Qorichi HIV jalqabaa gatii gadaanaan dhiyaatu Afrikaa gale hedduutti abdii hore

Madda suuraa, Getty Images
Biyya Afrikaa Bahaa kan taate Yugaandaan qoricha HIV ittisuu danda'u kan jalqabaa ta'e gatiin isaa gadi aanaa fudhachuuf.
Qorichi dhibee kana ittisu gara ardittii seenuun isaa tatamsa'inni dhukkuba kanaa kan keessatti heddummaatu Afrikaatti carraa qoricha kana argachuu ni bal'isa abdii jedhu uumeera.
Qorichi HIV ittisu lenkaappaaviir [lenacapavir] jedhamu kun sadarkaa idil-adunyaatti jalqaba kan fe'ame gara Zaambiyaatti yoo ta'u, gaafa Roobii ture biyyattii kan qaqqabe.
Guyyoota itti aanan keessa ammoo Yugaandaa qaqqaba jedhamee eegama jechuun dhaabbanni ittisa HIV fi dhibee sombaa irratti hojjetu Giloobaal Fand beeksiseera.
Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif dawaan haaraa dhibee HIV ittisuuf fayyadu Lenacapavir jedhamu kana ji'oota muraasa keessatti biyya alaatii galchuufi tajaajila isaa eegaluuf akka jirtu Ministeerri Fayyaa Caamsaa darbe beeksisee ture.
Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti itti gaafatamaan damee ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Obbo Fiqaaduu Yaadataa dawaan kun namoota saaxilamoodha jedhamanii yaadamaniif kennamuuf akka karoorfame himan.
"Kan inni kennamu namoota dhibee HIV'dhaaf saaxilamoodha jedhaman keessattuu dubartoota naannoo hoteelaarratti bobba'anii hojjetan, namoota qunnamtii naf-saalaa hojiisaanii godhataniif kan kennamu. Isaan kun ofiif jedhaniiti kan fudhatan jechuudha."
Qorichi kun bifa marfeen/lilmeen kan kennamu yoo ta'u, namoonni waggaa tokko keessatti si'a lama fudhachuuti isaanirraa eegama.
Qorichi kun dhukkuba HIV ittisuurratti bu'a qabeessummaan isaa %100tti siqa jedhameera.
Gatiin isaa ammoo waggaatti dolaara 40 ykn birrii 6,500 baasisa jedhamee eegama.
Zimbaabuween jalqaba waggaa itti aanuurra qoricha kana marsaa jalqabaa kan fudhattu yoo taatu, biyyoonni baayyeen biroos itti aansuun akka argatan eegama.
Qorichi kun inni jalqabaa isaa (original version ) US keessatti waggaatti baasii dolaara 28,000 ykn birrii miliyoona 4.5 kan gaafatu waan tureef, kun ammoo biyyoota guddachaa jiran baayyeef akka argachuu hin dandeenye taasisee ture.
Qorichi Leenaakapaaviir kun kan hojjetu pirootiinii eegumsaa HIV irratti xiyyeeffachuun dandeettii vaayirasichi baay'achuu fi qaama keessatti infekshinii uumuuf qabu jeequun hojjeta.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Bara 2024 keessa ijoollee durbaa Yugaandaa fi Afrikaa Kibbaa 5,000 ta'an irratti yaaliin kilinikaa seena qabeessa jedhame taasifamee ture.
Dubartoota qoricha kana yaaluu keessatti hirmaachuun marfee waraannatan keessaa tokkoon isaaniillee HIV'n akka hin qabamiin mirkanaa'eera.
Akka ogeessonni fayyaa dubbatanitti, marfeen kun kininii HIV ittisu pre-exposure prophylaxis (PrEP) waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu baayyisee fooyyaa'aadha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Adoolessa bara 2025 qorichi ammaa kun HIV ittisuuf akka ooluuf yaada kennee ture.
Giloobaal Fand qorichi kun Afrikaa qaqqabuun isaa HIV ittisuurratti "tarkaanfii guddaa" akka ta'e ibseera.
Gatii gadi aanaa ta'een dhiyaachuun isaas namoota vaayiresii kanaaf saaxilamoo ta'an miliyoonotaan lakkaa'amaniif qoricha kana akka argatan akka isaan gargaaru beeksiseera.
Akka odeeffannoo Giloobaal Fandirraa argameetti, namoonni 189,000 ol ta'an biyyoota 10 keessatti argaman marfee/lilmee Leenaakaapaviir fudhataniiru.
Hanga dhuma bara 2026tti biyyoonni 24 qoricha kana ni argatu jedhamee kan eegamu yoo ta'u,mootummaa Ameerikaa waliin ta'uudhaan hanga dhuma bara 2028tti qorichi kun yoo xiqqaate namoota miliyoona sadiif akka dhiyaatuuf karoorfameera.























