Abbaan daa'imasaa ajjeessuu akka barbaadu ChatGPT'tti hime hidhame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hubachiisa: Barreeffamni kuni qabiyyee dhimmoota lubbuu ofii balleessuu fi miidhaa qaamaa ilaalan ofkeessaa qaba.

Ergaa ati appiiwwan hubannoo namtolchee (AI) irratti barreessitu, ati qofti akka argitu yaaddaa?

Qonnaan bulaan Biraazil tokko ChatGPT waliin ji'a lamaa ol ergaa wal jijjiiraa ture. Ergaawwan inni barreesse keessaa muraasni garuu poolisii biratti shakkii uumaniiru.

"Anaa fi mucaa koo yoo ajjeeste, kuma 50 siif kennuufiin itti hime. Garuu daa'ima ajjeesuu hin barbaadu jedhe. Fedhiin nama ajjeesuu maalirraa akka maddu baruu barbaada. Namoonni yoo hiraaran arguun na gammachiisa."

Ergaan kun qonnaan bulaa Biraazil kun ChatGPT waliin wal jijjiire keessaa isa tokko.

Poolisiin akka jedhutti, namni ganna 36 kun mucaa isaa waggaa saddeetii ajjeesuu karoorfatee ture. Akkasumas, mucaa isaa ajjeesee namoota biroo miidhuu fi itti aansuun of ajjeesuu karoorfatee ture jedhameera.

Qonnaan bulaan kun ChatGPT waliin ergaa wal jijjiiraa kan ture ji'a lamaa ol yoo ta'u, ergaawwan isaa erga qorannoon irratti taasifamee booda poolisiin isa to'ate.

Biiroo Qorannoo yakkaa Ameerikaa ,FBI fi angaa'ota Biraaziliif odeeffannoo erga kenneen booda ga'eessi ganna 36 kuni kan too'atame.

Abukaatoon qonnaan bulaa kanaa garuu, "namni kun waan hiika hin qabne ChatGPT waliin haasa'aa ture malee yakka hin hojjenne," jechuun dubbata.

Dhimmi kun poolisii, manneen murtii fi dhaabbilee AI kalaqan biratti gaaffii guddaa kaasa: Namni tokko AI waliin haasa'aa yeroo jirutti, ergaawwan isaa balaa nama biraa irra ga'uu agarsiisan yoo mul'atan, eenyutu maal gochuu qaba?

Nageenya mucaa isaatiif jecha maqaan isaa ibsamuun kan hafe lammiin Biraaziil kuni, ji'a Waxabajji darbe baadiyyaa Saa'oo Gabri'eel Daapolhaayitti hidhame.

Kutaan qorannoo Yakkaa ministeera Haqaa Biraaziil dhimmicha poolisiif beeksisee guyyoota sadiin booda ture abbaan kuni too'annoo jala kan oole.

Buufata poolisii Eespiritoo Saantoosotti hogganaan qorannoo yakkoota saayibarii Bireno Andiree, "dhimma Kanaaf xiyyeeffannaa dursaa kan kennine abbichi mucaa isaa ajjeessuuf waan karoorfatee fi guyyaa itti ajjeesus waan lafa kaa'ateefi" jedhan.

Abbaan kuni waan mucaan kuni ittiin guddatu haadha isaatiif erguudhan alatti mucaasaa kana waliin hariiroo akka hin qabnes poolisiin himeera.

Shakkamaan kuni manni isaa yeroo sakatta'amuttis dhangala'aan waliisaa hin beekamne qaruuraan afurii fi wadaroon foo'ame argameera. Wadaroon kuni namichi of ajjeesuuf akka yaade kan mul'isu akka ta'e himu qorattoonni.

Ergaawwan ChatGPT waliin taasifaman

Namni kuni manneen barnootaa, manneen amantaa fi Polisoota irratti haleellaa raawwachuu irratti ChatGPT akka gaafate ibsameera.

Ergaan BBC'n ilaale tokko "bakka baalli sammuu namaa hadoochu itti gurguramu deemee yakkamtoota afur osoon ajjeesee magaala keessatti beekamaan ta'a. sanaan boodammoo poolisii tokko yookan lama ajjeeseen nagaan du'a" jedha.

