Fayyummaa sammuu fooyyeffachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Akkaataa itti gammachuu horatan irratti saayinsiin waan mirkanaaye jira.

Qaamni keenya hormooniiwwan miira gaarii jedhamanii fi murteessoo afur madaala isaaniin qopheeffachuu qaba. Isaanis: doppaamin, oksiitoosin, serootiniini fi indoorfiin jedhamu.

Namuu bara jireenya isaa keessatti yeroo ta'e wayii rakkoo fayyaan sammuutiin inuma qorama. Haa ta'uu malee, madaala qaama bakkatti deeffachuun fayyummaa ofii jabeeffachuun tarkaanfiiwwan qabatamoon murtaa'an ni jiru.

Oowan O'Kaanee, ogeessa saayikooteraappii fi barreessaan kitaaba, Addicted to Anxiety'ti. Aadaan ko'oommachuu (jaatanaawuu) nama gammachuu dhowwaa jira jedha.

"Waggootaaf baay'isanii hojjechuu dubbachuun akka gammachuu qabu himama ture-aadaa hojii baay'ee dalagachuu-garuu xinnoo hojjetatanii, yeroo fudhatanii of dhaggeeffachuun akka irra wayyu dha mul'isu ragaaleen."

O'Kaaneen aadaan jiruu yeroo mara oonlaayinii turuu dhaloota dhiphinaan wal bare uumaa jira jechuun akeekkachiisa. "Dhiphinni kunuu nama baay'etti araada ta'aa jira.

Dhiphinni (yaaddon) kun kaaniif akka tooftaa of eeguuttis laalama. Yoon waanin yaaddawuuf beeke waan dhufurraa of eeguun danda'a kan jedhu.

Namoonni akka malee yaadda'uu fi amaloota yaaddoo kanaan wal qabatuun of marsanii jiru.

Yoo isaan waa keessa hin jirre waa waan babbadu itti fakkaata. Yaaddoon liqimsamanii jiraachun kun jireenya guyyuu ti jedhanii yaadu " jedha.

Mallattoo dhiphinaa ijoo ofirratti bari

Dhiphinni yeroo dheeraa namarra ture balafaafamaa ta'uu akeekkachiisti ogeettiin saayikooteeraappii fi barreessituun kitaaba Burnout: How to Manage Your Nervous System Before it Manages You Dr Kilaar Plamblii.

Walitti ida'amee rakkoo qabaata. Galabaan takkittiin turtii keessa dugda gaalaa cabsuu dandeessi jechamni jedhu jira. Gaaf tokko si iyyisiisuu ykn si boochisuu danda'a.

Dr Pilambliin taateen haaraan akkasii mallattoo akeekkachiistuu dha jetti. Daddaaquun mallattoo dhiphinaati. Jalqaba, miira miidhamuuti, humna dhabuuti, miira laafinaa, of to'achuu dadhabuuti. "

Dallansuun gara miira of wallaaluu qaamaattii fi namaaf naatoo dhabuu fa'i nama geessuu mala, yoo warra maatii ykn guddiftuu ijoollee faa ta'an.

Miira kana akka gaariitti akka nuuf galuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gulantaawwan daddaaquu 1-5 kaaya. " Namni gulantaan isaa sadii (3) ol ta'e reenjii daddaaquu keessa jira." jetti.

Dhiphinna namarra bubbule immoo qaama keenya keessatti ofumaa akka beekamu godha jedhu niwuroolojistoonni, kanaaf mallattoolee dhiphinni nu keessatti kuufamaa jiraachuu beekuu qabna.

O'Kaaneen, "Yeroo miirri qaamaa daangeffamu, rifatu, balaaf deebii kennuuf jedhu dhiibbaan dhiigaa, laphee keenyarrammoo dhukkubbiin nutti dhagahamuu mala" jedha.

Hadooddiin, sammuun raatawuun, hangansuun dadhabuunii fi bowwuun mataa waan baramaadha

Maamiltoota waliin teknika dhiphina ittiin hir'isuun danda'amurratti hojjeta - miilaan deddeemuu ykn irra deddeebiin of dhaggeeffachuun sammuu keenya aaragalfachiisa jedha.

"Qaamni keenya akka of gadhiisu [yeroo tokkotti daqiiqawwaniifis] akka of gadhiisu gochuu qabna."

Uumamaa wajjin yeroo gahaa dabarsi

Akka ragaan U.S. Environmental Protection Agency (EPA) agarsiisutti lammiilee Ameerikaa shan keessaa tokkotu guyyaa guyyaa yeroo daqiiqaa 15 hin caalleef deemsa miilaa godha

Hojii baay'ee qabaattus, qilleensa fudhachuuf jettee yeroo laaqanaattillee ta'u deemsa miilaa gabaabaa tokko gidduudhaan gochuun fayyummaa sammuuf baay'ee fayyada.

Dr. Plambliin akka gorsanitti, sochii guyyaa kee keessatti, fakkeenyaaf yeroo ijoollee mana barumsaarraa fiddu ykn yeroo gara hojii deemtu, daqiiqaa shan dabalataa gidduu galfadhu.

"Yeroo ala baatu bilbila kee manatii dhiisii bahi, karaa irratti daqiiqaawwan shanan wayii fayyadami," jedhu.

"Yeroo gaggabaabduu akkasii dabalataa uummachuun, sammuun keenya akka of-haaromsuuf carraa kennaaf."

"Sirni narvii keenyaa mallattoolee uumamaa arguun akka bakka nageenyaatti (safe space) hiikuuf leenji'eera, kunis sadarkaa sammuu-duraanii (pre-conscious level) irratti raawwatama," jetti.

