Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Nama wayii dhoofne' - Xiyyaarri daandiirra akkamiin nama ajjeese?
Xiyyaarri Ameerikaatti balaliif ka'aa ture nama daandii xiyyaarri qubaturra qaxxaamuraa ture galaafate.
Namni kuni dallaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Denver utaalee seenee ture jedhameera.
Sagaleen tiraafika qilleensaa to'atu yeroo taateen kuni Jimaata galgala mudatu waraabeera.
''Nama wayii dhoofne,'' jechuun balaliisaan balalii 4345 balalii'uf ture haqee to'attoota tiraafika qilleensaatti dubbate.
''Injiniin keenya ibiddi qabateera,'' jedhe.
Xiyyaara Airbus A321 keessa aarri kan mul'ate yoo ta'u hojjettoonni to'annoo balaa Denver battaluma ibidda sana dhaamsan.
Nageenya isaaniif jechaa imaltoonni xiyyaaraa 224 hundi isaaniiyyuu akka dafanii mucucaachaa xiyyaara keessaa bahan taasifamuu Daandiin Qilleensa Firontiyeer beeksiseera.
''Taatee mudateen baay'ee gaddine,'' jechuun Daandiin Qilleensaa kuni dubbate.
Imaltoonni 12 xiyyaararra turan miidhaan salphaa akka isaan qunname gabaafamu buufati xiyyaarichaa ibseera.
Namoonni miidhaman shan gara hospitaalaa geeffamuu aangawoonni buufata xiyyaaraa dubbataniiru. Haalli amma isaan keessa jiran ifa miti.
Balaliin Daandii Qilleensaa Firoontiyeer gara Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Los Anjalasitti imaluuf halkan sa'aatii 5'tti yeroo ka'uf jedhu namicha kan rukute, akka aangawoonni jedhanitti.
To'attoonni tiraafika qilleensaa balaliisaa xiyyaaraatiin balali'u akka danda'u itti himanii, halkan gaarii ittiin jedhanii turan.
Turtii muraasa booda, balaliisaan gara to'attotaatti bilbiluu sagaleen waraabame mul'isa.
Booda ''Daandii xiyyaarri batattisee ka'uurratti dhaabanneerra,'' jechuun paayileetiin nama dhahanii akka dhaabbatan dubbate.
''Daandii xiyyaarri irra deemurra namatu ture,'' jechuun balaliisaan dubbate.
Hojjettoota xiyyaaraa torba dabalatee walumaagala imaltoonni 231 xiyyaararra akka turan dubbate.
Xiyyaarichi ''saffisa olaanaan'' adeemaa akka ture Ministirri Geejjibaa US Shoon Dafii dubbataniiru.
Namichi dallaa cabsee seenuufi ''namni tokkollee'' waan akkanaa akka hin raawwanne ibsa baasaniin akeekkachiisan.
Xiyyaaronni daldalaa yeroo baay'ee batattisanii balali'uf sa'aatiitti saffisa 240km-290 fayyadamu.
Namichi kana raawwate hojjetaa Buufata Xiyyaaraa Denver akka ta'e amanama.
Imaltoota keessaa tokko suuraafi viidiyoo qoode keessatti aarri xiyyaara keessa mul'ata.
Imaltoota keessaa tokko kan ta'e Josee Servaantes Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS'tti akka dubbatetti sagalee dhagahuufi ''koochoon mirgaa [xiyyaarichaa] yeroo ibiddi qabatu arge,'' jedhe.
''Waanan gubadhee du'u natti fakkaate,'' jechuun dubbate. Eegasii booda hojjettoonni balaa tasaa qaqqabani.