Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan yoo US haleellaatti deebite 'tarkaanfii laalessaa' fudhachuun akka haaloo baatu akeekkachiiste

Iraan yoo Ameerikaan bifa haaraan haleellaa eegalte akkasumas Ulaa Hormuuz cufuurraa of hin qusanne ''tarkaanfii laalessaa fi yeroo dheeraaf turu'' fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp namni pirezidantummaaf dorgomu qorumsa madaallii sammuu fudhachuun dirqama ta'uu qaba jedhe

    Akkaataa pirezidantonni isa dura turan itti yaadan qeequun kan beekamu Pirezidant Doonaald Tiraamp kanaan booda namni pirezidantii ta'u kamuu qorumsa madaallii sammuu fudhachuu qaba jedhe.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanseen ''pirezidantiis ta'e pirezidantii itti aanaa ta'uuf kan dorgomu kamuu dorgommiitti seenuu dura qormaata akkaataa sammuun itti yaadu madaalu fudhachuun dirqama ta'uu qaba,'' jedhe.

    Yoo akkas goone namoonni akka Baraak Huseen Obaamaa fi Joo Baayidan yoo mo'atan nu hin ajaayibu jedhe Tiraamp.

    Bulchaan US kun maqaa Baraak Obaamaa guutuu wayita barreessu ''Huseen'' kan jedhu mallattoo waraabbii keessa kaa'uun ibsuun akkasumas ammoo Joo Baayidaniin ''nama rafaa'' jechuun bifa kajasaanii gadi buuseen ibse.

    Haala kanaan biyyisaa, Ameerikaan, iddoo filatamtuu akka taatu katabe Tiraamp.

    Tiraamp ofiisaatii yeroo sadi qormaata kana fudhachuun akka darbe ibse.

    Akkanni jedhutti marsaa sadi pirezidantii ta'ee tajaajiletti qormaata madaalli sammuu fudhachuun hundayyuu darbeera.

    Tiraamp aangoo pirezidantummaa kan qabate marsaa lama ta'uu addunyaan kan beekuudha, inni garuu yeroo sadi jedhee ibse.

    Filannoo bara 2020 Joo Baayidan injifate Tiraamp akka ofii injifatetti ilaalaa ture.

    Inumaa sagaleen hatameera jechuun bu'aa filannoo erga didee booda biyyattii keessatti jeequmsaaf sababa ta'ee ture.

    Tarii isa itti dabalee marsaa sadi pirezidantii ta'uu isa himata ta'aa? Sirriitti hin ibsine.

    Tiraamp marroo sadanuu qormaata madaallii sammuu wayita darbu doktaroonni milkaa'inni akkanaa pirezidantota duraan turaniin galmaa'ee akka hin beekne itti himuu ibse.

  2. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. US fi Iraan ammas haleellaa walirratti banuuf dhaadataa jiru.

    Iraan yoo US haleellaatti deebite tarkaanfii hamaa fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo haaraa jiruu fi odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!