Namooti gamoo dheericha Niiw Yoork yaabbachuun sirna naqataa raawwatan hidhaman

Madda suuraa, US Pool
Jaalalleewwan gamoo dheericha Niiw Yoork, Impaayar Isteet yaabbachuun sirna naqataa raawwatan to'annoo jala oolan.
Lammiileen Raashiyaa Anjeelaa Nikooluu ganna 33 fi Ivaan Beerkuus ganna 32 faajjii dhaadannoo ''Yeroo aangoon jaalalaa, jaaalala aangoo mo'atu addunyaan nagaa argatti,'' jedhu mirmirsaa turan.
Beerkuus jilba tokkoon gad jedhee gaaffii natti heerumtaa dhiyeessuun qubeelaa kaa'eefi waldhungachuun booda gamoo kanarraa bu'anii poolisiin qabamaniiru.
Fiixee gamoo meetira 443 ol dheeratu kanarra daqiiqaa 10f turan. Jarri kuni biyyoota garaagaraa irratti waan wal-fakkaataa raawwachuun fiilmii dookimantarii bara 2024 Skywalker irratti dhiyaataniiru.
Poolisiin Niiw Yoork jarri lameen gaaddisa seeraatti fudhatamuu himeera.
Seeraan ala gamoo yaabbachuu, gochaa miidhama qaamaa fidu irratti hirmaachuu, naamusa sirrii hin taane agarsiisuufi iddoo hin eeyyamamne seenuu fa'iin himatamuu danda'u jechuun CBS gabaaseera.
Dubbiihimaan gamoo kanaa ''taatee eeyyama hin qabne'' jechuun garuu namoota achi jiraatan, daawwattootafi keessumoota jala jiran irratti miidhaan qaqqabe hin jiru,'' jedhe.
''Gamoon beekamaa magaalaa Niiw Yoork Impaayer Isteet jaalalleewwan sirna naqataa raawwachuu barbaadaniif haala ni mijeessa,'' jedhe ibsi dubbiihimaa gamoo kanaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka odeeffannoo qabatamaa amma jiruun jarri qaawwa darbii 103 irra jiru kan rakkoon bishaanii yeroo uumamu suphuuf dhiisameeru fayyadamuun bahan jedhe miidiyaa CBS.
Darbiin sun uummataaf banaa tahuu baatullee kan isaa gadi jiru 102 banaa ture fayyadaman, garuu akkamiin gara 103 akka darban waan beekame hin jiru.
Guyyaa walakkaa booda jaalalleewwan kunneen anteenaa teeleekoominikeeshinii gamoo kanaa meetira 60 irra jirurraa bu'uu jalqaban.
Erga gad bu'anii gamoo gara gajjallaa gahaniin booda namichi jilbeeffatee dubartittii gaaffii natti heerumtaa dhiyeesseef.
Kana booda wal hammatanii, dubartiin golgaa fuulashee irra ture kaastee waldhungatan.
Yeroo fiixee gamoo kanaarra turan suuraa asiigadi mul'isu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan.
Poolisiin Niiw Yoork yeroo qondaalli poolisii masalaalii fayyadamuun ol itti adeemu viidiyoo agarsiisu gadhiiseera.
''Heloo akkam jirtu?'' yeroo inni jedhu dhagahama. ''Iddooma jirtan turuu dandeessuu. As dhufuu akka hin dandeenye beektu mitii?'' jechaanii ture.
Nikooluun harkashee ol kaastee ''ani fayyaa dha,'' jette.
Poolisiin afaan maali akka haasa'an gaafateeni.
''Afaan Raashiyaa'' jechuun Nikooluun deebisti.















