'Du'a lama ajjeesan' – maatiin namoota tibbana Benishaangulitti ajjeefamanii haqaa gaafataa jiru

Tasfaayee Guutumaa fi Alamuu Mul'isaa
Ibsa waa'ee suuraa, Tasfaayee Guutumaa fi Alamuu Mul'isaa hiriyoota Beenishaangulgumuzitti ajjeefamn
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Jalqaba baatii Sadaasaa kana, magaalaa Adaamarraa gara naannoo Beenishangul Gumuzitti hiriyoota sadii ta'anii hojiif imalan.

Imalli isaanii kun gara hojii maatii fi jireenya isaanii jijjiirutti malee gara du'aatti akka isaan geessu tasumaa hin shakkine ture. Garuu akka isaan eegan hin taane.

Kun seenaa namoota nagaa Alamuu Mul'isaa, Tasfaayee Guutumaa fi hiriyaa isaanii biraa Sadaasa 5, 2026, naannoo Beenishaangul-Gumuz, Godina Matakkal, bakka Daalattii jedhamutti ajjeefamaniti.

Hiriyonni kunneen sadan hojii albuuda baasuu hojjachuuf gara sana deemuu maatiin isaanii BBC'tti himaniiru.

Akka carraa ta'ee magaalaa isaan guyyaa imalan sana keessa bulan magaala Daalattii jedhamtu 'hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta'uu shakkaman' seenuun to'atanii ture.

Haleellaan milishootaa fi humnoota mootummaa biroo irratti raawwatamuu gabaasaleen ba'an kan eeran.

Haata'uu malee, turtii yeroo muraasan booda humni mootummaa naannoo Benishangul magaalitti harka hidhattotaatii baasuun deebisanii to'achuu danda'an.

Hiriyoonni saden kunneenis odeeffannoo argatan maatii isaaniif yeroo yeroon himaa turan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

''Magaalattiin erga humnoota mootummaan to'atamuu maatiif mirkaneessanii qunnamtiin isaan maatii waliin taasisan adda cite. Bilbila isaaniis kan kaasu namoota Afaan Oromo dubbatan hin turre. ''

Turtii sa'aatii muraasaan boodaas reenfa isaanii miidiyaa hawaasarratti argan jedhu maatiin.

Namoota jumlaan ajjeefaman keessatti miilla isaanii argine, kaalsii uffatanii turan jedha obboleessi Alamuu, Obbo Girmaa Mul'isaa.

"Kunis utuu imalaa jiranuu utuu hin taane bakka isaan jiran mana keessa gadi yaasanii akka ajjeesan kan mul'isu ta'uu ibsa."

Taatee kanaan maatiin gadda guddaa keessatti akka argamanii fi ajjeechaa gara jabinaa isaan irratti raawwatameef mootummaan Federaalaa qorannoo walabaa akka taasisuu gaafatan.

''Alamuun Yunivarsiitii Jimmaarraa digrii jalqabaan erga eebbifamee, waggoota shanii oliif magaalaa Adaamaatti, Waldaa Babal'ina Hojii Gamtaa Aanaa Adaamaa keessa hojjetaa ture.''

Haata'uu malee, sababa hiriyaan isaa waliin ajjeefaman(Tasfaayeen) hojii investimentii Beenishaangul kessatti hojjatuuf, yeroo yaaddoon nageenyaa hin jirre achitti deddebi'aa ture.

Garuu erga waggaa lamaa gara sana hin deemne turee jedha Obbo Girmaan.

"Amma haalli nageenyaa xiqqoo tasgabbaa'eera, hojii keenyatti haa deebinu' jechuun hiriyaan isaa Tasfaayeen waamee, sadii ta'anii konkolaataa kireeffatanii imalanii'', jedhe.

