Murteessaan 'machaa'ee' dirree gale jedhame boqonnaa irratti jijjiirame

Madda suuraa, Getty Images
Murteessaan ykn daanyaan kubba miilaa machaa'ee tapha taphachiisuuf dirree gale daqiiqaa 45 booda dirree keessaa baafame.
Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Eeshiyaa dhimma kana qorataa ture. Murteessaan lammii Sooriyaa tahe kun tapha kileboota lamaanii Gool Gohaarii fi Al Jaaziraa jedhamanii akka taphachiisaniif filamanii ture.
Gool Gohaar kileba Iraan yoo tahu, Al Jaaziraan ammoo kan UAEti. Tapha shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa irratti walitti dhufan.
Maqaan isaa Haanaa Hataab jedhama. Osoo taphachiisaa jiruu murtee ajaa'iba tahanii fi hin eegamne dabarsaa ture.
Hojetaan kileba Gool Gohaar tokko machaa'eera namni kun jechuun himata dhiyeesse.
Taphattoonni kilebichaas murtoo inni kennu bitaa itti gallaan hin taphannu haga jijjiiramutti jechuun komii dhiyeefachuu dhagahame.
Tajaajilli Oduu Iraan hojjetaa kileba Gool Gohaar tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, ''murteessichi waan nagaa qabu hin fakkaatu.''
Yoo murteessaan kun yoo hin jijjiiramne boqoannaa booda hin taphannu jechuu hime.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Miidiyaa hawwaasaa irrattis murteessaan kun machaa'ee akka dirree seene baay'ee qoodame.
Murteessaan kun erga taphicha irraa boqonnaa booda dhorkamee dhugaatii alkoolii akka hin dhugnee fi himata seeraa akka banu hime.
Murteessaan kun maqa balleessiidhaan himatan bana jedhe. Tapha boqonnaan boodaa murteessaa arfaffaatu taphachiisee xumure.
Waan mudatee fi maaltu akka taphicha irratti tahes ibsa bal'aa akka kennu murteessaan kun himeera.
Taphicha kileba UAE Al-Jaaziiraa jedhamutu mo'ateGaazexessaan Omaan, taphicha gabaasaa ture Isaa sayid jedhamu murteessaan kun dhugaatii dhugee osoo hin taane hamma sukkaara dhiiga isaa keessatu gadi bu'e jennaan xiqqoo jaanja'e ykn xiyyeeffannoo isaa dhabe jedhe.
''Taphichaan booda qorannoo fayyaa gaggeesseera. Hin machoofne. Waan miidiyaa irratti waa'ee isaa qoodame sirrii hin turre jedhe.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Sooriyaa murteessaa lammii biyyichaa kana waliin akka dhaabbatu hime.
Qorannoo fayyaa isaaf gaggeeffameen akka dhugaatii hin dhugne mirkanaa'eera jedhame.
Waan mudate kana cimsee akka qoratu kan ibse koreen dhimma kana ilaalu murteesichi dhugaatii dhuguu isaa waan nuuf mirkaneesu homaayyuu hin arganne jedhe.
Taateen akka kanaa kana dura dorgommii gurguddaa irratti mudatee hin beeku.

























