Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Diroonii UK'n hojjette Raashiyaa keessatti haleellaa cimaa raawwate

Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen haleellaa dirooniin akka malee dabaalame. Guyya guyyaa haleellaa biyyoonni lameen wal irratti raawwatan dabalaa deeme.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ergamaan addaa Tiraamp Kushner Israa’el gahe

    Ergamaan addaa Tiraamp Kushner Israa’el gahe. Ministira Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaniyaahuu waliin wal argu jedhamee eegama.

    Kushner Dilbata hogganaa Haamaas waliin Kaayirootti wal arganiiru.

    Kunis Kushnar hoggana Haamaas waliin akkaataa karoora nagaa Gaazaa US deeggartu hojiirra oolchuun danda'amurratti dubbachuu booda.

    Ji'a darbe, Boordiin Nagaa Tiraamp Haamaasii fi gareen hidhatan kaan "guutuutti hidhannoo akka hiikkatan" waliigalteerra gahamuu ibseera.

    Torbee darbe, Israa'el karoora nagaa Tiraamp abbaa qabxii-15, kan humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa akka bahanii fi bulchiinsa haaraa Filisxeem jalatti deebisanii ijaaruu hammate fudhatama dhorkitee turte.

    Biyyoonni musliimaa saddeet ibsa baasaniin ejjennoo Israa'el kana balaaleffatan.

    Traamp Boordii Nagaa Gaazaa ni hoggana - boordicha immoo dhaabbata idil-addunyaa Gaazaatti nagaa buusu godhee hundeesse-boodarra garuu walitti bu'iinsawwan addunyaa kaanis akka hammatu jedhameera.

    Hamas boodarra ibsa baaseen, jaarsolii fi Boordii Nageenyaa, Israa'el karoora tarkaanfilee itti aananiif qophaa'e akka raggaasiftu "akka dirqisiisan" waamicha dhiyeesseera.

    Lammiileen Israa'el hedduun Haamaas ni hiikkata jedhu shakkiin laalu.

  2. Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kana keessatti odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo argattu.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!