'Icciitii saayinsii hinfuramne': Akkaataa sammuun keenyaa itti hojjeturratti adoochituun maal saaxila?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bara 1797 harkisaa inni mirgaa kan cite ajajaan humna galaanarraa Biritish Admiiraal Horaatiyoo Neelsan, yaalii baqaqsanii yaaluu godhameefin lubbuunsaa oolte.

Haa ta'u malee wayita yaaliin taasifamutti adoochituun komaandara kanaaf kenname dhugaatii alkoolii shankoorarraa hojjetamu akka ta'e himama.

Seenaa dhala namaa keessatti dhukkubsatoonni harkaafi milli isaanii cituun barbaachisu osuma dammaqanii jiranuu harkaafi milli isaanii muramaa ture.

Kanaafis bara 1846'tti adoochituun waliigalaa kan guutuu qaama namaa addoochuu tajaajilarra ooluu eegaluunsaa seenaa yaalii dhala namaa keessatti tarkaanfii guddaa ture.

Yeroo ammaattimmoo adoochituutti fayyadamuun namooni salphumatti yeroo muraasaaf akka of wallaalan gochuun danda'ameera.

Ragaaleen akka agarsiisanitti waggaa waggaan adoochituu waliigalaatti fayyadamuun yaaliwwan baqaqsanii hodhuu miliyoona 350 ol ni adeemsifamu.

Haa ta'u malee qorichoonni icciitiin guutamanfi namoonni akka of wallaalan taasisan kunneen akkamiin akka hojjetan guutummaatti hinbeekamu.

Mallattooleen xixxiqqoon amma baramaa jiranis saayintistoonni sammuun keenya akkamiin akka hojjetu akka baran gargaaraa jiru. Maddi dammaqinaa maal akka ta'ellee akka hubataniif ka'umsa ta'aa jiru.

Hirriiba waliigalaa

Gosoonni addochituu garaagaraa kan jiran yemmuu ta'u, tokko tokko miira dhukkubbii ittisuun hojjetu. Adoochituuwwan tokko tokkommoo miira hirriibaafi tasgabbii keessa kan nama galchanidha.

Adoochituuwwan waliigalaammoo gosoota adoochituu olitti eeraman lamaanin addadha. Qorichoonni kun akka of wallaaltan isin taasisu, wanti fedhe yoo uumamellee wanta adeemaa jiru beekuu hindandeessan.

Adoochituuwwan namoonni akka of wallaalan taasisan gosoota heddu kan jiran yemmuu ta'u, adoochituuwwan gaasiiwwan walnyaatinsa gochuu hindandeenye kan akka Zeenan (xenon) isaan tokko.

Gosoonni adoochituu gaasiiwwan walnyaatinsa gocuu hindandeenye kunneen baay'inaan faayidaarra kan hin oolle yemmuu ta'u, kan bal'inaan faayidaarra oolu piropofol (propofol) kan jehamudha.

Adoochituuwwan waliigalaa qunnamtii seelota narvii sammuu keessaa danquunfi qunnamtiisaanii adda kutuun hojjetu. Qorannoo MRI sammuurratti taasifameenis adoochituun waliigalaa hojiin sammuun namaa hojjetu akka hir'atu taasisa.

Haa ta'u malee taateen kun akkamiin dhukkubsataan akka rafu yookiin of wallaalu taasisa kan jedhu haalaan hin hubatamne.

Impeeriyaal Kollej Landanitti piroofeesara baayofiiziksiifi adoochituu kan ta'an Nik Firaanks, "iskaanii sammuu yoo ilaalte kutaaleen sammuu muraasni sababa adoochituun dafanii cufamu, kunis gaafii kutaalee sammuu kanatuu kutaleen biroo akka cufamu taasisaa jedhu uuma" jedhu.

Kutaan sammuu namaa namni tokko adoochituun waliigalaa erga kennameef booda jalqabarratti cufamu kutaa sammuu taalaamas jedhamufi boca hanqaaquu qabu akka ta'e himu.

Hojiilee ijoo kutaan sammuu taalaamas jedhamu kun hojjetu keessaa inni tokkommoo hirriiba kakkaasuufi namni hirriiba keessa akka turu taasisuudha. Kanaafuu adoochituun sarara hirriibaa uumamaa sammuu "butuun/ugguruun" hojjetu?

