Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Itoophiyaa invastara beekamtuu yakka jabaan shakkee barbaaduu eegale
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa invastara beekamtuu Barakat Warquu jedhamtu ''yakka malaammaltummaa jabaan'' shakkee barbaadaa akka jiru beeksise.
Barakat keessumaa maqaa ''Barakat Gabarewaa'' jechuunis ''Barakat Qonnaan bultittii'' jedhamuun beekamti.
Miidiyaa hawaasummaa irrattis viidiyoowwan garagaraa lafa qonnaa ishee Godina Walaayittaa keessa jirurraa gadhiisuun beekamti.
Miidiyaaleen mootummaatti hidhata qaban 'biyyaafi ummatarra miidhaa guddaa' geessisuun shakkamuu gabaasan.
Isheen alatti suuraafi maqaan namoota sadii biroo barbaadamaa jiranis qoodameera.
Poolisin Federaalaa Itoophiyaa namoonni kuni akka barbaadamaniifi hawaasni akka tumsa godhu gaafateera.
Shakkamtuun kuni osoo poolisiin Federaalaa akka yakkaan shakke ummataaf ifa gochuu dura ergaawwan garagaraa fuula Fesbuukii isheerratti maxxansiteetti.
Ergaa gaafa Kamisaa maxxansiteen dhimmi itti barbaadamtu dhimma boba'aan walqabatuu ammoo harka akka keessaa hin qabne dubbatte.
Ibsi Poolisii Federaalaa garuu dhimma itti shakkamte waan dubbate hin qabu.
BBC'n dhimma itti barbaadamaa jirtu addatti waan odeeffate hin qabu.
Barakat garuu yaada kenniteen Itoophiyaa keessa boba'aa akka fayyadaman dhaabbilee afur eeyyamaman keessaa ''namoota afur qofa itti gaafatamaa taane.
''Namoota afur qofa boba'aa mi'eessine. Ani garuu akkamiin maaltu na xuqeeti qonnarraa kallattiin warqii baasuu kaniin eegale.
''Warqii baasuu nan dhiiisa, na dhiisaa'' waan jedhu ragaawwan itti eeyyama fudhatte waliin fuula Fesbuukii isheerratti katabde.
''Boba'aallee isa naaf eeyyamame hin fudhanne ofii keessan gurgurtanii kan nyaattan.
''Dhimma homaa irratti quba hin qabneen biyyattii birrii 8,000,000 dhabsiiste kan naan jettan silaa biliyoona 8 dhabsiiste naan jettan gaarii ture.''
Kanneen waliin barbaadaman keessaa kan warqii baasanis akka jiran eeruun akka hojii warqii baasuu keessaa bahan akka barbaadamu akeektee barreessite.
Ergaan ishee eenyun akka akeeku BBC'n adda hin baafanne.
Ta'us, ''anillee homaa hin ta'u bakka amansiisaan jira'' jechuun katabde.
Shakkamtoonni sadii biroo Getaachaw Amoonya, Yiliqaal Yaneesaw, fi Abbuush Ayyalaa jedhamu.
Eenyummaa namoota kanaa BBC'n ammatti waan adda baafate hin qabu.
Barakat eenyudha?
Barakat Warquu Walaayittaa keessatti lafa heektaara 600 irratti kuduraa fi muduraa omishiti.
Ofiishees 'qonnaan bultuu cimtuu' 'Qonnaan bultuu Barakat' jechuun of waamti. Haala ittiin qonnaan bultummaa ogummaa kabajamaa ta'u itti ibsitus qabdi.
Ofii gara Itoophiyaa hin deebii'in dura Ayirlaandi Dabiliin jiraataa turte. Haadha ijoollee sadii kan taatee Barakat, dhalattee kan guddattees Hawaasaatti.
Maatiin ishees hojjattoota mootummaa turan. Barnoota ishee sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa achuma Hawaasaatti xumurte.
Isaan booda ture gara Sudaan Kibbaatti kan imalate.
Sudaan Kibbaatti raayyaa Ittisaa keessa hojjattee jirti. Mana galmee mana maree biyyattii keessas hojjattee jirti.
Sudaan Kibbaatii ammoo gara Yugaandaa imalte. Yugaandaatti ammoo Yunivarsitii Kaavendishitti seera osoo barattuu, Yugaandaa fi Sudaan Kibbaa jidduu deddeebi'aa waggoota torbaaf hojjachuu itti fufte.
Abbaan warraashee lammii Ayerlaandiin kan wal barte achumatti. Achinis gara Ayerlaandiitti imaltee jireenyashee magaalaa guddoo biyyattii Dabliin godhatte.
Barakat gara qonnaatti kan seente sababii abbaasheetiin ta'u dubbatti.
Kaappiteenii humna addaa Ayirlaandii kan ta'e abbaan warraa ishee yeroo sanatti leenjiisaa waardiyyoota pirezidaantii Yugaandaa Yoweerii Museevenii ture.
Carraan hojii qonnaa Yugaandaatti eegaluus kan umameef yeroodhuma sana akka ture dubbatti.
''Itoophiyaa keessatti hojii qonnaa bal'aa kan eegalees achuma Yudaandaa osoo jiru ture. Obboleessa quxisuu pirezidaantii Yoweerii Museevenii kan ta'e Janaraal Saaliim Saaleeh waliin qonna hojjataa ture.
Isaan lafa qonnaa guddaa waan qabaniif lafa isaanii irratti hojjataa turre.''
Barakat erga Chaayinaa, Mozaambiik, Xaaliyaan, Taanzaaniyaa turteen booda ture jireenya ishee Ayerlaand kan godhatte.
Barakat gara Itoophiyaatti kan deebite waggaa 13 ol dura ture. Yeroos lafa mataashee hin qabdu turte.
Kanaafuu Maqiitti lafa kireeffachuun qonnaa eegalte.
Waggaa muraasaan durammoo Walaayitaatti lafa bitachuuf deemnaan Biiroon Invastimantii bituurra lafa qonnaa heektaara 600 siif kenniina akka jedhaniin dubbatti.
Kanaan lammata deebitee hojii qonnaa eegalte. Amma kuduraa fi muduraa oomishaa loonis horsiisaa jirti.
Hojiin qonnaa isheetiis 'Bereket Worku Integrated Agro Industry' jedhama.
Lafa qonnaa isheerrattis muuzii, timaatimii, habaab, zukiinii fi kaan oomishaa akka jirtu kana dura BBC'tti dubbatteetti.
Bakka buna itti qindeessaniifi dhaabbata turistoota dowwachiisuu hundeessitee jirti. Akkasumas hoteela abbaa urjii shanis ijaaraa jiraachuu kana dura BBC'tti himteetti.