Waraanni Iraan waa'ee biyyattii waan haaraa maal addunyaa barsiise?

Madda suuraa, Getty Images
Qoccolloon Iraan fi biyyoota lixaa, keessaahuu Ameerikaa, erga eegalee waggoota kurna hedduu lakkoofsiseera.
Garuu biyyoonni kunneen yeroo dheeraaf osoo waraana kallattiin walirratti hin labsin turaniiru.
US wayita biyyoota akka Iraaq, Afgaanistaan, Yaman, Liibiyaa keessatti tarkaanfii waraanaa fudhataa turtellee Iraan keessa humna waraanaashee galchitee hin beektu.
Addunyaan humni waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa ykn Galoo Galaanaa keessa seenee argiteetti, kan Iraan garuu doorsisa irraa kan hafe [keessattuu sagantaa nukilaraa Iraan irratti] qabatamaan tarkaanfiin waraanaa fudhatame hin turre.
Kanarraa ka'uun US fi Iraan kallattiin yoo wal waraanuutti seenan maaltu akka mudatu addunyaa maraaf yaaddoo guddaa ta'ee tureera.
Waxabajjii 2025 wayita Israa'el haleellaa Iraan irratti eegaluun, boodarra US gara Israa'el gortee Iraan haleeluu eegaltu, iji addunyaa gara waraana Iraan deebi'e.
Waraanni sun guyyoota 12f erga gaggeeffamee booda dhaabbatus, yeroo waggaa hin guunne keessatti US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti waraana banan.
Ergasii waan baayyeetu mudate. Waraanichi addunyaarratti dhiibbaa guddaa uume. Waa'ee Iraanis waan nuti beeknuu fi eegaa turreen ala waan haaraa baayyee nu barsiise.
Odeessa kana keessatti waraanni Iraan waa'ee biyyattii addunyaa maal akka barsiise ilaalla.
Iraan waraana US dura dhaabbachuun akka danda'amu agarsiiste
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoota addunyaarratti humna waraanaa cimaa qabaachuun beekaman lamaan- US fi Israa'el, dura biyyi tokko dhaabbattee falmatti jedhee eenyutu yaada?
Ammoo US fi Israa'el haleellaa Iraan irratti meeshaalee waraanaa gurguddoo qaban hunda fayyadamaniiru.
Waraana bara darbe Caamsaa keessa guyyaa 12f gaggeeffame irratti Israa'el misaa'ela ammayyaawaa ittiin beekamtuun Iraan haleelte.
Ameerikaan ammoo boombii ammayyaawaa ta'e kan mancaatii hamaa uumuu danda'uun buufataalee nukilaraa Iraan haleelte.
Yeroo sana Iraan haleellaa US fi Israa'el jalaa dandamachuu dhiisuu dandeessi sodaan jedhu ture.
Haata'u malee Iraan qondaalota hedduu itti dhabdus waraana sana dandamattee inumaa boodarra sadarkaa Ameerikaa faana mariif taa'uurra geesseetti.
Waraana Waxabajjii darbeerratti Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufataaleen nukilaraa Iraan boombii B-2 Spirit jedhamuun guutummaatti barbadaa'uu ibsuun, ammaan booda waa'een nukilara Iraan yaaddoo hin ta'u jedhee ture.
Garuu osoo waggaa hin guutin dhimmuma sagantaa nukilaraa Iraan irratti biyyattiirratti waraana bane.
Tiraamp nukilarri Iraan manca'eera erga jedhee booda akkamiin dhimmuma kana ka'umsa waraanaa akka godhate gaaffii ijoo ture.
US fi Israa'el waraana Guraandhala 28, 2026 Iraan irratti banan irratti misaa'eloota, dirooniiwwan, xiyyaarota waraanaa fi boombiiwwan balaa hamaa qaqqabsiisan fayyadamaniiru.
Waraana Waxabajjii irraa barachuu ibsaa kan turte Iraan, isheenis misaa'elootaa fi dirooniiwwan fayyadamuun haaloo baateetti.
Ameerikaan waraana kana eegaluu dura doonii waraanaa USS Abraham Lincoln jedhamu gara Iraanitti buttee turte.
