Iraan haleellaa Hulaa Hormuuz irraatti gaggeessitu 'amma reefu jalqabne' jechuun US akeekkachiifte

Erga Pirezidant Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman baasuuf oppireeshinii ''Project Freedom'' jedhamu labsee booda haleellaan diroonii fi misaa'elaa galaana irratti gaggeeffamaa jira.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sudaan dirooniin Baahirdaarii ka'e Kaartum rukute jette [Viidiyoo]

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Itoophiyaa fi Sudaan waggoota muraasa darban wal himataa gara wal dura dhaabbannaatti qajeelaa jiru.

    araanni Sudaan Yunaayitid Arab Emireetis fi Itoophiyaan dirooniin buufata xiyyaaraa Kaartuum haleeluu himateera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen himannaa kana balaaleeffachuun Sudaan hidhattoota Itoophiyaaf dawoo kenniti jechuun himateera.

    Hariiroon Itoophiyaafi Sudaan eessaa ka’ee yoona gahe? Daawwadhaa!

  2. Iraan qurxummiitti bombii hiitee gadhiiftii? US maal jette?

    Suuraan kuni kan bara 2003 dolfinii Humna Galaanaa US'n leenji'edha.

    Madda suuraa, US NAVY/Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan kuni kan bara 2003 dolfinii Humna Galaanaa US'n leenji'edha.

    Ministirri waraanaa Ameerikaa Piit Hegseet, waayee dolfiinota kaamikaaz [dolfiinota boombii baatanii] gaafatamee deebii kenneen, Ameerikaan dolfiinota kaamikaazi qabaachuufi dhabuu isiniif mirkaneessuu hin danda'u, garuu Iraan akka hin qabne isiniifan mirkaneessa," jedhe.

    The Wall Street Journal gabaasa torban darbe baasen "Tehraan meeshaa waraanaa tana dura hin fayyadamin fayyadamuun dooniwwan waraanaa US ni haleelti, kana immoo dolfiinota fanjii baatanii galaana jala deeman nifayyadamti" kan jedhu qondaalota Iraan wabeeffatee gabaasee ture.

    Dhimmi "dolfiinota kaamikaazii" kanneenii CNN fi Fox News gubbaatti ijoo dubbii ta'e.

    Miidiyaaleen Iraan tokko tokko garuu, waan kana "waan dhagahamee hin beekne"jedhaniin.

    Waraanni Iraan ifatti bahee waan mirkaneesse hin qabu. Waajjiraaleen Iraan biyya hambaa jiran dubbii kana qoosaatti lakkaawan.

    Misiyooniin Iraan kan Hindii Haydiraabaad jiru, fuula X ofiirratti, suuraa hubannoo namtolcheen (AI) hojjetame [dolfiinitti fanjiin hidhame] gad lakkise.

    "Dhumarratti waan hundumaa ifoomsaniiru, amma hunduu ifatti beekameera."jedhee maxxanse.

    Waraanni Ameerikaa sagantaa Marine Mammal Program, external jedhamu kan dolfiinonni akka fanjii akka sakatta'anii fi dhabamsiisuu qabdi.

    Leenca galaanaa (sea lions) kan jettuun kan wantoota shakkitu galaana jalaa iddoo adda baafattuunis qabdi.

  3. Humni galaanaa Iraan bidiruu fi qawweetti gadi deebi'e' - Tiraamp

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Iraan carraa takkallee hin qabdu. Duris hin qabdu ture'

    'Iraan caraa takkallee hin qabdu. Duris hin qabdu ture, kanas ni beeku' jedhe Donaald Tiraamp ibsa Waajjira Masaraa Waayit Haawus irraa kenneen.

    Kana immoo yoo na waliin dubbatan ni amanu, Televizhinii gubbaatti immoo bakka gaarii jirra jedhanii lallabu."

    Ammas irra deebiin, US waraana Iraan, humna galaanaa isaanii, humna qilleensaa, fi hogganoota isaanii barbadeessuu dubbate.

    "Iraan nukilarii akka hidhattu hin heyyamnu" jedhe.

    Osoo Ameerikaan waraana banuu baattee Iraan yoona nukilarii hidhatte jedhe Tiraamp.

