Homoshaa kanneen filataman 10 keessaa tokko kan ta'e, haala rakkisaa keessatti bu'aa gaarii galmeessisuu fi barnoota sirna qabuun kennuu irratti bu'aa gaarii argamsiisuu isaatiin akka ta'e Dr. Disaasaan ibsaniiru.

"Haala rakkoon dinagdee fi qulqullinni barnootaa murtaa'aa ta'e jiru keessatti manneen barnootaa fooyyee qaban ni dorgomu," jedhan.

Akka Dr. Disaasaan jedhanitti, manni barumsaa kun aanaa Komoshaa keessatti argamuufi Faaroo Faawondeeshiniin deeggaramu, mana barumsaa bultii shamarranii barnoota sadarkaa idil-addunyaa waliin walsimu kennuudha.

Barattoonni mana barumsaa kanaas qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti bu'aa gaarii galmeessaa akka jiran himameera. Bara darbe barattoonni hundi qormaata biyyaalessaa darbuu isaanii fi bara kana ammoo dhibbeentaan 90 isaanii qormaata sana darbuu isaanii ibsameera.

Dorgommii idil-addunyaa kana keessatti manneen barnootaa 10 filataman keessaa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa kan ba'an adda baasuuf, itti aansee adeemsi sagalee kennuu gaggeeffama.

"Kun maqaa keenyaa fi maqaa biyya keenyaa haala gaarii ta'een waamsisuu danda'a," jechuun Dr. Disaasaan ibsaniiru.

T4 Education dhaabbata manneen barnootaa haala rakkisaa keessatti barnoota kennuun, tumsa hawaasaa cimsuun, jireenya fayyaalessa jajjabeessuun, kalaqaa fi dhimmoota biroo irratti bu'aa gaarii galmeessisan sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuudha.

Dr. Disaasaan akka jedhanitti, haala rakkisaa keessatti baruu fi barsiisuu itti fufsiisuu danda'uun ulaagaalee dorgommichaa keessaa isa tokko.

Waa'ee Faaroo Homoshaa

Manni barumsaa bultii shamarranii Faaroo Homoshaa, Faaroo Faawondeeshiniin kan hundeeffame yoo ta'u, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti argaman keessaa isa duraa keessaa tokko akka ta'e marsariitiin mana barumsichaa ibsa.

Manni barumsaa kun sirna barnootaa Itoophiyaa muuxannoowwan idil-addunyaa waliin walitti makuun akka kennu eerameera.

Kutaa 9ffaa irraa eegalee waggoota afuriif barattoonni shamarranii baasii barnootaa isaanii guutuun kaffalamuu danda'uun barnoota isaanii itti fufu.

Manni barumsaa Faaroo Homoshaa bara 2018 kan hundeeffame yoo ta'u, barattoota 240 keessummeessuu danda'a.

Mana barumsaa kanaan dubartoonni gufuuwwan carraa barnootaa argachuu isaan mudatan darbanii akka milkaa'an gochuuf, barnoota shamarranii irratti xiyyeeffatamee hojjetama.

Manni barumsaa kun Asoosaa keessatti damee kan qabu yoo ta'u, Itoophiyaan alatti Ruwaandaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessattis dameewwan qaba.

Waliigalaan, manneen barnootaa saddeet biyyoota afur keessatti argaman keessatti barattoonni 4,700 ol barumsa isaanii hordofaa jiru.