Traamp kasaaraa waraana Iraan cufachuuf dolaara bil.87 Kongresii gaafate

Doonaald Tiraamp ministira waraanaa US waliin

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waayi Haawus seera baaftotni Ameerikaa "baasii ariifachiisaa" waraana Iraanirratti mudate kan bakka bu'u dolaara biliyoona 87.6bn akka raggaasisaniif gaafate.

Kongiresiin murtoo Pirezdantiin akka waraanaa hin labsine raggaasisee guyyaa tokko keessatti dha Waayit Haawus yaada kana kan dhiyeessaa jiru.

Fandiin gaafatame kun garri caalu dolaarri bil.67 Ministeera Waraanaafi jedhameera. Biliyoonni 21 meeshaalee waraanaaf, bil.17.3 baasee oppireshiniif fi bil. 12.1 immoo baasii sagantaalee iccitiin qabamaniifi jedha Waayit Haawus.

Maallaqni kuun dhimmoota waraanaan wal hin qabanneef jedhameera. Dolaarri biliyoona11 qonnaan bultootaaf, bil.1.4 Afrikaa giddugaleessaatti weerara Iboolaa qolachuuf kan ta'u gaafatameera.

Gaaffii bajataa Tiraamp kana garuu Kongiresii keessaa qormaata jabaatu mudachaa jira. Waraanni Iraan kanneen hedduu fudhatama dhabeera. Filannoon marsaa walakkaa Sadaasa gaggeefamuu waliin wal qabsiisee Tiraamp sagalee hedduu dhabuu akka danda'u eegama.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Bajataa Waayit Haawus gaaffii fandii kana xalayaadhaan Roobii Af-yaa'ii Bakka Bu'oota Uummataa Maayik Joonsaniiif ergeera.

"Bajanni kun irra caalaan isaa baasii ariifachiisaadhaafoppireeshinii waraanaa Iraaniin Operation Epic Fury jedhamuun walqabatuun barbaadama," jedha xalayichi.

Gaaffin bajataa kun dolaara miliyoona 300 nageenya Imbaasiiwwanii fi tajaajiloota dippilomasii US Baha Jiddugaleesaa fi Eeshiyaa Kibbaa wayita waraanaa haleellaaf saaxilaman jabeessuuf akka oolus eerame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waashingtanii fi Teehraan yeroo ammaa dhukaasa dhaabanii jiru. Garuu xalayaan Waayit Haawus bajata gaafateen kun Pentaagon qabeenya kasaaraa waraanaan manca'e "bakkatti deebisuuf" kan oolu ta'uu eera.

Rippaablikaanonni Kongiresii keessaa waliigaltee nagaa Tiraamp torbee darbe Iraan faana seene akka ija shakkiin laalan ibsanii turan.

Roobii, sirna mallattoo wixinee seeraa manneen jireenyaa kan paartilee lamaaniin deeggarame akka tasaa haqamuu hordofee, pirezdant Tiraamp marii seeneetiin Rippaablikaanotaarraa mormii jajjabaan mudate taa'ee ture.

Sagantaa laaqanaa Kaappitool Hiil ture irratti, sagalee mormii aangoo waraanaa labsuu isaa daangeessuuf Dilbata darbe mana maree Seeneetii Rippabiliikaanotni itti baay'ata keessatti kennametti dallanuu komii qabu hime.

Murtoon sun pirezdantiin Ameerikaa akka waraana dhaabu ajajuun seenaa keessatti isa jalqabaati.

Waltajjii Kaappitol Hiil kan Roobi dursee, Tiraamp sagalee waraana dhaabsisuuf kenname "kan yeroo isaa hin eeggannee fi hiika hin qabne" jedheen,

Miidiyaa hawaasaa isaarratti, Senaataroota Rippaablikaanii warra Dimookiraatota waliin isa waraana morme "warra kasaare"jedheen.

Rippabiliikaanota sanneen keessaa tokko, kan kutaa bulchiinsa Luuziyaanaa Biil Kaasidii fi pirezidantichi qophii laaqanaa cufaatti godhame kan Roobii darbee irratti sagalee ol kaasanii akka walitti iyyan dubbateera.

"Dhaabadheen, 'ati maaltu deemaa akka jiru uummanni Ameerikaatti hin himne,'" jedhe miidiyaatti yoo dubbatu.

"Kun torbaan afuriif yaadamee ture, garuu ji'a tokko ture. Kaayyoon keenya galma hin geenye."

Roobii kaleessaa ganama walgahii Barreessaa Olaanaa NATO Maark Ruuttee waliin taasisan irratti, Traamp ammas waa'ee sagalee murtee aangoo waraanaa labsuu isaa daangeessuuf kenname sana irratti aarii qabu dubbate.

Miseensota Seeneetii Rippabiliikaanotaa afurii fi Demokraatoonni hundi... isaan doofaa waan ta'aniif waraana kanaan mo'amuu barbaadu," jedhe.

Maxxansa darbe keessa, itti gaafatamtuun olaantuun faayinaansii Peentagoon Juwuls Haarst koochii paanaalii kongireesitiif waraanni kun hamma ammaatti tilmaamaan doolaara bil. 29 baasuu isaa dubbatteetti.

Garuu xiinxaltoonni waraanaa fi miseensonni seera baastonni tilmaamni bajataa kun kasaaraa faayinaansii waraanichi geessise guutumman hin agarsiisu jedhu.