Erga magaalaa Daalattii kan naanawa danagaa Oromiyaa fi Benishangulgumuzitti argamtu ga'anii, mana qabatnii bulanii booda, barii gara sa'aatii 11tti dhukaasni dhaga'amaa turuu matitti himaa turan. Garuu naannoo sa'aa afuri booda erga hidhattoonni bahanii ajjeefaman kan jedhan maatiin, "humnoota mootummaa naannoo Beenishangul" itti gafatamoo taasisan.

"Ragaan nuti qabnu ijoollee keenya kan fixe humnoota mootummaa Beenishaangul-Gumuuz ta'uu agarsiisa. Utuu Raayyan Ittisa biyyaa achi hin ga'in itti gaafatamummaa jalaa miliquuf jecha jumlaan awwaalan. Kanaaf, reeffa isaanillee argachuu dadhabne, " jechu Obbo Girmaan.

Tasfaayee Guutumaa
Ibsa waa'ee suuraa, Tasfaayee Guutumaa

Tasfaayee Guutumaa ammoo faarfataadha. Manneen Amantaa piroteestantii adda addaa keessatti tajaajila ture.

Kana dabalataan hojii ijaarsaa daandii keessatti yeroo dheeraaf, akkasumas yeroo dhiyoo as hojii invastimantii hojjechaa ture.

Hojii ijaarsa daandii koobilii magaalota Beenishangul Gumuuz keessatti hojjataa akka ture fi kanaanis anga'oota naanichaa waliinillee hariiroo garii akka qaban obboleessi isaa hangafaa barsiisaa Baqqalaa Guutumaa kan BBC'tti himan.

Tibbanas hojii albuuda baasuu irratti hirmaachuuf hayyama argatee, meeshaalee hojii fi maashinoota gara naannichaa galchaa ture jedhan.

Hojii haaraa kana jalqabuufis hiriyoota isaa lama waliin gara bakka ajjeechaa kun irratti raawatametti imaluu eeran barsiisaa Baqqalaan.

"Warri bosona keessa jiran Oromoodha jedhanii waan yaadaniif mana manarra deemanii namoota Oromoo ta'e filatanii ajjeesaa turan," jechuun haala ture ibsu.

"Du'a lama ajjeesan, tokkoof isaan dhabne, reeffa isaanii awwallannee maatii garaan hin ciisne, qabeenya isanitti hin hafne, akkasiin gadda guddaatti keessa jirra," jedhu.

Akka barsiisn kun jedhanitti, reeffa obbolessa isaanii argachuu yaalii taasisnillee, gara sana dhaquun balaa biraaf akka isaan saaxilu itti himamuu dubbaan.

''Akkasiin deemnellee bakka isaan itti awwalaman arguu hin dandeenye, maatiin ala eegaa hafan''jechuun gadda isaanii ibsu.

Akka barsiisaa Baqqalaan jedhanitti, hiriyoonnii sadan kunneen hojii isaanii hojjechuu fi jireenya isaanii gaggeeffachuu irraa kan hafe hirmaannaa siyaasaa tokkollee hin qaban ture.

Kanaaf, mootummaan namoonni kun maaliif akka ajjeefaman? eenyun akka ajjeefaman qoratee haqa isaanii akka baasuu, akkasumas kanneen ajjeechaa kana keessaa harka qaban akka itti gaafataman gaafannaa jedhan.

Obbo Girmaan gama isaaniin, "ummanni kun ummata bor wal keessa jiraatudha.

Namoonni mootummaa keessa taa'anii yakka gara jabinaa akkanaa raawwatan yoo itti gaafatamummaan hin jiraanne borus rakkoon kun itti fufa.

Kanaaf, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Mootummaa Federaalaa fi Dhaabbileen mirga namoomaa walabaa dhimma kana irratti qorannoo gaggeessanii, namoota yakka kana duuba jiran akka seeratti dhiyeessaan waamichaa taasisniiru.

Komishiniin Poolisii Naannoo Beneshaangul Gumuz ajjeechaa namoota nagaa irratti ta'e kana humnoonni mootummaa naanichaa raawwachuu haaluun, ''hidhattoota Shaneetu raawwate'' jechuun Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabeera.

