Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiriirri humnootaa jijjiiramuun waraana Kaaba Itoophiyaarratti jijjiirama akkamii fide?
Waraana kaaba Itoophiyaa amma deemaa jiruufi kan bara 2020-2022 gaggeeffamerratti humnoonni wal-tumsaa turan amma hiriirrisaanii jijjiirameera.
Waraana jalqabaarratti mootummaan federaalaa michoota isa deeggaran lama qaba ture. Humnoota mootummaa federaalaan alatti hidhattoonni Amaaraa tumsa bahaniifii ture. Ertiraanis loltootashee bobbaastee mootummaa Itoophiyaa gargaaruun TPLF lolte.
Waliigalteen Piritooriyaa bara 2022 mallattaa'uu booda hiriirri humnoota waraana Kaaba Itoophiyaarratti hirmaatanii jijjiiramuu eegale.
Itoophiyaa gargaaruun TPLF lolaa kan turte Ertiraan hariiroon isheen Itoophiyaa waliin qabdu laffataa deemuun gara muddama waraanatti cehee jira. Mootummaa federaalaa waliin Waliigaltee Piritooriyaa kan mallatteesse TPLF Ertiraa duraan wal-waraanan waliin michummaa tolfatee jira.
Hidhattoonni Amaaraa jalqaba mootummaa deeggaranii TPLF lolan Waliigaltee Piritooriyaa booda naannoo Amaaraa keessatti Faannoo jedhanii of gurmeessuun mootummaa Itoophiyaa loluu eegalan.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeeffamee turerratti mootummaa federaalaa hidhattoota Amaaraa of duuka hiriirsee gamaa ammoo Ertiraa waliin ta'uun sadi ta'anii TPLF lolan. Yeroo sana TPLF qofaa ture jechuun ni danda'ama.
Waraana bifa haaraan kaaba biyyattiitti eeggaleen hiriirri sun jijjiirameera. Warri dura mootummaaf daboo bahan amma mootummaa waliin lolatti jiru ykn muddama waraanaa keessa jiru.
TPLF gama biraan akka waraana isa jalqabaa sana marfama keessa galee hin jiru. Ertiraafi hidhattoonni Faannoo yoo xiqqaate isa hin lolan. Warri jalqaba mootummaa federaalaa waliin hiriiran Ertiraafi humnoonni Amaaraa [Faannoon] amma gama TPLF hiiriiranii jiru.
Jijjiiramuun hiriira humnoota waraana irratti hirmaatanii kun mootummaa federaalafi TPLF akkamiin fayyade? Akkamiin immoo isaan miidhe? Itti baha waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruu murteessuu keessatti gahee akkamii qaba? gaaffilee jedhan xinxaaltotarraa iyyaafannee akkanaan qixeessineera.
Bizunaa Yimanuu (PhD) Yuniversitii Kuwiinsi Belfast jedhamutti barsiisaa dhimma siyaasaa yoo ta'an, hiriirri humnootaa duraan wal-faana dhaabbataa turanii jijjiiramuun waraana waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruufi Etiraan waliin gaggeeffamuu maluurratti dhiibbaa heddu akka hin qabaanne ibsu.
Akka isaan jedhanitti, mootummaan Itoophiyaa waraana bara 2020-2022 gaggeeffamerraa waa heddu barateera. Gama biraan ammoo humni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaafi kan Ertiraa akkasumas kan qaamolee hidhatanii biyya keessaa isa lolaa jiranii akka wal-hin ginne falmu.
"Itoophiyaan yeroo riphee loltoonni addaa addaa biyya keessa jiran Ertiraa waliin walitti bu'uun waraana sana [biyya keessatti gaggeeffamu] itti hammeessa. Garuu madaala waraanaa yoo ilaallu, humni Itoophiyaan qabduufi kan Ertiraa kan wal-madaalamu miti.
Humni riphee loltoota Itoophiyaa keessa socho'an qabaniifi kan mootummaa wal hin madaalu," jechuun hiriirri humnootaa jijjiiramus humni mootummaan amma qabu cimaa ta'uu kaasu.
TPLF qondaalota akka Getaachoofi Jeneraal Tsaadiqaan fa'aa dhabuun kasaraa guddaa itti fide
Waraana jalqabaa irratti TPLF qophaasaa mootummaa federaalaa, Ertiraafi humnoota Amaaraa lolus, qondaalota waraanaafi siyaasaa muuxannoo yeroo dheeraa qaban of keessatti kan qabate ta'uusaatiin dhageettii idiladdunyaatuu argatee ture.