Dooniin kun meeshaalee waraanaa haleellaaf barbaachisan hunda kan fe'e ture.
Ameerikaan oppireeshinii maqaa ''Operatin Epic Fury'' jedhamuun eegalte meeshaalee waraanaa ammayyaawoo fi teeknooloojiin dabaalaman hedduu fayyadamuun raawwachaa turte.
Xiyyaarota waraanaa B-2 Spirit, F-35, F-15, F-16 jedhaman, misaa'ela Tomahawk jedhamu, dirooniiwwan MQ-9, sirna ittisaa fi humna galaanarraa fayyadamuun haleellaa raawwatteetti.
Israa'elis xiyyaarota waraanaa F-35I, misaa'elootaa fi dirooniiwwan ammayyaa, sirna ittisaa ittiin beekamtu (Iron Dome) fi kaan fayyadamuun Iraan haleelaa turte.
Iraan gamasheen sirna misaa'elaa fi diroonii ishee fayyadamuun haleellaa qindaa'aa US fi Israa'el kan meeshaalee waraanaa ammayyaan dabaalame ofirraa qolatteetti.
Inumaa waraana kanarratti waan haaraa qabattee as baateetti. Dirooniiwwan gatii gad aanaa- Shaahiid jedhamaniin haleellaa raawwachuun yaaddoo uumteetti.
Humna waraanaa US fi Israa'el irraanillee haala kanaan kisaara keessa buuste.
Keessattuu xiyyaarota waraanaa US daangaashee keessatti rukuttee buusuun addunyaatti raajii ta'e.
Kisaaraa xiyyaaronni kunneen jalaa kufuun irra ga'e dabalatee US waraana kanarratti doolaara biiliyoona 25 baasuu ibsiteetti.
US fi Israa'el haala kanaan mootummaa Iraan dadhabsiisuun harka kennachiisuuf yaalanis biyyattiin garuu kana dura dhaabbachuun cichoominaa fi kutannooshee addunyaatti mul'isteetti.
Waraana karaa hidhattootaa gaggeeffamurraa gara waraana kallattii...
Dhimmoota US fi Israa'el ittiin Iraan himatan keessaa tokko Iraan hidhattoota Baha Giddugaleessaa keessa socho'an maallaqa, meeshaalee waraanaa fi leenjii humna waraanaa kennuun tumsiti kan jedhuudha.
Israa'el ''hidhattoonni Iraan hundeessitee Baha Giddugaleessaa ykn Galoo Galaanaa keessa maqaa caasaa diddaa- 'Axis of Resistance' jedhamuun bobbaaste,'' akka biyyaatti yaaddoo ishee ta'uu ibsuun yeroo mara waraana kaastuuf sababa godhatti.
Israa'el fi US hidhattoota ''olaantummaa Iraaniin taliigamu'' jedhaniin kunneen Hizboollaa Libaanos, hidhattoota adda addaa Iraaq keessa socho'an, Huutii Yaman fi Hamaas dabalachuu ibsu.
Kanaaf lolli Israa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamu yeroo dheeraaf al-kallattiin, karaa hidhattoota kunneenii, gaggeeffamaa ture.
Iraan gamasheen hidhattoota hidhachiisuu fi maallaqaan tumsuu ifatti amanuu baattus, kaayyoo hidhattoonni kunneen falmataniif akka deeggartu ibsaa turte.
Keessattuu falmaa Gaazaa fi Libaanos keessatti gaggeeffamu akka tumsitu ifatti gochaan mul'isaa turte.
Israa'el erga Gaazaa keessatti Hamaas, Libaanos keessatti Hizboollaa dadhabsiitee booda kallattiin Iraan irratti haleellaa kan labsite Waxabajjii darbe ture.
Waraanni kun waan eegamaa ture ta'us, garuu Iraan waraana kana dura dhaabbachuunshee yaaddoo guddaa ture.
Iraan garuu waraana karaa hidhattootaan al-kallattiin gaggeessaa turte keessaa bahuun kallattiin Israa'el fi US waliin waraanatti seenuun dura dhaabbachuu akka dandeessu agarsiiste.
