Ulaa Hormuuz banuuf yaada Iraan dhiyeessite Tiraamp fudhachuu dide

Madda suuraa, EPA
Iraan torban tokko keessatti Ulaa Hormuuz dooniwwan daldalaaf banuuf yaada walii galtee dhiyeessite Tiraamp kufaa taasise.
Tiraamp Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, "Iraan heddu waan miidhamteef Ulaa Hormuuz hatattamaan banuun waliigalteerra gahuu barbaaddi" jedhe.
Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii fuula Telegiraam irratti ergaa barreessaniin, biyyisaanii yaada Ulaa Hormuuz dhiyeessuu amanuun ammallee karaa idilee ta'een deebii US kennitu jaarsolii araaraa irraa eegaa akka jiran himan.
Abbaas Araagchii Jimaata darbe yaa'ii UN irratti yeroo hirmaatan gaazexeessitootatti akka dubbatanitti, haal-dureewwan Iraan barbaaddu yoo guutaman US waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu dubbatan.
Waraanni Iraan erga eegalee as Ulaan Hormuuz kan dhiyeessin boba'aa addunyaa harki shan achirra darbu cufameera.
Tiraamp garuu yaada waliigaltee Iraan amma dhiyeessite kana sababa fudhachuu dideef yoo ibsu, "[Ulaa Hormuuz] guutummaan to'annee jirra, bobaa'an heddu karaa sana darbaa jira.
"Waliigalteerra gahuu barbaadu, sun waan gaaridha. Anis waliigalteen jaaladha. Garuummoo yaadi waliigaltee dhiyaate kun fudhatama hin qabu," jedhe.
Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii yaada waliigaltee biyyisaanii dhiyeessite ilaachisee deebii Tiraamp kenne yoo ibsan, Tiraamp yaada gaariis yaada wal-dhiitus dubbachuunsaa waan haaraa miti jedhan.
Haa ta'u garuu, Iraan deebii US kennitu biyyoota jaarsummaan gidduu deeman irraa erga dhageessee booda Iraan murtee mataashee akka fudhatu ibsan.
Jimaata, Fulbaana 25, Wall Street Journal qondaalota US waabeffachuun akka gabaasetti, Tiraamp haaleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu akka barbaadu kaabinoota isaatti himeera.

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dippilomaatiin Iraan Abbaas Araagchii Jimaata gaazexeessitoota waliin turtii taasisaniin: "Haal-dureewwan barbaachisan ulichi banamuu danda'a, torban tokko keessati imalli galaanarraa idileen iddootti ni deebi'a" jedhan.
Dabaluunis, "Tarkaanfiin US fudhachuu qabdu waan haaraa miti. Waanuma Waliigaltee Wal-hubannoo keessa jiruufi mallattaa'ee ture hojiirra oolchudha. Amma murtoon kan USti" hedhan Abbaas Araagchii.
Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaanis yaa'ii UN irratti hirmaachuu cinaatti turtii CBS News waliin taasisaniin, US Waliigaltee Wal-hubannoo Waxabajjii darbe mallattaa'e hojiirra yoo oolchite waanti hunduu iddootti akka deebi'u dubbatan.
"Waliigaltee Wal-hubannoo Paakistaanitti mallattaa'e irratti hundaa'uun waliigallee turre. US bifa sanaan adeemti taanan, waanti hunduu iddootti deebi'a," jedhan.
Haa ta'u garuu US akkaataa Waliigaltee Wal-hubbannoo Iraan waliin mallatteessiteen marii eegaluu akka hin barbaanne ibsa bara bulchiinsa Tiraamp jalqabaa Maana Maree Nageenya Biyyaalessaa keessa hojjataa kan ture Kiristaan Fonteenroos. Sababi inni dhiyeessu ammoo, US waliigaltee Iraan fayyade mallatteessite jedhamuun qeeqamuudha.
Akkaataa Waliigaltee Wal-hubannoo biyyoonni lamaan waliif mallatteessanii turaniin, dhukaasi dhaabbatee, Ulaan Hormuuz banamuun guutummaan waraana dhaabuuf mariin akka eegalamuuf ture.
Waliigaltichi qabxiilee irratti waliigalan qabxii 14 kan qabu yoo ta'u, Iraan tasumaa meeshaa nikularaa hidhachuu akka hin qabne ibsa. Akkasumas USfi Iraanifi michoonnisaanii adda waraanaa hundatti haleellaa waraanaa akka dhaabanis irratti waliigalameera.
Haa ta'u garuu USfi Iraan ergasii waliigalticha cabsuun marsaa heddu haleellaa walirratti gaggeessaniiru. Waliigaltichi cabuusaaf ammoo lamaansaanituu quba walitti qabu.





























