Orgaanizimii xiqqoo sammuu namaa miidhuufi addunyaatti babal'achuu malu

Madda suuraa, Getty Images
Orgaanizimiin kuni Naayigileeriyaa Fowleerii jedhama. Yeroo hedduu 'Ameebaa sammuu namaa nyaatu' jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, tiishuuwwan sammuu miidha.
Isteev Simeliski Kostaarikaatti yeroo ayyaana waggqaa kan inni gammachuudhaan dabarsu ture. Garuu mucaa isaa tokkichi jalaa du'ee gaddarra jira.
Daa'imni Joordaan jedhamu kkan ganna 11 kun infeekshinii sammuu kan Nayigileeriyaa Fowleriidhaan dhufuun miidhamee duu'e.
Orgaanizimiin kuni yeroo hedduu naannoo haroowwanii, maddawwan bishaan hoo'aa fi bakka bishaan daakkiitti kan argamu yoo ta'u, yeroo namni bishaan daakuuf seenu qaama namaa seenuun tiishuuwwan sammuu haleeluu jalqaba.
"Jordaan guyyaa tokko bishaan daake. Isayyuu yeroo tokko. Kunoo amma duu'eera" jedha abban isaa Isteev, namni ganna 67.
Indiyaa keessatti bara darbe keessa namootni 200 ta'an infeekshinii Kanaan miidhamuun beekamee ture. Kuni balaa orgaanizimii Kanaan akka addunyaatti si'a tokkoon gabaafame isa guddaadha. rakkoon kuni garuu ji'oota keessas mudateera.
Akka addunyaatti namootni orgaanizimii Kanaan miidhamuun gabaafame hanga 500 gahee ture.
Weerarri kuni yaaddoo uumuu qorattootni himu. Maxxantuun kuni iddoowwan ammaan dura mul'atte hin beekne akka kutaalee Awurooppaa fi Baha Eeshiyaatti mudachuun ammoo yaaddoo hammeesse.
"Gara fuula duraatti namootni maxxantuu Kanaan miidhaman nidhufu jedheen yaada. Akka addunyaa guutuutti mul'achuun waan hafu miti" jedhan Yunvarsiitii Keent irraa Dr. Anastasiyiis Sayiyoos.
'Sammuu sikeessaa fuudha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jordaan Simeliskiin maxxantuu Kanaan kan faalame bara 2014 guyyaa ayyaana waggaa osoo taphatuuyi.
Isteev kan Filooridaa US irraa ta'e, bishaan hoo'aa uumamaa naannoo Kostaarikaa jiru cinaa mucaasaa waliin osoo taphatuu mucaan isaa mataa dhukkubbiin qabe.
Erga gara qe'ee isaaniitti deebi'anii Jordaan balaqqamuu eegalee dhukkubni itti hammaate. Eegasii gara Hospitaala naannoo jiruu geessan. Achitti maxxantuun sammuusaa keessa deddeemtu aka jirtu adda baasan.
"Nu ilaalaa ture. Garuu eenyu akka taane adda baasuu hin danda'u. eenyu akka ta'eyyuu waan ofiisa adda baasuyyuu natti hin fakkaanne" jedha istev.
Doktoroonni maaltu isa akka mudate adda baasuuf osoo asiif achi tattaafatan dhukkubni itti cimee kutaa yaala cimaa seenee achi keessatti du'e.
"Gaafa bishaan sana daake irraa guyyaa torbaa fi walakkaatti lubbuun isaa darbe. Saniin dura rakkoo fayyaa homaa tokko hin qabu" jedha abbaansaa kuni.
Jordaan kan du'e Sababa infeekshinii maxxantuun Nayigileeriyaa Fowleerii jedhamtu kuni sammuusaa miidheeni.
Doktoroonni ka'umsa dhibeessaa yeroo adda baasanii bira gahuuf jedhanitti inni lubbuun darbeera. Sadarkaa duubatti deebisuu hin dandeenyerraan gahee ture.
"Sammuukee sikeessaa fuudha. Yaadakee hundatu fudhatama. Eenyummaakeetu fudhatama" jedha Isteev.
Idoowwan haaraatti maaliif argaa jirra?
Mallattoon infeekshinii lovakiyaa mirkanaan kan adda baafame bara 2025. Garuu infeekshiniiwwan haaraan Kutaalee US akka Minisootaa fa'a keessattiileen mul'ateera.
Iddoowwan ammaan dura Ammeebaan irraa ka'a jedhamee amanamuu fi wantoota akka haroo fi laggeeniin ala ta'anittis argamaa jira.
