Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.

Himannaan kun amma murtee argachuu isaa BBCn kan mirkaneeffate yoo ta'u, Maanchester Siitiin himannaawwan irratti dhiyaatan hundaan yakkamaa ta'eera.

Haata'u malee, adeemsi seeraa kun ammallee isa dhumaarra hin geenye. Fagoo jira.

Murteen kun waancaa Maanchester Siitiin mo'achaa tureef maal akeeka? Piriimer Liigii keessatti ammoo gadi bu'a moo maal ta'a? Ol iyyachuun ni jiraataa? Atakaaroon kun xumura argachuuf hangam fudhata?

Himannaawwan 115 kunneen maalidha?

Guraandhala 2023 keessa, Siitiin balleessaawwan bara 2009 fi 2018 gidduutti raawwateera jedhameen himannaan irratti banamee dhimmi isaa gara komishinii walabaatti dabarfame.

Himannaawwan seera maallaqaa Piriimer Liigii waliin walqabatn:

  • Ragaa odeeffannoo maallqaa sirrii ta'e dhiyeessuu hanqachuu si'a 54 bara 2009-10 hanga 2017-18
  • Ibsa bal'aa sirrii ta'e kaffaltaa taphataa fi manaajeraaf taasisu irratti kennuu dhabuu hanqachuu si'a 14 bara 2009-10 hanga 2017-18
  • Faayinaanshiyaal Feerpilay (FFP) dabalatee seera Uefa kabajuu dhabuu si'a 5 mudate bara 2013-14 hanga 2017-18
  • Seera bu'aa fi itti fufinsa qabaachuu Piriimer Liigii (PSR) si'a 7 cabsuu , bara 2015-16 hanga 2017-18
  • Qorannoo Piriimer Liigiin taasisu waliin waliigaluu hanqachuu si'a 35 Mudde 2028 hanga Guraandhala 2023
  • Maanchester Siitiin irra deddeebiin yakkawwan jedhame kana raawwachuu waakkataa kan ture yoo ta'u, yakkamaa ta'ee argamaanis akka ol iyyatu BBCtti himeera.

Garuu kana jechuun maal jechuudha?

Gaazexaan Jarmanii Der Spiegel bara 2008tti kilabichi abbummaan isaa Abu Daabii harka galuu isaa hordofee bara dorgommii hedduu keessatti iimeelii hoggantoota olaanoo Siitii gidduutti ergame jedhame dabalatee (kanneen keessaa tokko tokko garee kubbaa miilaa Siitii keessatti hafan) sanadoota miliqe bahan jedhame maxxanseera.

Kunis kilabichi invastimantii kallattiin dhaabbata isaanii (Sheik Mansour's Abu Dabi United Group, ykn ADUG) irraa galii ispoonsaraa fakkeessee maallaqa kana karaa herrega dhaabbilee kanaa dabarsuudhaan galii ispoonsaraa daandiin xiyyaaraa mootummaa Itihaad fi dhaabbata telekoomii mootummaan to'atu Itisalat irraa argamu ol guddiseera jechuun himate.

Kun ammoo mala seera FFP bara 2011 Uefa'n jalqabe - fi PSR bara 2012 Piriimiyer Liigii Ingiliiz fide - kasaaraa kilaboota hayyamame daangessu guutuuf mala jedhameera.

Sana booda himannaan dabalataa odeeffannoo faayinaansii dogoggoraan gabaasuu kan jedhu sanadoota kaffaltii dhoksaa 'galmeen ala' leenjisaa yeroo sanaa Roobertoo Maanchiniif karaa kaffaltii gorsaa kilabii Abu Daabii irraa agarsiisa jedhan irratti xiyyeeffate.

Akkasumas, kilabichi taphattootaaf maallaqa akka ofiisaatti herrega keessa darbaa ture caalaa kenne waan ta'eef baasii galmaa'e kan qabatamaan ture gadi ture jedhameera.

Yeroo hunda ADUG harka mootummaa osoo hin taane fandii dhuunfaa ta'uu kan eere Siitiin, iimeelonni miliqe kun seeraan ala kan argaman yoo ta'u, ''maqaa kilabichaa miidhuuf yaalii'' ta'uu ibsuun, ibsa Der Spiegel kamiyyuu irratti yaada kennuu dide.

Siitiin- dhaabbilee dhimmicha keessa jiran waliin - seera faayinaansii kamiyyuu cabsuu isaa cimsee haaleera. Garuu sun Uefa fi Piriimiyer Liigii Ingiliiz sababa kanaan qorannoo akka jalqaban hin dhorkine.

Himannaan dhiyaatan yoom raawwataman?

Sadaasa 2018: Himannaan Football Leaks kan mul'ate yoo ta'u, Der Spiegel Maanchistar Siitiin seera tapha haqa qabeessa faayinaansii cabseera jechuun maxxanseera.

