Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan muddama Itoophiyaafi Ertiraa jaarsummaan furuuf gaaffii dhiyeessite
Raashiyaan muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti tibbana hammaate fi gara waraanatti seenuu danda'u jedhamee sodaatame karaa marii fi waliigalteen akka furamu jaarsummaan gidduu seenuu akka barbaaddu ibsite.
Akka miidiyaa mootummaa Raashiyaa 'Sputnik News Agency' gabaasetti, Mootummaan Raashiyaa bakka bu'oonni biyyoota ollaa ta'an lamaani kun wal arganii, akka gara furmaata waliiniitti dhufaniif waltajjii nan miijessaa jedhe.
Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Aleksandr Alimov, yoo biyyoonni lamaan fedhii qabaatan,Moskoon bakka bu'oota isaanii walitti fiduun akka mari'atan jaarsummaan haala miijessuufi deeggarsa barbaachisu kennuuf qophii t'uu dubbatan.
Alimov akka jedhetti, yoo barbaachisaa mariin kun Yaa'ii Raashiyaa fi Afrikaa Moskootti gaggeeffamu madditti illee akka taasifamuuf Raashiyaan haala ni miijessiti.
Yaa'iin sadaffaan Raashiyaa fi Afrikaa Onkoloolessa 28–29, 2026, Moskoo, Raashiyaa keessatti gaggeeffama.
Alimov Itoophiyaa fi Eritraan carraa kana fayyadamuun gara furmaata babraaduu fi waliigaltee nageenyaatti dhufuu akka danda'an abdii qabaachuu ibsan.
Waamichi jaarsummaan dubbii ilaaluu Raashiyaa kun yeroo hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru hammaatee, naannoo Gaanfa Afrikaa keessatti waraanni bal'aan uumamuu danda'a jedhamee sodaatamutti dhufe
Muddamni biyyoota lamaan gidduu jiru gaaffii ulaa galaan Itoophiyaan gaafachaa jirtu irraa caalaa ammoo lola tibbana naannoo Tigraay keessatti deebi'ee ka'e waliin walqabatee akka malee hammate.
Itoophiyaan Ertiraan humnoota TPLF dabaltee kanneen biroo Itoophiyaa keessatti mootummaa federaalaan wal waraanaa jiran deeggaruu fi hidhachiisuun himatti.
Ertiraanis gama isheen himannaa Itoophiyaa kan haaluun, Itoophiyaan kan itti qabata godhachuun,humnaan na weerartee galaana Diimaa qabchuu yaalaa jirti jechuun himatti.
Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu kan mataashee qabdi ture.
Ertiraan biyya walabaa ta'uu hordofee buufanni doonii Asab irraa fudhatamee onee hafe.
Waggoota dhiyoo as garuu MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Itoophiyaan ulaa galaanaa malee itti fufu akka hin dandeenye irra deddeebiin ibsaa turan.
Ertiraan garuu fedhiin kun birmadummaa fi daangaa ishee irratti dhiibbaa uumuu akka danda'u yaaddoo qabdu dhiyeessaa turte.
Kuni osoo kanaan jiruu, walitti bu'iinsi haaraan naannoo Tigraay keessatti Fulbaana 2026 keessa deebi'ee ka'e. TPLF gareewwan hidhatan biroo ja'a waliin tumsa uumuun mootummaa MM Abiy Ahmed aangoo irraa waraanaan fonqolchuu tolfatan.
Erga walitti bu'iinsi jalqabee boodas, humnoonni TPLF buufataalee xiyyaaraa Tigraay keessaa to'achuu fi naannolee Afaar fi Amaaraa keessatti haleellaa raawwachuun gabaafame.
Humnoonni mootummaa federaalaas deebii waraanaa kennuun hanga naannoo daangaa Ertiraatti hidhattoota kana haleeluu gabaasaaleen bahaa turan.
Bakkeewwaan duran harka hidhattoota turan heddunis humnoota mootummaan qabamuun gara sochii jireenya idileetti deebi'aa jira.
Mootummaan federaalaa waraanni torbanoota sadan darban Tigraayitti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsuun naannichatti 'Mootummaa Immaanaa' hundeessuu beeksisera.
Gareen qorannoo dhimma walitti bu'iinsaa 'International Crisis Group' jedhamu walitti bu'iinsi Tigraay keessatti deebi'ee ka'e Itoophiyaa fi Ertiraa gara waraana bal'aatti geessuu danda'a jechuun akeekkachiiseera.
Akka gareen kun ibsetti, walitti bu'iinsi naannoo Tigraay keessatti jiru yoo hammaate, biyyoonni ollaa waraana kanatti seenuuf carraan guddaan jiraachuu akeeke.
Ameerikaanis Itoophiyaanis ta'ee Ertiraan biyyootni lammanuu daangaa walitti darbuun haleellaa akka walirratti hin fudhanne akeekkachiistee jirti.
Erga MM Abiy aangoo qabatanii hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru foyya'ee ture, waliigaltee Piritooriyaa bara 2022 mallatteeffame booda deebi'ee hammate.
Muddamni amma jiru kun yoo kan gara waraanatti geessu ta'e miidhaa guddaa ummata nagaa irratti akka geessisuu fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa kan jeequu ta'uu biyyootni kan akeekkachiisaa jiran.
Biyyoota kana keessaa Raashiyaan tokko yoo taatu, biyyoota lamaan walitti fiduufis carraa dhiheessiteetti.
Garuu hanga ammaatti Itoophiyaas ta'ee Ertiraan gaaffii Raashiyaa kana irratti deebii hin kennine.
Yaadni Moskoo kun yoo fudhatame wal waraanuu irra rakkoo jiru karaa dippiloomaasiin furuuf carraa guddaa akka banutu eegama.