    "Hundi keenyaa yoona asi jirru"

    Pirezdantichi Ameerikaan Iraan "akka maleetti injifachuu", ibse. "Humni galaanaa Iraan bidiruu fi qawweetti gadi deebi'e" jedhe. Humna galaanaa isaanii keessa "bidiruu xixiqqoo saddeet" qofa qabu, "hunduu jalaa barbadaayes", kanumaan humna galaanaa keenya dorgomu jedhe.

    Waayee waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajuuf maal gochuu akka qaban gaafatamee, "Isaan [Iraan] waan gochuu fi gochuu hin qabne ni beeku" jedhe.

    Torban dhufu Chaayinaa akka daawwatus dubbate Tiraamp.

  4. Kan Tiraamp 'Project Freedom' Ulaa Hormuuz jedhuun maali?

    -

    Madda suuraa, Handout Photo by the U.S. Navy via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Oppireeshiniin Tiraamp 'Project Freedom' jedhuun maali?

    Pirezdantiin US Donaald Traamp Wixata ganamaa kaasee "Project Freedom" labse.

    Maalinnni?

    'Project Freedom' Dilbata beeksifame. Humnoonni US dooniiwwan daldalaa fi hojjettoota isaanii Iraan uggurte Ulaa Hormuuz keessa ni qajeelchu jedhe Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom).

    Yaadni isaa gaaffii biyyoonni Ameerikaan akka dooniwwan isaanii dabran gargaarsa gaafatanii booda karoorfame jetti Ameerikaan. "Gargaarsa namoomaa'' ta'uu ibsiti.

    Centcom oppireeshiniin kun nageenya naannichaa fi diinagdee addunyaaf murteessaa dha jedhe. Gatiin boba'aa bakka waraanaan duraarra 50% dabale.

    Ministirri Ittisaa US Piit Hegseet dooniiwwan daldalaa nagaan socho'an haleellaa Iraan irraa eeguudha jedhan.

    Hagam tura?

    Oppireeshiniin kun yeroodhaaf loltoota 15,000 hirmaachisa jedhan.

    Hanga ammaa bu'aa maal buuse?

    Dooniiwwan lama hanga ammaa nagaadhaan Ulaa Hormuuz keessa cehuu himan Heegset.

    Amma Ulaan Hormuuz nagaa dha jedhe.

    Ameerikaan akka jettutti hojjettooni galaanarraa 22,500 fi dooniwwan daldalaa 1,550 Galoo Galaanaa keessatti danqamaniiru.

  5. Humni qilleensaa UAE haleellaa Iraan qolachaa jiraachuu hime

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jebel Ali port

    Humni qilleensaa UAE haleellaa Iraan qolachaa jiraachuu ministeerri ittisaa biyyattii hime.

    Iraan UAE irratti haleellaa banuu ministeerri ittisaa biyyattii beeksiseera.

    Humni qilleensaa biyyattiis misaayelootaafi diroonota Iraan qolachaa jiraachuu hime.

    Abbaan taayitaa ittisa balaa biyyattti lammiileen "iddoo balaaf isin hin saaxilletti dahadhaa" jechuun akeekkachiise.

    Wixata, UAE'n haleellaawwan misaayelotaa 15 fi diroonota 4 Iraanirraa furgugfaman qolachuu beeksisee ture.

  6. UN wixinee US fi Bahreen dhiyeessan kan Iraan qoqqobsiisu irratti mariyachuufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN Kibxata wal gahuun wixinee Iraan qoqqobsiisu kan US fi Baahreen dhiyeessan irratti mari'ata jedhan diploomaatonni Lixaa sadi.

    Wixineen kun Iraan kan ulaa Hormuuz danquu fi haleellaa raawwachuu kan. itti fuftu yoo ta'e, tarkaanfiin waraanaa akka irratti fudhatamus ni heyyama jedhan dippiloomaatonni.

    Dhiibbaan dippilomasii Ameerikaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti gochaa jirtu, kan ji'oota dura gochaa turterraa adda. Ji'oota darban Ameerikaan dawoo UN alatti tarkaanfiiwwan mataa ofii fudhachaa turte. Heyyama mana marichaa malee, haleellaa Iraanirratti raawwachuu, biyyoota tumsa gaafachuu fi ulaa galaanaa to'achuu faa dabalatee jechuuu dha.