Waliigaltee Piritooriyaa booda qondaalota TPLF gidduutti garaa garummaa dhalateen gaggeessitoonni siyaasaafi waraanaa olaanofi buleeyyii ta'an keessaa bahanii mootummaa federaalaa waliin hojjachuu eegalan. Kaan isaanii gama lachuu goruu dhiisanii callisuu filatan.
Pirezidaantii duraanii Bulchiinsa Yeroo Cehuumsaa Naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaafi ittaanaasaanii kan turan Jeneraal Tsaadiqaan warra dursanii adeemsa TPLF morman keessati.
Kuni ammoo TPLF addumatti waraana amma gaggeeffamaa jiruun balaa hamaaf akka isa saaxile himu Yuniversitii Finfinneetti hayyuun saayinsii siyaasaa fi dippiloomasii kan ta'an Nagaraa Guddataa (PhD) turtii BBC waliin taasisaniin.
Akka isaan jedhanitti, waraana 2020-2022 irratti namoonni akka namoonni akka Obbo Getaachoo Raddaafi Jeneraal Tsaadiqaan fa'aa dippilamaasiin namoota TPLF utubaa turan.
"TPLF amma [waraana ammaa kanaan] adda waraanatti akka baay'ee dadhabu sababoota godhan keessaa tokko kana [namoonni akka Obbo Getaachoo fa'aa TPLF keessaa bahuudha].
"Namoonni akka Getaachoo fa'aa, jeneraalonni kun dippilomaatota biyya bakkee [birratti] sagalee guddaa qabaniidha. Warra aangorra turaniidha, [isaan dhabuun] akka malee [TPLF] miidhera. Isaan keessaa namni Getaachodhaafi Jeneraal Tsaadiqaanin gahu hin jiru," jechuun qondaalonni waraanaafi siyaasaa jajjaboon TPLF keessaa bahuun waraana ammaarratti kufaatiin cimaan TPLF akka mudatu taasisuu himu.
Gama biraan ammoo qondaalonni siyaasafii waraanaa waraana jalqabaarratti TPLF waliin turan, sadarkaa olaanatti icciitii keessaa dhaabichaa warra beekaniifi akkaataa lolaa, tooftaafi bahaa gala humna TPLF warra beekaniifi adda dureen keessa turaniidha.
Addumatti ammoo TPLF kan kuffise keessoo isaatti waldhabuu akka ta'e himu Nagaraa Guddataa. Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame booda gaggeessitoota TPLF gidduutti dhibdeen uumamuurraa kan ka'e paariifi humni waraanaa faallaa TPLF ta'e humna isa keessaa baheen ijaarame.
Namoonni siyaasaa akka Obbo Getaachoo Raddaa paartii Simrat jedhamu yoo hundeessan, gaggeessitoonni waraanaa humnoota Tigraay keessaa bahan Gama biraan ammoo humni siyaasaa irraa adda bahee Humna Nagaa Tigraay (TPF) jedhamu hundeessan.
TPLF torbanootan dura haleellaa eegaluu booda, Raayyaa Ittisaa waliin hiriiruun TPLF kan lolan humnoota kanaadhan.
Cabiinsi keessoo TPLFtti uumamuufi gaggeessitoonni siyaasaafi waraanaa ciccimoon keessaa bahuun gara mootummaa goruunsaanii mootummaan federaalaa icciitii waraanaa, gurmaa'insaafi qophii akkasumas tooftaa humnoonni Tigraay fayyadamanii waraana isa jalqabaarratti lolan akka baru isa gargaarera.
Kuni ammoo waraana amma gaggeeffamaa jirurratti TPLF haleellaa gaggeessurraa saffisaan Maqalee qofaa osoo hin taane magaalotaafi bakkeewwan Tigraay gadhiisuun gara daangaa Ertiraatti akka dhiibamu taasisuu keessatti gahee guddaa akka taphatetu himama.
'TPLF akka waraana isa jalqabaa marfama keessa hin jiru, garuu humnisaa caccabeera'
Waraana Kaaba Itoophiyaatti bara 2020-2022 gaggeeffamerratti, TPLF marfama cimaa keessa ture. Keesodhaa humnoota federaalaafi humnoota Amaaraan, gamaan ammoo loltoota Ertiraan marfama keessa galee lolaa ture.
Marfama keessa galee dhiibbaa cimaa keessatti haa lolu malee, gaggeessitoonni waraanaafi siyaasaa Itoophiyaa keessatti muuxannoo cimaafi waggaa dheeraa qaban of harkaa qaba ture. Kanarraa kan ka'e gama waraananis ta'ee dippilomaasiin mootummaa Itoophiyaarra dhiibbaa cimaan akka ture himu Bizunaa Yimanuu.