Bitootessa2019: Uefa argannoo Der Spiegel dugda duubaan qorannoo sirnaa eegale.

Caamsaa 2019: Siitiin qorannoo qeequun adeemsa ol'iyyannoo eegalte.

Sadaasa 2019: Manni Murtii Giddu-galeessa Ispoortii (Cas) ol'iyyannoo Siitii fudhatama akka hin qabne murteesse.

Guraandhala 2020: Uefaan Siitii dorgommii Awurooppaa irraa waggaa lamaaf dhorkuu fi Yuuroo miiliyoona 30n akka adabamu beeksise.

Adoolessa 2020: Uggurri Siitii Awurooppaa irratti akka hin hirmaammnne kaa'e erga iyyannoo isaa Cas irratti dhiyeeffatee irraa ka'e.

Adoolessa 2021: Siitiin murtii aangoo miidiyaaleen Piriimiyer Liigii Ingiliiz sarbama maallaqaatiin shaampiyoonota kana qorachuu itti fufuu isaa akka gabaasan hayyamu dhabe.

Ebla 2022: Der Spiegel gabaasa haaraa maxxansee Piriimiyer Liigii Ingiliiz waggoota sadiif kilabicha qorachaa akka ture ibsuun, himannaa bal'aa dhiyeesseera.

Guraandhala 2023: Piriimiyer Liigii Ingiliiz Maanchester Siitiin seeramaallaqaa 115 ta'u cabsuun himate.

Fulbaana 2024: Himata 115 irratti Piriimiyer Liigii fi Siitii gidduutti dhaddachi torban 10f ture jalqabame.

Guraandhala 2025: Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan kilabichi murtii kana ''ji'a tokko keessatti'' akka baruuf akka eegu dubbate. Gaardiyoolaan dhuma bara dorgommii darbee akan Maanchester Siitii gadhiise.

Fulbaana 2026: Murtiin murtaa'uu isaa gabaasni kan ba'e yoo ta'u, maddeen BBC'tti akka himanitti, Siitiin himannaa irratti dhiyaate harka caalu cabsuun yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'eera.

Maan Siitii adabbii akkamiitu isa eeggata?

Murtiin kun qoqqobbii barbaachisu waliin ni dhufa jedhamee gonkumaa hin eegamne.

Amma murtiima kanayyu paanaalii walaba ta'een ifatti akka ibsamu eeguun dirqama ta'eera.

Paanaalii dhimmicha dhaggeeffatee murteesse keessa eenyu akka ture hin beeknu, kun ammoo kan beekamu murtiin barreeffamaan erga gadhiifamee booda qofa ta'a.

Filannoon hundi komishinii naamusaaf banaadha:

  • Qabxii hir'isuu (battalatti ykn addaan cituun).
  • Adabbii maallaqaa (battala ttiykn addaan citee).
  • Piriimiyer Liigii keessaa haqamuu.

Piriimiyer Liigii Ingiliiz keessaa haqamuu jechuun Siitiin miseensummaa dhabee dhuma bara dorgommii irraa eegalee gara diviziyoonii gadi aanaatti gadi bu'a jechuudha.

Kunis adabbii qabxii akka malee cimaa ta'e irraa kutuun akka gadi bu'u gochuu ta'uu danda'a

Maaltu jedhame?

Piriimiyer Liigii Ingiliiz Jimaata darbe dhimmicha irratti yaada kennuu gaafatamee ni dide.

Siitiin ibsa baaseen oduu yaaddessaa murtii kanaa akka miliqe bahe agarsiise.

Akkas jedha: "Adeemsi Piriimiyer Liigii Ingiliiz itti fufee jira, wantoota gurguddoo xumuramuu qaban, akkasumas iccitii cimaa qaba."

''Akka kanaan ejjennoo Maanchistar Siitii FC ibsa kilabichi Guraandhala 2023 baase waliin kan walsimudha."

"Kilabichi Boordiinii fi Hojii Raawwachiiftuu Piriimiyer Liigii Ingiliiz akka qaama walabaatti, bifa loogii hin qabnee fi yaada haqa qabeessa qabuutti, dhiibbaa qaama kamirraayyu bilisa ta'een socho'a jechuun waggoota saddeetiif adeemsa sirrii ciminaan agarsiise kabajeera."

Ol iyyannoon ni jiraataa? Yeroo hangamii fudhata?

Iyyanni Siitii irraa dhiyaatu waanuma gochuu qabu ta'a jedhamee eegama.

Gareen seeraa Siitii kan hoogganamu Loord Paanik KC yoo ta'u, tajaajila kennuuf sa'aatii tokkotti £5,000 akka kaffalamuuf himama.