Taayiwaan keessatti bara 2023 namni tokko Nayigileeriyaa Fowleeriidhaaf saaxilamee du'e. Baruma sana US keessattis namni saaxilame tureera.
"Bishaan yeroo hoo'aa deemu ammeebaan cimaa deema. Yeroo hoo'I jirummoo carraan namootni bashannanaaf gara sana deemuun faalamuu ni dabala" jedhu saawosiin.
sodaachuun hin barbaachisu garuummoo ofeeggannoon murteessaadha jedhan.
Daa'imman maalif caalmaatti saaxilamoo ta'an?
Akka Ogeessonni jedhanitti daa'imman namoota jajjabaa caalaa carraa Nayigileeriyaa Fowleeriif saaxilamuu qabu.
"carraan dhibee Kanaan miidhamuu olaana kan ta'u yeroo umrii 12 ta'an yoo faalamani. Sababni isaas ijoolleen bishaan keessa borcuu jaalatu waan ta'eefi" jedhu Yunvarsiitii Lixa Siidinii irraa Piroofeesar Laan Raayit.
Sayaintistoonni akka jedhanitti, daa'imman carraan maxxantuu Kanaan faalamuu isaanii olaanaadha. Funyaan isaanii yeroo tuttuqan, funyaanii fi sammuu gidduu fageenyi jiru xiqqaa waan ta'eef carraan dafee samuu qaqqabuu guddaadha.
"Kuni waan akka abjuu hamaati. Fiilmii miira namaa jeequuti. Carraan saaxilamuu gadi aanaadha. Garuu qabamnaan da'uu keeti" jedhu Raayit.
Ragaan Jornaalii infeekshinii fi fayyaa hawaasaam irratti maxxanfame akka mul'isutti, bara 1962 hanga 2023 gidduutti miidhaan akkanaa namoota 488 irra gahuun gabaafameera. Irra hedduun US, Paakistaan fi Awustiraaliyaa keessaayi. Isaan kessa harka 97 kan ta'an du'aniiru.
Yoo battala saaxilamaniin yaala argatan doktorronni qorichoota walitti makanii miidhaa sammuurra gahu hir'isuuf yaalu. Kanuma ta'ees carraan lubbuun ooluu baayyee gadi aanaadha.
Indiyaa bakka hawwata tursitii taatee fi Kerala jedhamtutti taateen dhibee kanaan walqabatee mudate hammam ajjeesaa akka ta'erratti ilaalcha jiru jijjiireera.
Namoota 200 dhibee kanaaf saaxilaman keessaa walakkaan ol lubbuun oolaniiru. Kuni ragaa ammaan dura ture kan carraan lubbuun ooluu harka sadii qofa jedhu irratti argannoo haaraa tae.
Argannoon kuni infeekshiniin ammeebaa sammuu namaa nyaatuun mudatu kuni yaalamuu hin danda'u ilaalcha jedhu jijjiireera.
Dafanii yaala argachuun, ogeessonni hubannoo gahaa qabacahuun, itti fufiinsaan yaalamuun bu'aa fiduu akka danda'u kan mul'iseedha.
Akkamiin irraa ofeegna
Iddoowwan bishaanittii taphachuun alatti hojiiwwan jallisii yeroo hojjetanis maxxantuu kanaaf saaxilamuu mala.
Bara darbe US keessatti dubartiin ganna 71 bishaan jallisii motoraan bahu irraa maxxantuu kanaaf saaxilamte.
Funyaan dhiqachuun amantiiwan akka Islaamaa fi Ayurvedaa keessatti bariisafata. Funyaan dhiqachuun maxxantuun Nayigileeriyaa Fowleerii jedhamu kuni salphaatti gara sammuu akka deemuuf haala mijeessu mala.
Kanaaf ammoo maloonni ofeeggannoo godhamuu qaban jiru. CDC'n akka jedhutti, bishaan calalanii danfisanii qorrisiisuun funyaan dhiqachuun carraa infeekshinii kanaaf saaxilamuu haalan xiqqeessa.
Yeroo bishaan hoo'aa ta'e daakan ammoo bishaan gara funyaaniitti akka hin dhufne ofeeggannoo gochuu feesisa. Kuni ammoo yeroo bishaan daaknuu fi itti utaallu funyaan qabachuu fi kiliipperii funyaanii fayyadamuu faa dabalata.
"Shakkii yoo qabaattan garuu mataa keessan bishaan keessa hin seensisinaa" jedhu Raayit.
















