Haleellaan diroonii Tigaayitti raawwatame akka qoratamu HRW gaafate

Tigraay, magaalaa Mekele naannoo Daarootti mooraa mana jireenyaa irratti haleellaa dirooniin raawwatamuun booda dallaan gamoo mana jireenyaa jige mul'atu.
Ibsa waa'ee suuraa, Tigraay, magaalaa Maqalee naannoo Daayirootti mooraa mana jireenyaa irratti haleellaa dirooniin raawwatamuun booda dallaan gamoo mana jireenyaa jige mul'atu.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaan qilleensaa bara kana Hagayya 20, 2026 magaalaa Maqalee naannoo Daayiroo keessatti mana jireenyaa irratti raawwatame, yakka waraanaa ta'uu danda'a jechuun dhabbanni mirga namoomaa Humansi Raayit Woochi(HRW) ibse.

HRW akka jedhetti, haleellaa kanaan daa'imman torba dabalatee namoonni nagaa 13 madaa'aniiru.

Dhaabbanni mirga namoomaa kun haleellaa kana qorannoo walabaafi ifa ta'een ilaalamuu qaba jedheera.

Haleellaan kun naannoo Dayiroo, magaalaa Maqalee keessatti, bakka mana jireenyaa namootaa ta'etti raawwatames jedhe ibsa kaleessa Fulbaana 25, 2026 baaseen.

Dhabbatichi qorannoo isaatti, yeroo haleellaan kun raawwatametti naannichatti sochiin waraanaa ifatti mul'atu hin turre.

Kanaaf, haleellichi haleellaa namoota nagaa fi manneen jireenyaa adda hin baafne ta'uu ibse. Haleellaa ''seeraan alaa'' fi ''namoota nagaa adda hin baafnes '' jedhe.

Kanaaf, mootummaa Itoophiyaa haleellaa kana karaa walabaafi ifa ta'een qorachuu qaba.

Akkasumas, namoota gocha kana keessatti hirmaatan seeratti dhiyeessuu fi miidhamtootaaf beenyaa gahaa kaffaluu qaba jechuun HRW ibseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Waajjirri Kominikeeshinii naannoo Tigraay yeroo sanatti ibsa baase keessatti, haleellaa diroonii magaalaa Maqalee keessatti bakkeewwan garaagaraa irratti raawwatameen namoonni 13 ol miidhamuu isaanii ibsee ture.

Waajjirichi haleellaa kanaaf mootummaa federaalaa itti gaafatamaa taasiseera.

Qindeessaan kutaa hatattamaa Hospitaala Ayder, Birhaanuu Hayilamaariyaam, namoonni haleellaa dirooniin miidhaman 14 gara hospitaalichaa dhufuu isaanii BBC AfaanTigrinyaatti himanii ture.

Isaan keessaa namoonni sadii miidhaa cimaa akka qabanis ibsan.

Mootummaan federaalaa ykn Ministeerri Raayyaa Ittisaa haleellaa dronii naannicha keessatti raawwatame jedhame kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa hin kennine.

Waraanni waggoota afur dura Kaaba Itoophiyaa keessatti eegale, jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin walitti bu'iins sun dhaabatee ture.

Haa ta'u malee, hariiroon mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduu jiru yeroo booda daran hammaachaa dhufuun torban kana keessa ifatti gara waraanatti deebi'aniiru.

Humnootni TPLF haleellaa "humnoota mootummaa federaalaa irraa na irratti raawwatame" jedhe irraa of ittisuuf gara walitti bu'iinsaatti seenuu isaa ibseera. Mootummaan federaalaas haleellaa TPLF irraa isa mudateef tarkaanfii ittisaa fudhachuu isaa beeksise.

-

Seerri waraanaa idil-addunyaa humnoonni waraanaa namoota nagaa fi galma waraanaa adda baasanii tarkaanfii akka fudhatan gaafata.

HRW qorannoo isaa keessatti namoota haleellaa kana irraa hafan sadii, hojjettoota fayyaa lamaa fi jiraattota lamaa waliin dubbachuu isaa ibseera.

Akkasumas, suuraalee saatalaayitii, suuraalee fi viidiyoowwan haleellaa sana booda kaafaman qorateera.

Qorannoon suuraalee fi ragaa biroo irratti taasifame, meeshaan waraanaa qilleensa irraa darbatame tokko naannicha keessatti bu'uu isaa agarsiisa jedheera.

Bakka haleellaa sanaattis boolli guddaan uumamuu fi manneen naannoo sanaa hedduun miidhamuu isaanii HRW ibseera.

Namoota haleellaa sana irraa hafan keessaa tokko, yeroo haleellaan raawwatametti maatii isaa waliin mana keessa turuu fi sagalee guddaa dhaga'uu isaa HRW'tti himeera.

Sana booda mana keessaa ba'ee yeroo ilaalu, dirooniin gadi dhiyaatee meeshaa waraanaa gadi lakkisuu isaa arguu isaa dubbate.

Namni biraa immoo ijoolleen isaa yeroo haleellaan raawwatametti mana keessa turuu fi manni jijjiguun miidhamuu isaanii ibseera.

Hojjettoonni fayyaa Hospitaala Ayderis namoota haleellaan miidhaman 13 yaaluu isaanii HRW'tti himaniiru.

Isaan keessaa namoonni 10 miidhaa salphaa ykn madaa qaamaa qaban turan.

Namoonni sadii ammoo miidhaa cimaa qabuu jedhe.

HRW akka jedhetti, yeroo haleellaan kun raawwatametti jiraattonni naannichaa bakka haleellaa sanaatti ykn naannoo sanatti humna waraanaa ykn loltoota Tigraay arguu isaanii hin himne.

Dhaabbatichi kana irratti hundaa'uun, haleellaan Da'eroo irratti raawwatame galma waraanaa ifa ta'e malee namoota nagaa irratti raawwatame ta'uu danda'a jedheera.

HRW mootummaa Itoophiyaa haleellaa kana karaa walabaafi ifa ta'een akka qoratu, namoota yakka keessatti hirmaatan yoo jiraatan seeratti akka dhiyeessu fi miidhamtootaaf beenyaa gahaa akka kaffalu gaafateera.

Dhaabbatichi gaaffiiwwan isaa ilaalchisee qaama mootummaa fi Ittisa Biyyaa Itoophiyaa irraa deebii gaafachuu isaa ibseera. Haa ta'u malee, yeroo gabaasni isaa bahetti deebii argachuu akka hin dandeenye himeera.

Haleellaan Da'eroo kun yeroo mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi naannoo Tigraay keessatti deebi'ee cimeen walqabatee raawwatame.

HRW akka ibsetti, walitti bu'iinsi haaraan naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti tibbana uumames sarbama mirga namoomaa biraa akka qaqqabsiisuu yaadda'uu isaa ibseera.

Dhaabbatichi qaamoleen waraana keessa jiran hundi seera waraanaa kabajuu fi namoota nagaa eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda fudhachuu akka qaban waamicha taasiseera.