"Dhugaadha TPLF yeroo jalqabaa [waraana jalqabaa irratti] qophaa ture. Garuu humna jabaa yeroo dheeradhaaf Tigraay keessa ture of harkaa qaba ture," jechuun keessumaa namoonni mootummaa federaalaa keessatti muuxannoo waraanaa, odeeffannoo tikaa qaban waliin akka turan himu.
"Mootummaan federaalaa jabinnisaa, laafinnisaa eessa akka ta'e sirriitti namoota beekantu TPLF waliin lolaa turan. Keessoo mootummaa federaalaatii odeeffannoo ni argata ture," jedhu.
Gama biraan ammoo Sadaasa 2020 yeroo haleellaa gaggeessu, meeshaaleen Itoophiyaan qabdu harki 80 ol naannicha keessa jiraachuufi sana to'achuun humna jabaa qabaachuuf carraa akka kenneef himu.
"Loltoota heddu kan mootummaa federaalaa ajjeesanii, meeshaa waraanaa heddu fudhatanii, kaampii [waraanaa] heddu dhuunfatanii ture. Kanaaf, qophaa haa dhaabataniyyuu malee humna cimaa qabu turan jechuudha.
Ertiraanillee itti dabalamtee mootummaa Itoophiyaa deeggartee, humni Faannoo illee mootummaa federaalaa deeggaranii osoo jiranii waraanni sun salphaa hin turre Itoophiyaadhaaf," jedhan.
Adeemsa keessa namoonni buleeyyifi muuxannoo qaban TPLF keessaa bahanii, kaan mootummaatti dabalamuun kasaaraa hamaaf saaxiluu kaasu xinxaalaan kun.
Hiriirri humnootaa jijjiiramee Ertiraan gara TPLF goruurraa kan ka'e TPLF akka waraana jalqabaa sana marfamee rakkoo loojistikiifi dhiyeessii hin qabaatu. Keessumaa daangaan isaaf banaa waan ta'eef dhiiyeessii meeshaalee waraanafi biroo argachuuf hin rakkatu.
Haa ta'u garuu waraana amma kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun ofiisaa haleellaa banee yeroo gabaabaa keessatti Raayyaa Ittisaa Itoophiiyaafi humnoota TPF dandamachuu dadhabee hanga daangaa Ertiraatti of duuba deebi'uunsaa humnisaa caccabaa deemuu kan agarsiisa jedhu xinxaaltonni.
Gama Ertiraanis [TPLF gargaartee] daangaa Itoophiyaa seentus, heddu osoo hin turin loltootashee gara daangaasheetti deebistee akka jirtu jiraattonni magaalota Tigraay naannoo daangaa Ertiraatti dhiyoo jiran himu.
"TPLF amma gargaarsa ni qaba, garuuu humnisaa caccabeera. Humni Ertiraas hagami. Ertiraan biyya uummata miliyeena 3.5 hin caalledha. Sana keessaa dargageeyyiin akka jiraniin biyya alaatti baqataniiru," jechuun humni waraanaa Ertiraa amma jiru teeknolojiin kan dabalaame akka hin taane kaasu Bizunaa Yimanuu.
Xinxaaltonni BBCn dubbise akka jedhanitti waraana kaaba Itoophiyaatti kana dura gaggeeffamee amma deemaa jirurratti hiriirrifi tumsi humnootaa jijiiramus, itti baha waraana amma deemaa jiruurratti mootummaan olaantummaa akka agarsiisaa jiru himan.
Humnoonni kana dura mootummaa federaalaa irra goranii TPLF lolaa turan amma TPLF wajjin hiriiranis, Raayyaan Ittisa biyyaa Tigraay keessatti yeroo gabaabaa keessatti humnoota TPLFfi Ertiraa duubatti deebisuu irraa hin hanqisne.
Waraana bara 2020-2022 gagge booda naannoo Amaaraa keessatti humni Faannoo ifatti gurmaa'uun mootummaa federaalaa irratti lola banuun TPLFdhaaf akka fayidaa tokkootti ilaalamus, gama biraan ammoo humnoota Tigraay waliin mootummaa federaalaa lolaa kan turan irraa cabsachuun Humna Nagaa Tigraay (TPF) hundeessuun mootummaa federaalaaf humna ta'eera.
Ajajoonnifi miseensonni humnoota TPF kanneen waraana waggaa lamaaf gaggeeffame keessatti kallattiin hirmaataniifi bahaa gala TPLF beekan ta'uunsaanii, waraana amma gaggeeffamaa jiruun mootummaan Tigraay keessatti hatattamaan akka olaantummaa gonfatu akka gargaaretu himama.