"Namootni of wallaalan (tokko tokko) adeemsa taalaamasii isaanii kakaasuun dammaquu akka danda'an qorannooleen agarsiisu. Kanaafuu taalaamasiin kutaa sammuu dammaqinaaf murteessaa ta'edha" jedhu.

Haa ta'u malee dhuguma wanta kanatu sammuu keessatti ta'aa jiraa kan jedhu baruuf qorannooleen dabalataa ni barbaachisu.

Saayintistoonni biroon immoo kutaan sammuu shuntuuraafi inni irra keessaa kan seerebraal korteeks jedhamu "mana dammaqinaa" ijoo ta'uusaatiin adoochituun waliigalaa kutaa sammuu kanarratti dhiibbaa geesisuun hojjetu jedhanii amanu.

Kutaaleen sammuu adoochituu waliigalaan walqabatee maqaansaanii ka'u kunneen biroonis ni jiru.

Ofwallaaluufi dammaquu gidduu

Sammuun namaa dandeettii ofwallaaluu fi dammaquu gidduu ta'uu akka qabu wantoonni akeekan mul'achaa jiru.

Namoota baay'eef "adoochituu waliigalaa fudhachuun" guutummaatti ofwallaaluu yemmuu ta'u, yaadannoo taateewwan uumamanii sirumaa hinqabaatan. Haa ta'u malee wanti kun namoota hundaaf kan hojjetu miti.

Tilmaamaan dhukkubsattoota 15,000 keessaa tokko erga dammaqanii booda taateewwan wayita yaalii baqaqsanii yaaluurra turanitti uumaman ni yaadatu.

Hospitaalota Yunivarsiitii Oksifoorditti ogeessa adoochituu kan ta'an Jaayidip Paandit, namoonni kun wanta "haala sadaffaa" jedhamu akka keessummeessan himu.

Wanti "haala sadaffaa" jedhamu kunis haala namni tokko hirriibafi dammaqiinsa gidduu yookiin ofwallaaluufi dammaqiinsa gidduu itti ta'u akka ta'e himaniiru.

Addummaa yaada dammaqinaa

Yunivarsiitii Kaambiriijitti niwurosaayintistii kan ta'an Andiriyaa Luuppii, iskaanii MRI fayyadamuun wanta sababa adoochituu waliigalaan sammuu namaa keessatti uumamu qorataniiru.

Tekinoloojiin kun yaa'insa dhiigaa sammuu keessaa kan galmeessu yemmuu ta'u, dhiibbaa qorichoonni kunneen qaban xiinxaluuf fayyada.

Uumamaan akkaataan kutaaleen sammuu itti wal qunnamanfi hojiisaanii itti qindeessan akkuma "ashaaraa qubaa" namaa namatti garaagari.

Haa ta'u malee wayita adoochituun kenamuufitti akkaataan hojii sammuu namaa namatti gargar ta'uunsaa hafee walfakkaataa ta'a.

Mallatoon adoochituu inni ijoonis qunnamtii kutaalee sammuu garagaraa gidduu jiru dhaabuu akka ta'e Luuppiin himu.

Yeroo namni tokko dammaqee jirutti kutaaleen sammuu kallattiin hidhata qabaachuu baatanillee gidduusaaniitti qunnamtii ni qabaatu. Haa ta'u malee sammuu addoochame keessatti kuni baay'inaan hinmul'atu. Sammuu adoochame keessatti kutaalee sammuu hidhata kallattii qaban qofatu "walin haasa'a".

Haa ta'u malee dammaqinni kutaa sammuu namaa isa kam keessa jira yookiin isa kamiin to'atama kan jedhurratti wantoonni hinbaramin heddutu jiru.

Dhimma kanarratti kan dubbatan Kaaliforniyaa, Yunivarsiitii Istaanfoorditti piroofeesara anistezhiyoloojiifi yaala dhukkubbii kan ta'an Booris Heyifetis, "Hubannoon waa'ee dammaqinaarratti qabnu xiqqaadha" jedhaniiru.