Namichi Tiktookarii ol adeemtuu ajjeesse du'aan adabame

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii Paakistaan namicha ol adeemtuu miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekamtu ajjeesuun dheekkamsa kaase du'aan adabe.
Umaar Hayaat mana Tiktookar ol adeemtuu ganna 17 Sanaa Yuusuuf cabsee seenuun Waxabajjii darbe ture gaaffii 'jaalalaa' irra deddeebiin rakkisaa turuun booda itti dhukaasee kan ajjeese
Umaar amma nama ganna 23 yoo tahu yakka kana raawwachuu amaneera. Onlaayinii ishee arguun booda fedhii addaa irraa qabaachuu hime.
Abbaan Sanaa, Sayiid Yuusuuf Haasan murtii dhaddachi Islaamaabaad jiru dabarse ''yakkamtoota hawaasa keessa jiraniif barumsa dha,'' jechuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Kana malees Haayaat ruupii miiliyoona 2.5 (dollaara 9,000) maatiiF akka kaffalu ajajameera.
Yeroo qorannoon geggeefamu Sanaatiin guyyaa dhalootaa isheef waan gaarii hawwuufif gara Islaamaad imaluu hime.
Isheen isa argachuuf fedhii akka hin qabne itti himtus gara manashee deemuun erga wal falmaniin booda ishee ajjeesuu miidiyaan Paakistaan gabaaseera.
Sanaan TikTok irratti hordoftoota miiliyoona walakkaa akkasumas Instaagiraamii irratti miiliyoonaa ol qabdi ture.
Qabiyyeewwan faashinii, weelluu namaa fakkeessuufi hiriyyootashee waliin TikTok irratti maxxansituun baayyee jaalatamti ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rogeeyyiin mirgaaf falman akka jedhanitti ajjeechaan Sanaa qaamuma haleellaa bal'aa dubartoota Paakistaan irratti raawwatu dha.
Poolisiin mana Sanaan maatiishee waliin jiraattu kan bulchiinsa Puunjaab keessatti argamtu to'achuun ragaa kaameeraa CCTV 113 walitti qabeera.
Ajjeechaa ishee irratti dheekkamsi guddaan ka'ullee qabiyyeewwan isheen hojjettu kanneen qeeqanis jiru.
Usaamaa Kaahiljiin hogganaa garee mirga dijitaalaaf falman keessaa yoo tahu qeeqni akkasii kan dhufu fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa dhiirotaa xiqqoo irraa yoo tahu gareen isaanii amantii akka sababaatti kaasu.
''Qabiyyee kana hunda maalif maxxansiti, maatiinshee miidiyaa hawaasaa irraa haquu qabu, cubbuu isheetti dabalamaa jira jedhu,'' jedha Usaamaan.
Falmattuun mirga namoomaa beekamtuu Faarzaanaa Barii biyyattii warra ishee qeeqan ''warra jibba dubartii qabaniifi olaantummaa barbaadanidha,'' jetti.
Sanaan ''sagalee ofiif qabdi ture,'' jechuun miidiyaan hawaasaa Paakistaan keessatti dubartootaaf ''iddoo akkaan yaaddeessaa tahaa dhufeera,'' jetti.

Madda suuraa, Getty Images











