Dooniin tokko ulaa Hormuuz keessatti haleelamte

Madda suuraa, AP
Abbaan Taayitaa Hojii Daldala Galaanaa UK akka jedhetti, dooniin tokko Ulaa Hormuz keessa osoo darbaa jirtuu haleellaa qilleensaa hin beekamneen haleelamuu ishee gabaasa argate.
Dhaabbatichi itti dabaluudhaan taatee kun kutaa motora doonii irratti miidhaa kan geessise yoo ta'u, miseensi hojjettoota doonii tokko ammoo du'uu ibseera.
Akka gabaasa kanaatti, Eegdonni Galaana Omaan yeroo ammaa hojjettoota doonii hafan baraaruuf tattaaffii taasisaa jiru.
Taatee kun kan mudate yeroo imallee galaanaa ulaa Hormuz jeequmsa guddaan mudachaa jirutti yoo ta’u, lakkoofsi dooniiwwan ulaa kana fayyadamanii baay’ee gadi bu’eera.
Waraana Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti banan dura guyyaa guyyaan dooniiwwan 130 ol keessa darbaa turan.
Kanaan dura preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Waayit Haawusitti gaazexeessitoota waliin haasa’uun waliigaltee yeroo Iraan waliin qaban dheeressuuf karoora akka hin qabne ibsaniiru.
Akkasumas Teehiraan waliigaltee barbaachisaa ta’ee irra ga’uuf ammallee qophii akka hin taane akka amanan dubbataniiru.