Ergaan biraammoo "Shugguxii bitadhee Poolisootarratti dhukaasuuf yaadaan jira. yeroon itti dhukaase na ajjeesu. Kunis anaaf waan gaariidha" jedha.

Namni kuni dhangala'aa summaa'aa 'Rasin' jedhamu dabalaatee dhangalaa'oowwan summaa'oo biroo irrattis ChatGPT gaafachuunis bira gahameera. ChatGPT'n hojmaata nagummaa eeguuf diriire qabaatulleen isa darbee deemuuf yaaleera.

"Poolisiin mana isaa yeroo gahu waanni aappii sanarra jiru waan gara keenya dhufe waliin hidhata waan qabanidha" jedhu qorataan poolisii.

Namichi garuu mucaa isaarraan miidhaa geessisuu akka hin barbaanne himuun himaticha haaleera.

Guyyoota 54 hidhaatti erga dabarseen booda sababa himatnisaa lafarra harkifateef hidhaarraa gadhiifame. Poolisiin garuu qorannoo kan itti fufe yoo ta'u hanga ammaatti himatni irratti hin banamne.

Tarkaanfiiwwan ofeeggannoo dursaa garuu irratti murtaa'eera. Innis meeshaalee Elektiroonikii namnichi fayyadamu irratti hordoffiin akka taasifamuu fi mucaasaa fi haadha mucaasaa waliin akka wal hin argine dhiorkiin irra kaa'ameera.

Qorattoonni akka jedhanitti, bilbila shakkamaa kanaarrattis qorannoon taasifamaa jira.

Karoora isaa qabatamaan raawwachuuf tarkaanfiin qabatamaan hojiirra oolche yoo jiraateef bu'aan qorannoo Foorensiikiis eegamaa jira.

Kunimmoo waan ChatGPT waliin haasa'e hojiirra oolchuuf nama yakkicha isaaf raawwatu bitachuf yaalee yoo ta'e qorachuulleen dabalata.

Qorannoowwan kuni ragaadhaan yoo mirkanaa'an shakkamaan kuni yakka kana yaaduurra darbee gara gocha qabatamaatti cehuusaa kan agarsiisan akka ta'e himu qorattoonni.

Akka seera Biraazilitti yakki raawwatameera kan jedhamu gochichi yeroo raawwatamedha.

Abukaatoon shakkamaa kanaa Peedroo Paawuloo BBCtti akka himanitti, yakki hin raawwatamne.

"Hubannoo Namtolchee waliin haasa'uu fi waan hiika hin qabne dubbachuun yakka yoo ta'e, namni hunduu hidhaa seena" jedhan.

Qorumsa ragaa argachuuf jiru

Dhaabbileen Hubannoo namtolchee ragaawwan fayyadamtootaa poolisiif kan gabaasan haalota murtaa'oo qofarratti.

Ji'a Hagayyaa darbe Open AI dhimma dargaggeessa ganna 25 Filooriidaa jiraatuu FBI'f gabaasee ture. Dargaggeessi kuni jaalalleesaa duraanii gudeeduu fi ajjeesuuf karoorfatee ChatGPT'tti himuu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasanii ture.

Hogganaan kutaa qorannoo yakkoota Saayiberii, Birenoon akka jedhanitti, naannoo isaaniitti Hubannoo namtolchee waliin walqabatee qonnaan bulaa irratti yoo gabaasni akkanaa isaan dhaqqabu kuni kan jalqabaati.

Ammaan dura Guutummaa Biraazil keessatti gabaasni akkanaa sadi qofatu dhihaatee beeka.

"Namootni Hubannoo namtolchee fayyadamuudhaan yakka hojjechuuf ragaa walitti qabataniiruu kan jedhu qorachuuf tattaaffii gochuun qorannoo Poolisii keessatti damee haaraadha" jedhan.

Gabaasonni akkanaa dhaabbilee hubannoo namtolchee irraa yeroo ergaman adeemsa qorannoo isaa irratti gaaffilee hedduutu ka'a.