Ogeessi seeraa kun Siitiin bara 2020tti uggura Awurooppaa waggoota lamaaf ture akka kuffisu gargaareera.

Haata'u malee, adeemsa kana keessa waggaa saddeetiif keessa akka jirru yoo ilaalle - akkasumas jalqaba dhaddachi mataan isaa waggaa lama booda - kun yoom xumuramuu akka danda'u tilmaamuun hin danda'amu.

Hanga ammaatti dhimmichi icciitiin kan qabame yoo ta'u, qaamolee dhimmicha keessa jiran kamirraayyuu miidiyaan waan miliqsee baaseeru hin jiru.

Kun dhimma kanaa ilaalchisee boqonnaa haaraa amma jiruqofa.

Haata'u malee, murtiin komishinichaa kallattiin ol'iyyatamuu kan danda'u ta'us, Siitiin kjallattiin gara Cas geessuun hin danda'amu.

Siitiin waancaa akkamii mo'ate, eenyuti ammoo miidhame?

Siitiin Piriimiyer Liigii Ingiliiz yeroo gaaffii keessa jirutti yeroo sadii injifateera.

Sunis bara Piriimiyer Liigii Ingiliiz 2011-12tti isa jalqabaa, dabalataan bara 2013-14 akkasumas 2017-18 dabalata.

Bara 2011 waancaa FA, waancaa EFL ammoo yeroo sadii - 2013-14, 2015-16 fi 2017-18 injifataniiru.

Erga bara 2008 ADUGn fudhatee as Siitiin waancaa liigii saddeet, akkasumas Shaampiyoonsi Liigii dabalatee waancaa dachaa akka qaama Treble bara 2023tti injifateera.

Komishinichi waancaa Siitii kilaboota biroof dabarsuu yoo filate, eenyutu fayyadamoo ta'uu danda'a? Kan itti aanu kana ilaalaa:

Piriimiyer Liigii Ingiliiz

2011-12: Maanchistar Yunaayitid

2013-14: Liivarpuul

2017-18: Maanchistar Yunaayitid

Waancaa FA

2010-11: Istookii Siitii

Waancaa EFL

2013-14: Saandarlaand

2015-16: Liivarpuul

2017-18: Arsenaal

Kilaboonni miidhaman Siitiirraa beenyaa gaafachuu danda'uu?

Kilaboonni Piriimiyer Liigii Ingiliiz sababa Siitiin seera cabseen beenyaa maallaqaa argachuufi dhiisuu isaanii irratti gorsa seeraa gaafataniiru.

Kilaboonni bakki liigii isaanii balleessaa Siitiin dhiibbaa irra gahe carraa kabaja argachuu danda'u dhabuu isaanii himachuu danda'u.

Isaan kun dhuunfaan komishinii walaban dhaga'amuu qaba ture.

Jalqaba bara kanaa Evartan dhiibbaa seera faayinaansii Piriimiyer Liigii Ingiliiz cabsuun Baarnileedhaaf paawundii miiliyoona 35 kaffaluu akka qabu itti himamee ture.

Dhimmi kun- komishinii Piriimiyer Liigii Ingiliiz ilaalamee - bara dorgommii 2021-22 kan ilaallatu yoo ta'u, yeroo Evartan waggoota sadii keessatti dambii PSR cabsuun isaa argameera.

Barnileen seera cabsuun kun carraa Piriimiyer Liigii keessa turuu isaaniirratti dhiibbaa akka qabu falmeera, kasaaraa gadi bu'uu waliin walqabatee mudateefis beenyaa gaafate.

Barnileen miidhaa irra gaheeef beenyaan £26m fi dhala £9m ta'u dabalataan badhaafameera.

Dhimmi seeraa kun baasii hangamii gaafata?

Dhimmi addaa kun waggaa jahaaf kan hojjetamaa ture waan ta'eef, kaffaltiin seeraa gama lachuutiin dhaddachi osoo hin jalqabamin dura paawundii miliyoona kurnaniin lakkaa'amutti tilmaamameera.

Gamni kamiyyuu 'mo'atu' baasii gaafachuu danda'a jedhamee eeguun ni danda'ama.

Haalli jiru yoo ilaalamu, Piriimiyer Liigii Ingiliiz Evartan baasii seeraa guutuu dhimma PSR qabxii jaha hir'isuu isaanii isa jalqabaa £4.9m akka kaffalu barbaade.

Haata'u malee, boordiin ol'iyyannoo Evertan £1.7m kaffaluu akka qabu murteessee, Piriimiyer Liigiinis kaffaltii seeraa £3.2m hafe akka uwwisu murteesse.

Baasii Piriimiyer Liigii Ingiliiz dhuma dhimma Siitii irratti kaffalu kamiyyuu kilaboota 20 liigicha ijaaran keessatti babal'achuu qaba ture.