Maan Yunaayitid ittisarratti taphattoota akka 'uuruu harree' walfakkatan keessaa filannoo hin qabu - Saatan

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota Pirimer Liigii torban 12ffaa har'a galgala Notingihaam Forest fi Chelsiin halkan sa'aatii 5:00 irratti taphataniin jalqabee sanbattan itti fufee gaggeeffama.
Morkiin Arsenaal fi Maanchester Siitii, akkasumas Maanchester Yunaayitid fi Birentifoord walitti fidu warra eegaman keessaati.
Ogeessa kubbaa miilaa BBC torban torbaniin taphoota Piriimer Liigii tilmaamu Kiriis Saatan keessummaa tokkoo fi AI (Artiifishaal Intelejens) dabalatee tilmaameera.
Namni deeggaraa Maanchester Siitii ta'e Naataan Foloowil hiriyyaa ykn michuu abbaa qabeenyaa Arsenaal Joosh Kiroonkeedha.
Arsenaal Dilbata Maanchester Siitiin mo'amnaan Josh Kiroonkeen bilbila isaa cufachuun isaa hin oolu, ani garuu isaaf bilbiluu hin dhiisu jedheera.
"Nuti goolii 4-2n ni mo'anna,... kanas ammoo yeroo tapha keessa jirrun Joshiif barreessa. Yeroo Erliing Halaand galchu ammoo suura kiyya muuzii dhungachaa ka'en ergaaf."
Bara kana deeggartoonni Maanchester Siitii pilaastikii bifa muuziin hojjetame qabatanii dirree seenaa jiru.
Tilmaamni ogeessa kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan, kan Naataan fi AI akka itti aanutti dhiyaateera.
Jimaata, Saadaasa 27
Nothingihaam Forest v Chelsii
Tapha dirree Notingihaam Forest, Siitii Giraawond irratti taphatamu kana ilaalchisuun tilmaama wal hin fakkaanetu kenname.
Bara kana Chelsiin hanga ammaa goolii 20 galchee 20 ammoo irratti galeera. Kun ammoo sadarkaa amma inni irra jiru 8ffaa irra akka inni ta'u isa taasiseera.
Gareen Zhaavii Alloonsoo kun taphoota shaniin moa'aminis leenjisaan kun ammatti dhiibbaa deeggartootaa keessa hin galiin jira. Haata'u malee, miilana tapha kanarratti mo'amnaan garuu waan oolu hin fakkaatu.
Chelsiin akka tapha torban lama dura osoo boqonnaaf hin ba'iin dura Maanchester Siitii itti mo'atan sanatti taphatan mo'achuu danda'u, garuu akka sana ta'a jedhee hin yaadu. Sarara ittisaa isaaniis amansiisaa miti jedhe Kiriis Saatan.
Tilmaama Saatan: 2-1
Tilmaama Naataan: 1-1
Tilmaama AI: 1-2
Sambata, Sadaasa 28
Liids Yunaayitid v Koventarii Siitii
Tapha dirree Liids Yunaayitid Ellaand Rood irratti gaggeeffamu kana Liids Yunaayitid laayyoo hin ta'an.
Gareen Daani'eel Faark ijaare kun sarara hunda irratti cimsee of ijaareera.
Koventarii Siitiin ammoo kubbaa deebisanii haleeluun lakkoofsisuun baayyee saffisoodha.
Haata'u malee, kun miilana waan milkaa'uuf miti jedha Saatan
Tilmaama Saatan: 2-0
Tilmaama Naataan: 0-1
Tilmaama AI: 2-1
Maan Yunaayitid v Bireentiford
Taphni kun dirree Maanchester Yunaayitid, Oold Tiraafoord irratti sa'aatii 12:00 irratti gaggeeffama.
Maanchester Yunaayitid sadarkaa 19ffaa irratti, Bireentifoord ammoo sadarkaa 6ffaa irratti argama.
Taphni kun Maarsiyoo Pochetiinoof salphaa waan ta'u miti jedha Kiriis Saatan.
Bireentifoord ammoo sirriitti gurmaa'oodha, ofitti amanamummaas qabu.
Pochetiinoon sarara ittisaa Maanchester Yunaayitid dhimmisu irratti waan filatu hin qabu. Hundi isaaniiyyu akka eegee (funyaan) harree wal fakkaatu ykn wal hin caalan jechuun ibsa Kiriis Saatan.
Kanaaf, Maanchester Yunaayitid ammas ni mo'ama akka tilmaama jiruutti.
Tilmaama Saatan: 1-2
Tilmaama Naatan: 1-2
Tilmaama AI: 1-2
Ipsiwiich Taawon v Aston Viilaa
Tapha kana Aston Viilaan 2-1n ni mo'ata jedhee tilmaamuun nan danda'a kan jedhu Kiriis Saatan, waa'ee tapha kanaa deeggaraa Ipsiwiich kan ta'e Aliistaar Biruusiin gaafatee garuu yaada jijjiirrachuu hima.
Ipsiwiich salphoo miti. Taphni kun dirree Ipsiwiich Tawon irratti gaggeeffamuun isaas carraa dabalataa kilabichaaf uumu qaba.