Inumaa sirna ittisaa osoo hin qabaatin samii ishee misaa'elaa fi xiyyaarota waraanaa akkaan ammaayaawoo ta'an qolachuun cichoomina ishee addunyaatti agarsiiste.
Kana malees sirna ittisaa Israa'el baayyee cimaadha jedhamu- Iron Dome cabsitee seenuun daangaa Israa'el misaa'elaan haleeluu dandeesseetti.
Hanga ammaatti akka Iraan kanatti biyyi daangaa qilleensaa Israa'el eegumsa cimaa qabaachuunsaa himamuuf cabsee seene hin jiru.
Teeknooloojii waraanaa

Madda suuraa, Getty Images
Iraan biyya teeknooloojii waraanaa kanneen akka misaa'eloota ammaayyaawoo (fageenya dheeraa fi gabaabaa), dirooniiwwan fi maqaa sagantaa nukilaraan maqaanshee addunyaarratti ka'uudha.
US fi Israa'el biyyattiin nukilara gabbisuu akka dhaabdu akkasumas sagantaa misaa'elaa ishees akka dhiistu dhiibbaa uumaa turan.
Tokko kan waraana bananiifis kanumaafi. Iraan garuu dhiibbaa biyyoota kunneen mishoota isaanii lixaa waliin ta'uun irraan ga'an danda'uun sirna misaa'elaa fi diroonii ishee akkaan ammayyeessite.
Kanas bu'aasaa waraana kanarratti addunyaatti mul'iste.
Tiraamp jalqaba yeroo US Iraan haleeltu, misaa'elonni Iraaniifi indastiriin misaa'ela biyyattii ''guutummaan guututti'' barbadaa'a jedhee ture, garuu waa'ee diroonota Iraan hin kaasne.
Iraan garuu waraana kana keessatti muddama guddaa kan uumte dirooniiwwan ishee maqaa Shaahid 136 jedhamuun beekaman kunneen fayyadamuuni.
Dirooniiwwan kunneen dhootuu of keessaa kan qaban yoo ta'u qiyyaafannoo isaanii rukutanii dhohu, miidhaa guddaas dhaqqabsiisu.
Diroononni Iraan dizaayiniifi gatiin isaan oomishuuf bahu rakasa ta'us naannicha irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaniiru.
Dirooniin kun fageenya dheeraa imalee qiyyaafannoo kan rukutu yoo ta'u gatiin isaa dolaara 20,000 - 50,000 tilmaamama.
Dirooniin Shaahid akka diroonota kaanii qilleensarratti fagoodhaa kan to'atamu miti.
Inumaa dursee odeeffannoo qiyyaafannoo dhaqee rukutu itti guutameeti dhukaafama, imalaafis saatalaayitii fayyadama.
Diroonichi hanga fageenya 2,500km imaluu danda'a. Kana jechuun Tehiraanii ka'ee hanga Giriik, Ateens balali'uu danda'a.
Keessumaa misaa'elota baalistikii waliin yeroo wal bira qabamu saffisa olaanaa hin qabu.
Ta'us, hammi isaa xiqqaa ta'uufi gad jedhee balali'uun isaa raadaarii jalaa miliquu isa dandeessisa.
Waliigalatti Iraan waraana kanaaf dirooniiwwan akkaan ammaayyaawoo ta'an (Shaahid-136, Mohajer-6), misaa'eloota baalistikii fageenya giddugaleessaa imalan- (Shahab-3, Fattah-1/2, Keyibar Shekan), akkasumas dooniiwwan xixiqqoo saffisa olaanaan imaluun haleellaa raawwatanii fi konkolaattota waraanaa bara Soviyeet haaressuun fayyadamteetti.
Biyyoota Galoo Galaanaa olaashee ta'anii fi kaan haleeluu akka dandeessu
Iraan osoo US fi Israa'el haleellaa irratti hin labsin dura, waraanni kun yoo eegale kan Baha Giddugaleessaa hundaa ta'uuf akka deemu akeekkachiistee turte.
