Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maakroon 'tasgabbaa'aa, sirni haa kabajamu' jedhe hiriira mormii Faransaay booda
Pirezidantiin Faransaay Immaanu'eel Maakroon hiriira mormii Sanbataa gara ookkaraa fi saamichaatti jijjiiramuun booda ''tasgabbaa'aa, sirna kabajaa'' jechuun waamicha godhe.
Dilbatallee Paaris keessa jeequmsi itti fufee ture.
Masaraa mootummaa Élysée irraa ergaa dabarseen Maakroon, kanneen mormii kana keessaa qooda fudhatan akka muddama hin hammeessine akeekkachiisuun, "Hundi keenyayyuu dallanneerra, saalfanneerras" jedhe.
Mormitoonni karaa nagaa 550,000 ta'an karaatti bahuun gatii boba'aa dabale, jireenya qaalaye fi manneen barnootaa dabalatee tajaajila mootummaa rincicee morman.
Maakroon "mormitoonni gaaffii seera qabeessa qabatanii bahanii fi kanneen mancaatii qabeenyaa, diiguufi saamichatti hirmaatan adda bahuu qabu"jedhe.
Poolisiin namoota 2,400 to'achuu ministeerri dhimma biyya keessaa Faransaay beeksise
Pirezidantiin Faransaay jeequmsa "to'annaan ala" ta'e kana "wanti tokkollee sababa ta'uu hin danda'u" erga jedhanii booda, kanneen itti hirmaatan hundi seeratti akka dhiyaatan dubbatan.
Gareeleen jeequsa uuman, tokko tokko isaanii uffata gurraacha uffatanii fi maaskii akkasumas haguugduu mataa godhatanii, magaalaa Paaris, Maarseey fi magaalota biroo keessatti karaatti bahan.
Isaan keessaa gariin konkolaattotaa fi gamoowwanitti ibidda qabsiisan.
Dilbata darbellee, haa xiqqaatu malee saamichii fi walitti bu'iinsi poolisii waliin taasifamu kutaalee magaalaa guddoo fi Liyoon tokko tokko keessatti itti fufee ole.
Akka gabaasa oduu AFPtti, Paaris keessatti namoota dhibbootaan lakkaa'aman irratti gaaziin imimmaansuu fi boombiin kan dhukaafame yoo ta'u, meeshaaleen qaruuraa fi dhagaan immoo gara poolisiitti darbamaa ture.
Dilbata darbe magaalotni biyyattii hund jeequmsa seenaa Faransaay ammayyaa keessatti isa hammaataa ta'etti guddachaa dhufe kanaan wal'aansoo wal qabaa oolan.
Magaalaa Limoo keessatti, masaraan magaalaa miidhagaan jaarraa 19ffaa keessa ijaarame ibidda Sanbata darbe mormitootaan itti qabsiifameen barbadaa'eera; sa'aatiin bantiisaarra turee fi baaxiin isaa kan jige yoo ta'u, ibiddis guutuusaatti qabateera.
Naannoo gamoo barbadaa'e sanarraa haasawa kan goote Annèyse, "Kun baay'ee nama gaddisiisa. Sababa mootummaa irratti aarte qofaaf gamoowwan hambaa seenaa miidhuun ofittummaadha jedheen amana. Kun nama hundumaa miidhaa jira," jette.
Namni biraa maqaa isaa Jeraard jedhee ibse immoo, "Kun baay'ee jibbisiisaa fi kan hin amanamnedha," jedhe. "Baay'ee gaddinee jirra, gara haala duraaniitti deebisuufis yeroo dheeraa akka fudhatu nan amana."
Dilbata ganama , daldaltoonni Paaris keessatti caccabaa fuullee gurguddoo yoo sassaaban, konkolaattonni kosii kaasan immoo daandiiwwan gurguddoo irratti caccabaa turequlqulleessaa turan.
Saamichi bal'aan magaalota Paaris, Maarseey, fi Liil, akkasumas naannoolee biroo keessatti raawwatameera. Pirezdant Maakroon akka jedhanitti, bulchitoonni naannoo fi kantiibonni magaalotaa tarkaanfiiwwan suuqotaa fi gamoowwan hawaasaa ittiin tiksan ni qopheessu.
Pirezidantichi tarkaanfii poolisiin mormitoota irratti fudhate ilaalchisee "iftoomini guutuun" akka jiraatus dubbate. Sanbattan gaasiin imimmaansuu fi bishaan humnaan facaafamu gara uummataatti kan naanneffame yoo ta'u, poolisiin ittisa jeequmsaa bakka adda addaatti namoota uleen yoo dhaanus mul'ateera.
Ministeerri Biyya Keessaa Faransaay akka jedhetti, Sanbata duraa poolisoonni 1,000 madaawanii jiru. Isaan keessa torba kan ta'an akka malee madaa'an.
Hiriirri mormii barattootaa ji'a darbe jalqabe Sanbata darbe miseensonni gamtaa daldaltootaa fi gareen mormitoota mootummaa biroon erga itti dabalamanii booda haalaan hammaatee jira.
Deebiin hoggantoota siyaasaa biraa kenname akka agarsiisutti, Faransaay filannoo Eebla dhufu godhamuuf qophaa'aa yeroo jirtu kanatti, qoqqoodamiinsi siyaasaa bal'aan uumamaa jiru fiixee lamaanii walitti buusuu akka danda'u akeekeera.
Minisitirri Biyya Keessaa Faransaay Laurent Nuñez, hiriira ba'uun mirga bu'uuraa ta'us, "kanneen hiriira kana bahan keessaa leellistoonni gara bitaa" gamoo uummataarratti xiyyeeffachuu fi poolisi dura dhaabbachuun "gochaawwan sukkanneessaan" raawwatamaniiru jedhan.
Boodas, "wanbadootni magaalota Faransaay hedduu keessatti daldala adda addaa saamanii fi mancaasanin" itti dabalamuu isaanii dubbatan.
Jean-Luc Mélenchon—hoogganaan paartii ilaalcha gara bitaa 'La France Insoumise'—Nuñez fi hooggantoota poolisii miidiyaa hawaasummaa irratti jabeessanii qeeqaniiru.
Isaanis teessuma hiriirichaa irratti "gahumsa dhabuu" akka agarsiisan dubbachuun, "ogeessota jeequmsa gurmaaye uumuu" jedhaniin isaan waamaniiru.