Tilmaama Saatan: 2-2
Tilmaama Naataa: 1-3
Tilmaama AI: 1-2
Dilbata, Sadaasa 29

Madda suuraa, Getty Images
Evetren v Liiverpuul
Liiverpuuliif taphattoonni qaaliin bara darbe fudhate lamaan Aleksaandar Isaaq fi Filooriyaan Wiirtiz bara kana ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisaa jiru.
Leenjisaan haaraa Andoonii Irraa'oolaan akkuma jirutti ta'ee, taphataa kilabichi PSG irraa fudhate, Biraadilii Baarkoolaa, taphataan ol adeemaa umuriin isaa waggaa 18 Riyoo Nigumohaa dabalatee taphattoonni kaanis Liiverpuul cimee achii as bahaa akka jiru agarsiisa.
Evertenis laafoo miti. Haata'u malee, amballiin Everten sababa kaardii diimaa tapha darberratti isa mudateenn waan hin taphanneef qaawwi argamuu mala jedha Kiriis Saatan.
Tilmaama Saatan: 1-2
Tilmaama Naataan: 2-1
Tilmaama AI: 1-2
Biraayiten v Niiwukasil
Niiwukasil tapha torban darbe Arsenaal waliin taphate irratti tarkaanfii boqonnaan booda leenjisaan kilabichaa Maatiyaas Jaayisel taasiseen Arsenaal sardanii wal qixa xumuruu danda'an.
Akka torban darbee sana taanaan torban kanas cimanii mul'atu.
Bara kana Arsenaal kilaboota gurguddoo akka Arsenaal fi Maanchester Siitii mo'achuu dabalatee cimina addaa agarsiisaa kan jiru Biraayiten ammoo torban darbe goolii lama daqiiqaa dhumaa irratti itti galeen Haal Siitii isaan mo'ateera. Biraayiten miillanas waan milkaa'u miti.
Tilmaama Saatan: 3-1
Tilmaama Naataan: 3-1
Tilmaama AI: 2-2
Kiristaal Palaas V Haal Siitii
Kiristaal Paalaasiti leenjisaa haaraa Tomaas Firaankiin hojii guddaatu isa eeggata. Bara kana garee kanatti goolii hedduutu galeera. Kilabiin kun taphattoota ciccimoo baayyee gurguruun bakka sirriitti deebiyuuf rakkachaa jira.
Akkas ta'ees garuu sararri fuula dura isaa Tomaas Firaankiif abdiidha.
Haal Siitiin ammoo karra eegaan isaa, Konisxaanxinoos Zolaakiis taphataa ajaa'ibaa inni argatedha.
Torban darbe yaalii Biraayiten inni oolche lakkoofsa hin qabu ture. Akkas ta'ees garuu miillana ni mo'amu jedha Kiriis Saatan.
Tilmaama Saatan: 2-1
Tilmaama Naataan: 0-2
Tilmaama AI: 1-1
Fuulhaam v Bornimaawoz
Bornimaawoz bara nama yeroo dheeraaf mo'achuun itti fufaniiru, haata'u malee Fuulhaam ammoo tapha baayyee bareedaa agarsiisaa jiru.
Fuulhaam dirreesaanii Karavaan Kotej irratti badaa mo'achaa hin jiran.
Tilmaama Saatan: 1-1
Tilmaama Naataan: 2-2
Tilmaama AI: 1-2
Sanderlaand v Tootenhaam
Leenjisan Tootenhaam Roobertoo Dii Zarbii waa'ee taphataa ol adeema aumuriin isaa waggaa 18 Luukaa Wiiliyaams-Baarnte dhimmee yaaduu qaba. Erga gurbaa kana tapha Ipsiwiich irratti filatee galchee ga'umsa isaa argee waan akkasumatti bira darbu hin fakkaatu.
Taphattoota ol adeemoo akkasiirratti amantaa qabaachuun namatti tolas. Sanderlaand ammoo taphattoota murteessoo akka Biriyaan Biroobii fi Giraaniit Zhaakaa miidhamaan tapha kanaaf dhabeera.
Kanaaf, mo'achuun isaanitti ni ulfaata.
Tilmaama Saatan: 0-0
Tilmaama Naataan:2-1
Tilmaama AI: 1-3
Arsenaal v Maanchester Siitii
Ani tapha kana daawwwchuuttin gammada sababa falmii guddaa Gabreel Magaaleshii fi Erliing Halaand gidduu jiruun jedha Saatan.
Haata'u malee, taphi kun kan murtaa'u sarara gidduurrattidha. Maanchester Siitiin sarara gidduu isaarratti maallqa guddaa baasee ture. Haata'u malee, Enzoo Maareskoo sarara kanarratti wal simannaa sirriitti amansiisaa ta'e hin argatiin jira.
Hanga tokko karaa ittiin Dekilaan Raais dura ittiin dhaabbatu argachuuf yaalaa jira Maareskaan. Haata'u malee, Raayis maashina waan ta'eef baayyee ulfaataa itti ta'uun isaa hin oolu.
Sababa dandeettii Halaand goolii lakkoofsisuuf qabuun Maanchester Siitiin kan tuffatamu hin ta'u. Waan fedhe ta'us garuu, tapha kana Arsenaalumatu injifata jechuun tilmaameera ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.
Tilmaama Saatan: 1-0
Tilmaama Naataan: 2-4
Tilmaama AI: 2-1






















