'Lammiileen Itoophiyaa fi Keeniyaa gowwoomfamanii Eeshiyaa cehan networkii yakkaa keessatti dararamaa jiru' -IOM

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Lammiileen Keeniyaa fi Itoophiyaa hojii barbaacha dallaalotaan gowwoomfamanii gara Eeshiyaa godaanan dabalaa jiru.

Lammiileen kunneen mooraa gowwoomsaan oonlaayinii gaggeeffamutti naqamanii gochaa waliindhahuu oonlaayiniirratti akka hirmaatan dirqisiifamu jedha gabaasni Dhaabbata Godaantotaa UN (IOM) .

Dhaabbanni Godaantotaa Idil-Addunyaa (IOM) akka jedhutti, networkiin yakkaa namoota biyya alaatii hojii barbaadan gowwoomsuun, mooraa eegumsa addaa qabu keessatti ugguruun gowwoomsa oonlaayinii akka raawwatan doorsisuu, dararuu fi reebuu raawwataa jiru.

Hogganaan Guyyaa Ittisa Daddabarsa Godaansaa IOM Roobii yaada kennaniin lammiileen baay'een Afrikaa Bahaa balaa wiirtuu gowwoomsaa oonlaayinii Eeshiyaa kanarraa baraaramaa warra jiran keessayi.

Adeemsi kun tooftaa daddabarsa namootaa seeraan alaa haaraa uumamaa jiru ta'uu eeran.

Saaxilamtoonni beeksisaafi hojii hawwataan akka jiruutti himamuun qacaramu jedhan.

Haa ta'uu malee, yoo achi gahan hedduu isaanii paaspoortiin isaanii jalaa fudhatama, gowwoomsa oonlaayiniirratti akka hirmaatan dirqisiifamu, kana akka godhaniifis hordoffiin cimaan irratti raawwatama jedha.

Akka Ejensiin kun jedhutti kanneen balaa kanarraa hafan gochaa gowwoomsaa kana diduu isaaniitiin reebichi irratti raawwatamuu, miidhaa saalaaf saaxilamuu, beeleffamuu fi kophaatti baafamanii hidhamuu himatu.

Daarektarri IOM kan Baha, Gaanfaa fi Kibba Afrikaa Frantz Celestin "miidhamtoota Baha Afrikaa balaa kanarraa oolanirraa wanti hubatamu yakki kun fagoo akka hin jirre dha" jedhan

"Networkiin yakkaa kun namoota hojii barbaada naannoo Baha Afrikaatti argamanirratti xiyyeeffachuun odeessa sobaa hojiin biyya alaa jiraachuu hima" jedhan.

IOM dallaalonni namaa kunneen networkii isaanii bal'isuun Eeshiyaa bira cehanii Afrikaarraa nama qacaraa jiru jedha.

Ejensichi bara 2022fi 2025, jidduu saaxilamtoota Kibba Baha Eeshiyaa 3,500 kan biyyoota 39 irraa kanaaf saaxilaman gargaaruu hima.

Baay'inni lammiilee kanneenii biyyoota Indooneeshiyaa, Indiyaa, Siriilaankaa, Baangilaadesh, Itoophiyaa fi keeniyaa irraayi.

IOM baay'ina lammiilee Itoophiyaa fi Keeniyaa akkaataa kanaan qacaramanii hin eerre.

Hojii gowwoomsa oonlaayinii kanaan bara darbe qofa Eeshiyaa Bahaa, Awustiraaliyaa fi Niiwziilaandirraa galiin dolaara biliyoona 88 hanga biliyoona 114 argamuu Waajjirri Qoricha Sammuu Hadoochuu fi Yakkaa UN beeksise.

Miiidhamtoonni kuma dhibbaan lakkaawaman mooraa gowwoomsa oonlaayinii keessatti ugguramanii akka jiran amanama.

Miidhamtoonni hedduun akka yakka hin dalagneetti yaadu, sababnisaas oonlaayinii gowwoomfamaniiti.

Mootummoonnis isaan kanneen miidhamtootra dallaalota nama daddabarsaniitti akka isaan hubatu waamicha godhuu fi eegumsii fi deeggarsi akka godhamuuf gaafate.

Kanneen hojii barbaadan hojii biyya alaa irratti affeerraa godhamuuf akka gadi fageenyaan qoratan IOM waamicha godhe.