Dooniin Itoophiyaa akkamiin Hormuuz keessa dabarte?

Madda suuraa, Ethiopian Shipping and Logistics
Karaa Ulaa Hormuuz darbuu dadhabdee danqamtee kan turte dooniin Itoophiyaa Gibe jedhamtu imala eegaluu dhaabbati Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Itoophiyaa ibse.
Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikiitti hogganaa damee maarketiingii fi bakka bu'aa kominikeeshinii kan ta'an Obbo Damisew Baantii dooniin Itoophiyaa kun guyyaama waraanni Iraan eegalu buufata UAE (Shaarjaa) irraa akka kaateen danqamuu ibsan.
''Dooniin Gibe buufata doonii Shaarjaa irraa kan kaate Guraandhala 28 ture. Ergasii booda taateen sun [waraana Iraan] dhalachuu hordofee bakka san turuuf dirqamteetti,'' jedhan.
Erga Iraan fi US waraana dhaabuuf waliigaltee walhubannoorra ga'anii booda Ulaan Hormuuz kan imala dooniiwwaniif akkaan murteessaa ta'ee fi dooniin Itoophiyaa irratti danqamte banameera.
Kanarraa kan ka'e dooniiwwan fe'umsa waliin ji'ootaaf ugguramanii turan amma bakka ga'umsa isaaniitti imaluu eegalaniiru.
Dooniin Itoophiyaa kunis kanuma keessa imala ishee eegaluu dhaabbati Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii ibseera.
Dooniin Itoophiyaa kun amma karaa Galoo Galaanaa Omaan gara Jibuutiitti imala eegaluutu ibsame.
''Ji'a afur guutuuf guyyaan sadii ykn afur yeroo ishee hafu guyyaa kaleessaa socho'uu eegalte. Amma naannoo Galoo Galaana Oomaan jirti. Nagaadhaan naannichaa baateetti,'' jedhan Obbo Damisew Baantii.
Dooniin kun yoo haalli qilleensaa jijjiiramuu baate yeroo dhihootti buufata Jibuutii ni geessi jedhan.
''Haalli qilleensa galaanaa bubbee makate 'Moonsuun' jedhamu rakkisaa yoo ta'uu baate hanga 30tti buufata doonii Jibuutii ni geessi jennee abdanna. Kuni saffisashee daangessuu danda'a, gaafa 30 ganama ni geessi jennee abadanna.''
Ulaan Hormuuz kan Iraan erga waraanni eegalee cufte guyyaatti dooniiwwan gurguddoo ta'an 140 kan daddabarsuudha.
Sababa ulaan akkaan murteessaa ta'e kun cufameef doonii Itoophiyaa dabalatee dooniiwwan 1,150 ta'an akkasumas hojjettoonni doonii kuma 20 ta'an galaanarratti danqamanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dooniiwwan kunneen waliigalatti fe'umsa doolaara Ameerikaa biiliyoona 125tti tilmaamu baatanii danqamanii turan.
Yeroo Iraan Ulaa Hormuuz cuftetti dooniiwwan galaana kanarra darbuuf yaalan 32 misaa'elaan ykn dirooniin rukutamuun barbadaa'aniiru.
Haleellaa Iraan kanaan hojjettoonni doonii 10 ta'an du'uu fi hedduunis madaa'uun gabaafameera.
Qondaalli Itoophiyaa garuu hojjettoota doonii Itoophiyaa galaanarratti danqamtee faana walquunnamaa akka turan ibsan.
''Nuufi hojjettoota doonii keenya, doonii Gibee, gidduu qunnamtii walirraa hin cinnetu ture. Yeroo mara wal-argina. Wanta isaan barbaachisu qabatanii bahanii ture, Wanta adda ta'een ammoo akka haalli hayyameen wanti barbaachisu dhiyaachaafii ture. Gama kanaan rakkoon mudate hin jiru,'' jedhan.
Haala ture keessatti dooniin kun osoo hin miidhamin gadhiifamuun hojii salphaa akka hin taane ibsan.
''Akka carraa ta'ee dooniin kun yeroo baaturraa eegalee boba'aa dabalatee qophii gootee kan baate sababa ta'eef, rakkoon mudate hin jiru. Ammoo haala tureen naannicha keessa turuun hangama ulfaataa akka ta'e hundaafuu ifadha. Bu'uura kanaan hojjettoota doonii Gibee hundaaf kutannoo fi gahumsa agariisaniif Imalli Galaanaarraa fi Lojistiksiin Itoophiyaa kabaja kennaafi ittis ni boona.''
Dooniin kun meeshaalee konteenaraa adda addaa, meeshaalee waldhaansa fayyaa fi kaan feetee akka jirtu ibsan.
''Kuduraaleenis fe'aman jiru. Waliigalatti omishaalee konteenaraa adda addaa feete.''












