Yeroo rakkoo yookiin balaa tasaatti nyaatawwan akkamii kuufachuutu gorfama?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Biyyoonni addunyaa garagaraa El Niinoon walqabatee yaaddoo haalawwan qilleensaa hammaatoof saaxilamaniiru.

Biyyoonnifi dhaabbileen idil addunyaas argamarratti hundaa'uun lammiileen biyyoota garagaa balaawwan akka lolaa, sigiga lafaa, hanqina roobaafi ibidda saafaa ilaalchisee akeekkachiisa dursaa laachaa jiru.

Jijjiirama qilleensaa, dhukkubniifi walitti bu'iinsi dhiyeessii oomishaalee soorataa idileerratti dhiibbaa geessisuu kan danda'an yemmuu ta'u, rakkoo sababa kanaan uumamuu maluuf dursanii qophaa'uun akka barbaachisus ogeeyyiin himu.

Ogeessa tarsiimoo cancala dhiyeessii kan ta'an pirofeesar Richaard Waayilding, ogeeyyiin geejjiba galaanarraa yeroo hunda rakkoolee addunyaa waliin kan ofsimsiisan ta'uusaatiin namoonni "akka malee yaadda'uu" akka hinqabne himu.

Haa ta'u malee namoonni yeroo barbaachisaa ta'etti wantoota yeroo idileetti bitanirraa adda ta'an bituuf qophii ta'uu akka qaban himu.

Wantoota akkamii olkaawwachuu qabna?

Faawundeeshinii Soorataa Biritiishitti saayintistii soorataa kan ta'an Dr. Saamii Jill, namoonni gareewwan soorataa murtaa'aniif dursa kennuu akka qaban himu.

Isaanis kaarbohaayidireetiiwwan walxaxoofi pirotiinoota akka ta'an saayintistiin tun himu.

Haaluma kanaan kaarbohaayidireetiiwwan walxaxoo kunneen akka buskuta qamadii, ija midhaanii akka qamadii, boqqoolloofi garbuu akkasumas daabboo, ruuziifi paastaa olkaawwachuu gorsu.

Pirotiinoota keessaammoo shumburaa, missira, lawuziifi qurxummii yeroo dheeraaf akka turutti qophaa'ef dursa kennuu akka qabnu dhaamu.

Gorsituu dhimma soorataa kan ta'an Rebekaa MaakMaanman immoo vitaaminootafi faayibarii argachuuf cuunfaawwan warshaa keessatti omishamaniifi meeshaa qorqoorroo keessatti saamsaman filatamoo ta'uu himu.

Kana malees kuduraawwan, killeefi aannan bifa yeroo dheeraaf turuu danda'aniin qophaa'anif dursa kennuu akka qabnus ogeeyyiin lachuu himu.

Wantoota bituurraa ofqusachuu qabnu

Saayintistii soorataa kan ta'an Dr. Saamii Jill, yeroo balaa tasaatti nyaatawwan ashaboofi sukkaara baay'inaan ofkeessaa qaban bituurraa ofqusachuu akka qabnu gorsu.

Akka fakkeenyaattis nuudilii dafee bilchaatufi ashaboo baay'inaan qabu (inistaant nuudil)fi nyaatawwan walfakkaatoo biroo eeru.

Kana malees foon hamma ashaboo baay'een tursiifamefi qorqorroo keessatti saamsamerra qurxummiin qorqoorroo keessatti saamsame filatamaa akka ta'es himu.

Dabalataan hammeentaa sukkaaraa olaanaa waan qabaniif buskutawwanfi chokkoleetii nyaannu daangessuun akka barbaachisus himu.

Bishaaniifi vitaaminoota

Haalli qilleensaa akka fedhe ta'ullee namni tokko guyyaatti dhangala'aa liitira 1.5 hanga 2.5 fudhachuu akka qabu MaakMaanman himu.

Dhangala'aan kunis adda durummaan bishaanirraa kan argamu akka ta'efi yoo hanqinni dhiyeessii jiraatemmoo nyaatawwan saamsamanfi hamma dhangala'aa baay'inaan qabanirraa kan argamu akka ta'es himu.

Fayyaqabeessummaa nyaata saamsamee kan gaafataman Dr. Jill, "gama qabiyyeen yoo ilaalle nyaatawwan qorqoorroo keessatti saamsamanfi nyaatawwan fireeshii gidduu garaagarummaa qabiyyee soorataa xiqqootu jira" jedhu.

Dabaluunis "gama qabiyyee kaarbohaayidireetii, pirotiiniifi faayibarii, vitaaminoota akka A fi E akkasumas albuudaan nyaatawwan saamsamanfi hin saamsamne gidduu garaagarummaa xiqqaatu jira" jedhan.

Garuummoo nyaatawwan qorqoorroo keessatti saamsuun hammeentaa vitaaminoota B fi C sooratawwan keessa jiran hanga tokko kan hir'isu akka ta'es himaniiru.