    Wixineen amma dhiyeessaa jirtu kun tarsiimoo Iraan irratti dhiibbaa ittiin gootu fi karoora haala waraanan boodaa Ameerikaan karoorfatte jedhu dipplomaatonni

  7. 'Iraan Ulaa Hormuz akka cuftu hin heyyamnu' - Pentaagon

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Piit Heegseet
    • Ministirri ittisaa US Piit Heegseetii fi qondaalli waraanaa olaanaan Daan Keen Peentagonirraa miidiyaaf ibsa kennan.
    • Hegseet Ameerikaan "waraana hin feetu" garuu Iraan "oomisha biyyoota fayyaaleyyii addunyaatti ulaa bishaanii idil-addunyaa akka cuftu hin heeyyamnu" jedhan.
    • Oppireeshiniin waraanaa "Project Freedom" Wixata eegalame waraana Guraandhala 28 eegalame as kan addaati. Oppireeshiniin kun ergama "ulaa daldalaa fayyaalessa weerara Iraan irraa tiksuu dha," jedhan.
    • Piit Hegseet, waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan "hin xumuramne", jedhan. Haa ta'uu malee, Wixata US fi Iraan Ulaa Hormuz keessatti haleellaa raawwachaa jiru.
    • Hegseet, Iraan ulaa sana keessatti "saamicha idil-addunyaa" raawwachaa jirti, sun garuu oppireeshinii "Project Freedom" jedhamuun ni dhaabbata jedhan.
    • Ameerikaan ulaa kana mallattoolee "diimaa, adii fi cuquliisa" kaayuu ibsan. Dooniiwwan daldalaa US lama Wixata ulaa kanarra cehuu fi kunis Ulaan kun "yaaddoo irraa bilisa ta'uu" agarsiiftuu dha jedhan.
    • Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Gaalibaaf "US nageenya imala doonii fi geejjiba galaanarraa balaarra buusuu ibsanii turan.
    • Iraan yoo oppireeshinii ''Project Freedom'' danqite waraana ishee muddutu ishee eeggata jedhan.
    • US olaantummaa waraana keessatti qabdu cimsitee itti fufteerti jedhan.
  8. Paakistaan haleellaa UAE irratti raawwatame balaaleffatte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Paakistaan haleellaa UAE irratti raawwatame balaaleffatte

    Biyyi jaarsummaan US fi Iraan walitti fiddu Paakistaan haleellaa UAE irratti raawwatame balaaleffatte, waliigalteen dhukaasa dhaabuu haa kabajamus jette.

    Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariif, biyyi isaanii "haleellaa misaayelaa fi diroonii bu'uuraalee uummataa UAE irratti kaleessa galgala raawwatame cimsitee balaaleffatti" jedhan.

    UAE'n irra deddeebiin Wixata haleellaan misaayelaa fi diroonotaa Iraanirraa irratti raawwatamuu himatte. Buufatni boba'aa ishees haleelamuu beeksifte.

    Shariif miidiyaa hawaasaa ofii irratti: "Haalli dippilomasii marii nagaa fi tasgabbii naannichaatti geessu akka uumamuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka hojiirra ooluu fi kabajamuu qaba."

    Addatti immoo, dura taa'aan Paartii biyya bulchuu Paartii Uummata Paakistaan, Bilawaal Buutoo Zaardaarii, yaada BBC'f kenneen gareen lamaanuu "muddama hir'isuu" fi "kutannoo adeemsa dippilomasiif qaban mul'isuu qabu" jedhan.

    Paakistaan akka biyya araarsituutti biyyoota lamaan jidduu ergaawwan deddeebisuun wal amantaan akka uumamu,"carraaqqii gochaarti jedhan. Garuu "haleellaan akka guyyaa kaleessaa" adeemsa marii wal xaxaa godha jedhaniiru.

  9. Karra eegaan Arsenaal badhaasa 'Golden Glove' mo'ate

    Deevid Raayaa badhaasa Golden Glove 2025-26 mo'ate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Deevid Raayaa badhaasa Golden Glove 2025-26 mo'ate

    Karra eegaan Arsenaal Deevid Raayaa badhaasa karra eegaaf kennamu 'Golden Glove' mo'ate.