Gaaffilee hanga ammaa deebii hin arganne

Aangawoonni Benishaangul Gumuuz haleellaa sana hidhattoota 'Shaneetu raawwate' jechuun haalan
Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni Benishaangul Gumuuz haleellaa sana hidhattoota 'Shaneetu raawwate' jechuun haalan

Naannoo Benishaangul Gumuuz bakka Daalattii jedhamutti haleellaa Sadaasa 05, 2026 rawwatameen namoonni 52 ajjeefamaniiru.

Kanneen keessaa yoo xiqqaate namoonni 27 ta'an namoota nagaa jireenya idilee isaanii jiraachaa turan akka ta'e BBC'n gabaaseera.

Jiraattoonni tokko tokko inumaa lakkoofsi namoota du'anii 100 ol ta'uu akka danda'anillee eeran.

BBC'n addatti qaama walabaa taatee kana raawwate, akkasumas lakkoofsa namoota ajjeefamanii of danda'ee mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)'n ibsa Sadaasa 6 baaseen, bulchiinsa naannoo Beniishaangul Gumuz bakka Daalattii jedhamutti humnoonni nageenyaa naanichaa mana manarra deemuun ummata sivilii hojjetee jiraatu ilmaan Oromoo 43 ol jumlaan fixan jechuun himtee ture.

Akka ibsa ABO'tti humnoonni kunneen maqaa ''isintu Shanee nutti harkisa" jedhun, dubartoonnii fi da'imman dabalatee ajjechaa sukaneessaan raawwachuu fi maqaa namoota poolisoota bulchiinsa Beniishaangul Gumuziin ajjeefaman jedhes tarreessera.

Gochi ummata nagaa, meeshaa-maleeyyii irratti raawwatame kun yakka ulfaataa dhala namaa irratti raawwatamee cimsee balaaleffachuun ajjechaa jumlaa fi suukanneessaa kana falmitoonni mirga dhala namaa akka qoratan waamicha godheera.

Mootummaan qaama hidhattootaa caasaa bulchiinsa isaa jala jiran yeroo miidhaa akkasii geessisan akka itti gaafataman gochuun dirqama isaa tahus, kun bakka heddutti ta'uu dhabuu isaan haleellan irra deddeebiin raawwatamaa jira jechuun mootumma himateera.

Komishinarri Komishiinii Poolisii Naannoo Beenishaangul-Gumuz, Idiriis Mohaammad, haleellaa Daalattii keessatti raawwatameen namoonni 52 ajjeefamuu BBC'f mirkaneessaniiru.

Akka isaan jedhanitti, namoota du'an keessaa 21 lammiilee nagaa, 18 miseensota poolisii kora bittinneessaa naannichaa, 13 ammoo miseensota milishaa naannichaa turan.

Komishinarichi haleellaa namoota nagaa irratti ta'e kana humnoonni mootummaa naanichaa raawwachuu haaluun, ''hidhattoota Shaneetu raawwate'' jechuun Waraana Bilisummaa Oromootti quba qaban.

Akka qondaalli kun jedhanitti, WBO barii Sadaasa 5, 2026 haleellaa humnoota nageenyaa isaanii irratti fudhataniin badii guddaa lubbu namaa fi qabeenyarraan ga'aniiru.

Haata'uu malee, humnoonni mootummaa naanichaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalichatti bobbaafamuun tasgabeessuu ibsanii ture.

WBO garuu himanna dhiyaate kana ilaalchisee deebii hin kennine.

Naannoon Beenishaangul-Gumuz waggoota darban keessatti haleellaawwan hidhattootaa, walitti bu'iinsota nageenyaa fi buqqaatii lammiileetiin miidhamaa ture.

Godinoonni Matakkal fi Kamashii keessumaa rakkoolee nageenyaa irra deddeebi'anii mudachuun lubbu lammilee hedduu gaaga'aa tureera.