Gaaffiin jalqabaa ergaawwan akkanaa mana murtiitti ragaa ta'anii dhihaachuu danda'uuyii? Kan jedhudha.

Qorattoonni akka jedhanitti, ragaa Open AI kenne keessatti ergaawwan qonnaan bulaan suni erge malee deebiin ChatGPT'n kenne hin hammatamne.

Abukaatoo Mariyaa Fernaandeez akka jedhanitti, deebii kenname argachuu dhabuun adeemsa ragaa dhiheessuu keessatti qaawwa uuma. Sababni isaas adeemsi ergaa waljijjiirraa isaa ilaalamuu qaba.

"Ergaa cittuu ta'uu hin qabu. gulaalamuu hin qabu. ergaan waliif barreessan gara lamaanituu guutuun dhihaachuu qaba" jedhu.

Ergaan ChatGPT fi namni kuni waliif barreessan guutuun isaa ilaalamuu kan baarbaachiseefis adeemsa sana keeessatti ChatGPT'n waan gaafatameef deebii kennemoo, adeemsa isaatuu isatu dursaa ture kan jedhu baruuf gargaara.

Gabaasa Open AI Pooliisiif kenne keessatti deebiin ChatGPT maaliif hin dabalamne kan jedhurratti dhaabbatichi BBC'f deebii kallattiin hin kennine.

Garuu "Ragaa amanamaan namoota biroos balaaf saaxilu" yeroo argamutti qaamolee seeraaf akka kennu ibse.

A.L.A Bitootessa, 2026 Filooridaatti dhaabbata Open AI irratti qorannoon yakkaa banameera. Qorannoon kunis ajjeechaa namoota lama Yunvarsiitii Filooriidaa Isteet keessatti raawwatame keessatti qooda ChatGPT kan ilaaleni.

Open AI himaticha haaleera. Ragaan kenname namni kamuu argachuu kan danda'uu fi ChatGPT gochoota yakkaa akka hin jajjabeessine ibseera.

Tarkaanfii seeraa fudhachuu

Abukaatoo Maariyaan akka jedhanitti, halleellaa kanaaf kan qiyyaafame daa'ima ta'uunsaa Dhaabbatichi eeruu kana akka kennuuf sababa ta'eera. Garuu ragaa Hubannoo namtolchee qofarratti bu'uureffachuun himata banuun amaleeffamuu hin qabu jedhu.

"Karaa hubannoon namtolchee nama gargaare jedhuun yoo deemne nama hundarratti qorannoon taasifamuuf deema" jechuun ofeeggannoo gochuun akka barbaachisu himu.

Kana malees yaaddoo dhugaatiifi namootni miira isaanii ibsachuuf qofa haasaa taasisan hojmaanni ittii adda baasan diriiruu akka qabus gorsu.

Ogeettiin seeraa Dipitaal, Patrishiyaa Peek akka jedhanitti, taateen Biraazil kuni hubannoon namtolchee "gochoota itti fufiinsan taasifaman bu'uureffachuun amala hamaa ta'e hojmaata ittiin adda baafatu qabaachuu kan agarsiisu" jedhan.

Kunis adeemsa Hubannoo namtolchee akka jijjiire dubbatu.

"Haasaan achirratti taasifamu dubbii bira darbee gara waan balaa hordofsiisuutti, karoora badii kan ofkeessaa qabuuu fi nama miidhamuuf deemu kan ofkeessaa qabu waan ta'eef haalota tokko tokkoon ija seeraatiin tarkaanfii fudhachuu feesisa" jedhan.

Garuummoo haala garmalee ta'een faayidaarra ooluu akka hin qabnes akeekkachiisu.

"Qajeeltoon naamusaa hubannoo namtolcheeetiif hojiirra oolu qajeeltoo waan hunda too'achuuf oolu ta'uu hin qabu. yeroo miidhaan jiraatu qofa hojiirra ooluu kan qabu" jedhu.

Ogeeyyii yaaddoo jiru xiyyeeffannaa dhoowwachuun sirrii akka hin taane falmaniifis hordoffiin humnaa olta'e taasifamuu akka hin qabne akeekkachiisu.