    Arsenaal irratti Fuulham galchii tokko lakkoofsisuu dhabuu isaan Raayaa irratti osoo galchiin tokkoyyuu hin lakkaa'amiin taphoonni 17 darbaniiru.

    Waggaa sadiif walitti aansee kan mo'ate Raayaan rikardii karra eegaa duraanii Maan Yunaayitid Vaan der Sariin qabame qixxaateera.

    Doonaarumaan isatti aanee jira. Garuu Raayaan taphoota afuriin waan isa caaluuf injifachuu isaa mirkaneesseera.

    Raayaan yeroo sadii walitti aansee mo'achuun rikardii Peeppee Reenaa, Jooy Hartii fi Edersan qixxaateera.

    Maanchister Siitiin Everteen waliin qixa bahuun isaa ammoo akka Arsenaal waancaa Piriimer Liigii waggaa 22 booda mo'atuuf carraa guddaa kenneeraaf.

  10. Chaayinaatti dhohiinsi warshaatti mudate namoota 26 galaafate, 60 ol madeesse

    Lubbuu baraartonni 1,500 ramadamaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaan biyyattii dhohiinsi warshaa keessatti namoota 26 galaafatee, 61 kan ta'an madeesse kun bulchiinsa Hunan, kibba magaalaa Liuyang keessatti mudate.

    Warshaan dhohiinsi keessatti mudate kun warshaa richiitiiti.

    Balaa Wiixata waaree booda mudate hordofee mootummaan namoota hunda naannawa sana keessaa baasuun, lubbu baraartota 1,500 caalan ramadeera.

    Namoonni gamoowwan kukkufan jalatti danqamanii turan torba lubbuu baraaramaniiru.

    Poolisiin, madda balaa kanaa qorataa jiru, hojjettoota dhimma warshaa kanaa harkaa qaban irratti to'annoo cimaa taasisaniiru.

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing hojiin lubbuu baraaruu xiyyeeffannaa olaanaan akka hojjetamu dhaamsa dabarsaniiru.

  11. Erga namoonni 17 ajjeefamanii jiraattonni Kibba Libaanusii aka bahan Israa'el ajajje

    Israa'el Kibba Libaanus keessaa jiraattonni akka bahan ajaje

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el Kibba Libaanus keessaa jiraattonni akka bahan ajaje

    Israa'elii fi Hezboollaan wal haleeluu itti fufaniiru. Humni Ittisaa Israa'el (IDF) jiraattonni Kibba Libaanus akka qe'ee isaanii gadhiisanii bahaniif ajajeera.

    ''Hezboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu waan cabseef humni waraanaa keenya humnaan tarkaanfii fudhachuu itti fufa'' jedhe IDF.

    IDF Hezboollaan haleellaa lama moortaariidhaan humna waraanaa koo irratti raawwateera jedhe.

    Wiixata kaleessaa haleellaan israa'el Kibba Libaanusitti namoota nagaa 17 ajjeese.

    Erga Kamisa darbee as lakkoofsi namoota du'anii 110 gaheera. Israa'el loltoonni isaanii 17 yerooma wal fakkaataa kana keessatti jalaa ajjeefamuu ibse.

    Hezboollaan haleellaa rokkeettii hedduu irratti raawwachuu Israa'el ibsite.

    Hezboollaan waliigaltee Israa'elii fi Libaanus gidduutti raawwate hin mallatteesine. Garuu yoo Israa'el dhukaasa dhaabde nan dhaaba jedhe.

    Humni waraanaa Israa'el garuu waliigalticha nan eega garuu haleellaa qindaa'aa fi saffisaan narratti raawwatuuf deebii nan kenna jette.

    Mootummaan Libaanus waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf Israa'el himata.

  12. Hoogganaan Juntaa Maalii bakka Ministira Ittisaa hidhattootaan ajjeefamee of muude

    Jen Asimi Gooyitaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Hoogganaa Humna Waraanaa (Juntaa) Maalii kan ta'e Jen Asimii Goyitaa erga ministirri ittisaa biyyattii hidhattootaan ajjeefamee booda bakkasaa of muude.

    Biyyi lixa Afrikaa kun erga hidhattoonni Jihaadistoota ofiin jedhan guutummaa biyyattiitti haleellaa eegalanii amma torbanii oliif goolama hamaa keessa jirti.