"Inni kun furmaata hatattamaa miti; garuu yeroo keessa fayyummaa fi nageenya keetiif (wellbeing) fooyya'iinsa guddaa fida," jetti.

Dr. Plambiin : "Sirni narvii keenya isa of danda'ee socho'u (autonomic nervous system) yeroo mara balaa adda baasuuf sakatta'iinsa ni raawwata, kanaafuu uumama keessatti mallattoolee nageenyaa akka adda baafatuuf uumamumaan qophaa'eera.

Kanaafuu, suuraa uumamaa ykn fakkii namatti tolu tokko ilaaluun iyyuu dhiphuu keenya sadarkaa tokko ykn lamaan gadi buusuu danda'a."

"Uumama keessatti yeroo dabarsuun yeroo sanatti sammuun kee akka dammaqu si gargaara," jedha Oowan Okaaneen.

Sammuun kee akka ofhaaromsu fi humna dabalataa argatu heeyyamiif, sana booda dhugumatti miirri gaariin sitti dhaga'ama."

Yeroo xixinnoo akkasii sagantaa kee guyyaa keessa akka galdhus jedhee gorsa.

Qorannoowwan hedduun akka agarsiisanitti, meeshaalee dijitaalaa irraa fagaachuun (digital detox) fi uumama faana yeroo dabarsuun dhiphinu sammuu hir'isuu danda'a.

Qorannoon bara 2023 yunivarsiitiiwwan Jaappaan keessatti qoratamee fi galmee The Lancet Journal irratti maxxanfame tokko, hojjettoota biiroo dhiphina qabaniif 'aar-galfii bosonaatti' yeroo dabarsuun sammuu 'kan fayyisu' fi kan haaromsu ta'uu mirkaneesseera.

Sirbi fokkisaanillee sammuu namaa akkamiin dammaqsa?

Qorannoon University College London (UCL) akka agarsiisutti, sirbuun dandeettii somba keenyaa fooyyessuu qofa osoo hin taane faayidaa hedduu qaba; miira kee ni fooyyessa, madinummaa ykn dandeettii dhibee damdamachuu kee olkaasa, dhiibbaa dhiigaa to'achuuf ni fayyada, sagalee fokkisaallee ni fooyyessa.

Ogeettiin saayinsii saayikoo-baayolojii Dr. Daisy Fancourt faayidaa sirbi fayyaa sammuu fi qaamaa keenyaaf faayidaa guddaa akka qabu Radio 4 irratti dubbatan.

Dhipina hormonii, sirna madinummaa keessa gubiinsa jiru ni hir'isa

"Kana safarruun keemikaala deddeebiftu saayitookiins jedhamtu kan hamma gubiinsa qaama keenyaa to'attuuni," jetti.

Gubiinsi fayyummaa sammuu faana waan wal qabatuuf kana beekuun murteessaa dha, keessumaa mallattoolee mukaawuu keenya ittiin beekna."

Akka qorannoon sun mul'isutti, miirri namatti tolu kun kan dhufu qaamni keenya keemikaalota uumamaa endocannabinoids jedhaman waan maddisiisuufi.

Keemikaalotni kunneen sammuu keenya keessatti bakka itti hojjetu deemuun miira gammachuu fi tasgabbii uumu.

Endocannabinoids gosa keemikaalotaa uumamaan qaama keenya keessatti argamaniiti. Biqiltuu si'eessituu kanaabis jedhu faana qabiyyee wal fakkaatu qabu.

Baay'isanii sirbuu fi gareen sirbuunis dandeettii rakkoo keessatti waa damdamachuu namaa ol kaasa.

Niwuroosaayintiistonni waan kana rooba yeroo gogiinsaaf akka qusachuuti jedhuun.

Qorannoon Jornaalii Niwuroolojii bara 2022 irratti bahe akka mul'isutti, hawwii afaan lammataa barachuu, meeshaa muuziqaa barachuu dulluma keessa dhibee irraanfachuu irraa nama eega.

Bilbila harkaa baay'isuu dhaabi

Qorannoowwan waggoota kurnan darban qorataman miidiyaan hawaasaa akkuma namoota walitti fidu, dhiphinaa, dhiibbaa akka namni nama biraan of madaalchisu gochuu, gadda dabaluu fi kophummaa uumuu fidu mul'isu.

Kun fayyaa sammuu akka malee miidha.

Bara 2022 qorannoon Leeds University kanneen qorannoon irratti godhame keessaa walakkaa ol kan ta'an weerara koronaa vaayirasii dura caalaa yeroo ammaa bilbila harkaa fayyadamu. Kanaafuu, bilbila keessa lixanii hafuun hariiiroo hiriyootaa fi maatii faana qabnu baay'ee laaffisa.

Robert Waldinger yunivarsiitii Haarvaarditti saayikaatiristii dha. Qorannoo dheeraa waggoota 86'f waayee gammachuu dhugaa fi itti quufinsaa qoratamaa ture dursa.

Bu'aan qorannoo isaa ergaa tokko dabarse: "hariiroo gaariin gammachuu guddaa nuu kenna, kophummaan immoo gammachuu ajjeesa" jedha.

Kophummaan tamboo aarsuu fi alkoolii baay'isuun qixxuma nama miidha."

Suurota hiriyootaa fi maatii bilbilarraa ilaalaa, daddabarsaa oolurra, suurota san dhiqsiisii isaan waliin beellama qabadhuu faana ooli. Sanatu hunda caalaa fayyada.