US fi Israa'el ishee haleellaan buufataalee US Baha Giddugaleessaa keessa jiran akka haleeltu himtee turte.
Ammoo tarkaanfiin isheen fudhattu biyyoota irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane buufataalee waraanaa US biyyasaanii keessa jiru irratti akka ta'e akka hubatan Biyyoota Galoo Galaanaaf ibsitee turte Iraan.
Akkuma akeekkachiifte wayita haleellaan irratti banamu biyyoota buufataaleen humna waraanaa US keessa jiran kanneen akka Qataar, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Sa'uudii Arabiyaa, Iraaq, Jordaan, Kuweet, Jordaan haleeluun haaloo ba'uu eegalte.
Iraan bara darbe ji'a Waxabajjii keessa wayita waraanni guyyaa 12 gaggeeffamu, haleellaa US buufataalee nukilaraa ishee irratti raawwatte haaloo ba'uuf buufata waraanaa US kan Qataar jiru irratti haleellaa raawwattee turte.
Waraana ammaa kanaan garuu biyyoota buufataalee humna waraanaa US keessatti argaman hunda haleelte.
Inumaa boodana kana wayita Israa'el fi US misoomaawwan bu'uuraa isheerratti xiyyeeffatan, Iraanis misoomaawwan bu'uuraa, hoteelota, buufataalee xiyyaaraa, warsahaalee boba'aa fi kaan irratti xiyyeeffachuun biyyoota Baha Giddugaleessaa haleelteetti.
Keessattuu haleellaan Iraan biyyoota diinagdeensaanii cimaa ta'e akka UAE, Qataar fi Sa'uudii Arabiyaarratti raawwachaa turte naannocha waraana balaafamaatti galcha jedhamee sodaatamaa ture.
Iraan fi Sa'uudiin ammoo duraanuu biyyoota walqoollifatan turan, haleellaan kun dhibdeesaanii hammeessuun waraanatti isaan galcha sodaan jedhu tureera.
Garuu biyyoonni kunneen haleellaa Iraan guddoo miidhamanis haleellaa raawwachuun deebii hin kennine.
Ammoo biyyoonni kunneen osooma Iraaniif deebii kennuu barbaadaniillee deeggarsi US yoo bira hin jiraanne humna gitu akka hin qabne tarkaanfiin Iraan mul'iseera.
Iraan biyyoonni kunneen humnoota US akka of keessaa baasan gaafataa turte. Yoo loltoonni Ameerikaa naannocha keessaa bahan malee nagaan akka hin jiraannetti amanti.
Cimina Warraaqsa Rippaablika Islaamummaa Iraan?

Madda suuraa, Getty Images
Warraaqsa Iraan sirna mootii dhabamsiise booda bara 1979 aangoo kan qabatan Ayaatollaa Ruhollaa Komeyinii baruma sana Ebla 11 Iraan biyya Rippaabilika Islaamaa jechuun labsan.
Ergasii US fi Israa'el Warraaqsa Islaamaa Iraan kana adamsuurraa duubatti hin jenne.
Sirni Iraan keessatti olaantummaa guddaa qabu kun doorsisaa fi qormaata biyyoota lixaarraa akkasumas keessoo isaatii isa mudatu dandamatee yoona ga'us, US fi Israa'el dadhabsiisuuf kallattiin waraana irratti banan.
Haleellaa kanaan hoogganaa olaanaa Iraan kan sirna kana tiksanii yoonaan ga'an Ayaatollaa Ali Kaameenii dabalatee aanga'oonni mootummaa fi qondaalonni waraanaa gameeyyiin ajjeefamaniiru.
US fi Israa'el Guraandhala 28, 2026 wayita Iraan irratti haleellaa banan sirna kana laaffisuun biyyattii harka kennachiisuun galmasaanii ijoo ture.
Ayaatollaa Alii Kaameenii ajjeesuun mataansaa sirnichaaf yaaddoo guddaa ture.