    Wayita hidhattoonni (adda baatonni) haleellaa eegalan Ministirri Ittisaa biyyattii Saadiyoo Kaamaaraa manasaa handaara magaalaa guddoo Baamaakootti argamu keessatti ajjeefame.

    Amma Gooyitaan bakkasaa akka bu'u labseera, ajajaan waraanaa waliigalaa Jen Omaar Diyaaraa ammoo gargaaraa isaa ta'uun tajaajila.

    Hidhattoonni Azawad Liberation Front (FLA) jedhamanii fi kanneen al-Qaeda faana hidhata qaban JNIM jedhaman Ebla 25 ture guutummaa biyyattiitti kan haleellaa eegalan.

    Guyyaa sana jiraattonni magaalaa guddoo Baamaakoo fi magaalota Maalii kaanii dhukaasa gurguddoo fi haleellaa hamaadhaan dararaman.

    Hidhattoonni kunneen erga haleellaa guutuu biyyattiitti labsanii magaalaa Baamaakoo walakkaa danqanii jiru.

    Haleellaan hidhattoota kunneenii loltoota Maalii fi hidhattoota Raashiyaa mootummaa Maaliif lolan kaaba biyyattii keessaa akka ba'an dirqamsiiseera.

    Kun cimina mootummaa Jen Asimi Gooyitaa, kan bara 2020 fonqolcha mootummaa aangoo qabatee, shakkii keessa galcheera.

  13. Iraan yoo dooniiwwan US haleelte ''dachee kanarraa dhabamsiifamti'- Tiraamp

    Mohammad Galibaaf fi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock/Handout via Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraanitti dhaadachuu cimseera.

    Gaaffii fi deebii Fox News waliin taasiseen, Iraan wayita oppireeshiniin ''Project Freedom'' jedhamu gaggeeffamutti dooniiwwan US ni haleelti taanaan ''dacheerraa dhabamsiifamti,'' jedhe.

    Iraan mariiwwan nagaa irratti ''salphaatti yaadashee fi ejjennooshee jijiirti'' kan jedhe Tiraamp, ammallee Ameerikaan Iraan caalaa humna waraanaa cimaa qabdi jedhe.

    Tiraamp erga humni waraanaa US Ulaa Hormuuz irratti bidiruuwwan xixiqqoo Iraan saffisaan imaluun haleellaa raawwatan torba barbadeessuu ibsee booda yaada kana kenne.

    Tarkaanfiin kun qaama oppireeshinii dooniiwwan galaanarratti danqaman baasuuti.

    Ameerikaan dirooniiwwan fi misaa'eloota Iraan hedduu qilleensarratti haleeluun kuffisuus ibsiteetti.

    Pirezidantichi dooniiwwan Ulaa Hormuuz irratti danqaman baasuuf oppireeshinii kana kan labse Wiixata ture.

    Ergasii Iraan fi US gidduutti haleellaan eegaleera.

    Iraan gamasheen Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbaa jirti jechuun himatte.

    Iraan bakka bu'uun marii nagaa Islaamaabaad irratti kan hirmaatan Afa yaa'iin Paarlaamaa biyyattii Mohammad Galibaaf, Ameerikaan nageenya Ulaa Hormuuz fi dooniiwwan karaa kana imalanii balaa hamaa keessa buusuu X irratti barreessan.

  14. US fi Iraan galaanarratti wal haleeluu eegalan

    Haleellaa Ulaa Hormuuz irratti

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Pirezidant Doonaald Tiraamp dooniiwwan galaanarratti danqamanii jiran karaa Ulaa Hormuz dabarsuun baraaruuf oppireeshiniin eegaluu ibsee Iraan fi US wal haleeluutti deebi'aniiru.

    Tiraamp oppireeshinii kana Wiixata maqaa ''Project Freedom'' jedhuun labse.

    Biyyoonni lameen Ulaa Hormuuz to'achuurratti wal dura dhaabbachuu cimsaniiru.

    Iraan oppireeshiniin kun kan US ittiin irree ishee agarsiisuuf as baatedha jechuun balaaleffatte.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchiii oppireeshinichi maqaansaa ''Project Freedom'' osoo hin taane walabummaa kan sarbuudha jedhe.