Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal v West Haam, Liiverpuul v Chelsii eegaman dabalatee tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Arsenaal taphoota isa hafan sadan yoo mo'ate shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uu isaa mirkaneeffata. Arsenaal kana mirkaneeffachuuf sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiin mo'achuun imala isaa jalqaba.
"Deeggartoonni Arsenaal tapha kana fakkaatu kana mo'achuun qormaata jiru darbanii waancaa yaadan milkeessu jedhanii eegu," jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan.
Kiriis Suutan tapha kana dabalatee tapha Priimer Liigii torban 36ffaa akka itti aanutti tilmaameera.
Sambata
Liiverpuul v Chelsii
Bara dorgommii kanatti tapha Maanchester Yunaayitid waliin tureen halkan fokkisaa dabarsuun mo'amanillee sadarkaa Shaampiyoons Liigii keessatti hirmaachisuu isa dandeessisu qabatee akka xumuruun tilmaama.
Chelsiin caalaa rakkoo keessa kan jiru yoo ta'u, Liigicha keessatti taphoota ja'a walitti aansuun mo'ameera.
Tapha kanarraas bu'aa ni argatu jedhee hin yaadu.
Tilmaama: 2 - 1
Biraayiten v Woolvis
Biraayiiten torban darbe Niwukasiliin mo'amullee tapha kana garuu akka mo'atun nan tilmaama.
Woolvis gahumsa isaa foyyeeffataa jiraatullee bu'aa fiduufi itti fufsiisuu hin dandeenye.
Tilmaama፡ 2 - 0
Fuulhaam v Bornimaawoz
Barana tapha Guulhaam tilmaamuun na rakkiseera.
Gareen kun yeroo gaarii dabarsaa jiraatulleen, miilan taphoota 15 kan hin mo'atamiin jiru Bornimaawiz waliin morkata.
Marsaa duraan kan mo'ate Bornimaawoz, tapha kanaanis akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama: 1 - 2
Sanderlaand v Maachester Yunaayitid
Maanchester Yunaayitid torban darbe Liiverpuuliin mo'atee hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffateera.
Gareen Maayikel Kaarik jalatti waa'ee egeree isaa ilaalchisuun yeroo dhiyootti murteessuun irra jiraata.
Sanderlaand dirree ofiisaarratti Nootigihaam Forestiin 5 fi on mo'amullee, dorreesaarratti cimaa ta'uu isaa irra deddeebiin agarsiiseera.
Tapha kanarraa qabxii tokko akka argatan nan tilmaama.
Tilmaama፡ 1 - 1
Maanchester Siitii V Bireentifoord
Maanchester Siitiin torban darbe Everten waliin walqixa adda ba'uu hordofee dhuma waancaa hireen murteessuu dhabeera.
Siitiin tapha kana mo'achuudhaaf goolii lakkoofsisuu qaba.
Bireentifoord marsaa duraan xiqqoof ture kan Siitiin mo'ame.
Tapha kanaan erliing Halaand goolii lakkoofsisee Siitiin akka mo'atun tilmaama.
Tilmaama፡ 3 - 1
Dilbata
Barnilee v Aston Viilaa
Sadarkaa shanaffaarratti kan argamu Aston Viilaan sadarkaa kufaatii keessatti kan argamu Tootenhaamiin mo'a,muu isaatiin deeggartoonni dheekkamsa isaanii ibsataniiru.
gareen kun ga'umsa gaariirra kan hin jirre ta'ullee leenjisaa kan hin qabne Barnileetiif hin mo'a,u jedheen tilmaama.
Tilmaama: 0 - 2
Kiristaal Palaas v Everten
Paalaas tapha waltajjiii Awurooppaa irraa qabuf jecha xiyyeeffannaa Piriimer Liigii keessatti qabu hi'riseera.
Everten gamsaatiin sa'aatii dhumerratti gooliin irratti lakkoofsifamuun amala itti ta'eera. Tapha Liiverpuul, West Haam fi Maanchester Siitii waliin taphaterratti kun isa mudateera.
Deevid Mooyes tapha kanaan garuu bu'aa adda ta'u akka galmeessisun tilmaama.
Tilmaama ፡ 0 - 1
Notingihaam Forest v Niiwukasil
gareen kun keenjisaa Viktor Peereeraa jalatti gahumsa gaariitti deebiyuu danda'ullee, torban darbe Morgaan Gibs miidhamee ba'uun isaa garee kana ni haphisa.
Yurooppaa Liigiirratti Viillaan mo'amuunis dhiibbaa uumu waan qabuuf kan ilaalamu ta'a.
Niwukasil torban darbe Biraayteniin mo'ulleen, taphni kun qabxii walqixaan xumurama.
Tilmaama፡ 1 - 1
West Haam v Arsenaal
Bukaayoo Saakaa deebiyuu isaa hordofee sarara fuula duraa Arsenaal bifa adda ta'e qabateera.
Sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiif tapha kana mo'achuun ulfaataa ta'a. Tapha kanarraa West Haamiif qabxii tokko argachuun gadhee hin ta'u.
Arsenaal waggoota lamaan darban istaadiyoomii Landan irratti injifannoo kan galmeessaa jiru yoo ta'u, tapha kanaanis qabxii gata jedhee hin yaadu.
Tilmaama፡ 1 - 3
Wixata
Tootenhaam v Liidis
Liids Piriimer Liigii keessaa akka gadi hin buune mirkaneeffachuun isaa Tootenhaam ni fayyada.
Tootenhaam torban darbe sochii gaarii agarsiisuun Aston Viilaa mo'achuu danda'eera.
Tapha kanaanis waan wal fakkaatu kan eegamu yoo ta'u, bu'aan isaas kan jalqabaa waliin kan wal fakkaatu akka ta'un tilmaama.
Tilmaama: 2 - 1