Ejansiin atomikii UN ogeeyyii niwkilaara to'atan gara Iraanitti akka ergu beeksisus Iraan garuu walii hin galle

Madda suuraa, EPA
USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuu hordofee, Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) ogeeyyii niwkilaaraa Tehraanitti akka ergu beeksise.
Gaggeessaan ejansichaa Raafaa'el Giroosii ogeeyyiin niwkilaaraa kan ergaman akkaataa waliigaltee US-Iraanin ta'uu ibsan.
[Gabbisa yuraaniyaamii Iraan irratti] to'annoon ni taasifama. Akkaataa isaa: guyyaa, adeemsa fi bakka isaa yeroo dhiyootti irratti hojjanna," jedhan.
Waliigaltee US-Iraan waliif mallatteessan irratti, yuraaniyaamiin Iraan sadarkaa olaanaatti gabbiste hordoffii Ejansii Anniisaa Atoomikii Addunyaatiin akka mancaafamu ifatti ibsameera.
Haa ta'u garuu, ministeerri dhimma alaa Iraan ibsa baaseen wiirtuwwan nikularaa Iraan haleellaa USfi Israa'eliin miidhaman to'annoof banaa kan ta'an waliigaltee xumuraarra erga gahamee booda ta'uu akka qabu ibse.