Dabalataan hoogganaan Tika Biyyaalessaa Alii Larijaanii, qondaalonni waraana biyyattii garee Basij Aziim Esmaa'i fi Golamreezaa Sulayimaanii, gorsaan hogganaa olaanaa Alii Shamkaanii, ajajaan waliigalaa IRGC Mohammad Pakpuur, hoogganaan humna waraanaa biyyattii Abdulrahiim Musaavii, ministirri ittisaa Aziiz Naasirzaadii, qondaalonni tikaa fi nageenyaa akkasumas qondaalonni waraanaa kaan ajjeefamuun sirnicha yaaddoo keessa galcheera.
Haata'u malee biyyattii hanqinni hoggansaa ishee mudateera osoma jedhamuu yeroo gabaabaa keessatti hoggansa hunda bakka buufachuun sirnicha dandamachuu mul'iste.
Biyyattiin waraanni gaggeessitu giddugala tokkorraa ajaja darbuun taliigamuu akka itti fufus mirkaneessite.
Dhumarrattis warri Ameerikaa sirnuma akka diinaatti fudhachuun haleelaa turan waliin marii nagaaf taa'uuf dirqaman.
US aanga'oota Iraan kan caasaa Warraaqsa Islaamaan hin taliigamne waliin mariif taa'uu barbaaddi.
Garuu biyyattii keessatti sirni Ameerikaan barbaaddu hundaa'uu waan hin dandeenyeef sirnuma jiru faana mari'achuuf dirqaman.
Amma dhimma Iraan hundarratti- marii, waraana, nagaa, dippiloomaasii, kan murteessan aanga'oota sirnicha keessa jiranidha.
Ulaa Hormuuz irratti olaantummaa qabdu

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Iraan dura odeeffannoon waa'ee Ulaa Hormuuz akkasumas ulaan kun hanga kana murteessaa ta'uun baayyee hin beekamu ture.
Iraan ulaa daldala boba'aa fi gaazii uumamaa qulqulluu ta'eef akkaan murteessaa ta'e kana akka cuftu dhaadachuu kan jalqabde amma miti.
Bara waraana Iraan fi Iraaq ''Tanker Wars'', 1980oota keessa ture Iraan Ulaa Hormuuziin dhaadachuu kan jalqabde.
Garuu doorsisi cimaan kan dhagahamuu jalqabe bara 2011-12 wayita Mahmuud Ahmaddiinjaad pirezidantii ture, akkasumas bara 2018 bara pirezidant Hasan Rohaanii ture.
Kunis qoqqobbii Ameerikaa haaloo ba'uuf eegalame.
Ulaa biyyoonni Galoo Galaanaa gara addunyaatti ittiin darbanii fi addunyaan gara Baha Giddugaleessaatti ittiin seentu kana Iraan akka qabeenya seena qabeessaa dantaa ishee ittiin kabachiifattutti ilaalti.
Qabeenya boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u karaa kana darba.
Boba'aan harka 1/5ffaan karaa kana geejjibsiifama jechuudha. Kana malees xaa'oon harka 1/3ffaan karaa kana darba.
Meeshaaleen dhala namaaf murteessoo ta'an- nyaata, uffata, dawaa fi meeshaaleen fayyaa kaan irra jireessaan karaa kanaan gara biyyoota Galoo Galaanaatti ce'u.
Ameerikaan akkuma Iraan nukilara qabaachuu hin qabdu jettee watwaattu Ulaa Hormuuzis to'achuu hin qabdu jechuun dhiibbaa uumti.
Iraan ammoo ulaan kun yoomuu harkashee keessaa akka hin baanee fi addunyaan hunduu akka qabeenyasheetti beekuu akka qabu himti.
Kanarraa kan ka'e waraana kana keessatti dantaa ishee mirkaneeffachuuf ulaa kanarratti yeroo kamuu caalaa to'annooshee cimsite.
Xiyyeeffannaanshee ammoo dooniiwwan warri lixaa, kanneen ''qabeenya diinaa'' jettuun irratti ture.
Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan ulaa kana hin bantu taanaan tarkaanfii suukanneessaa akka fudhatu, giddugala oomisha boba'aa ishee akka mancaasu dhaatee ture, garuu kunis hin taane.
Dhumarratti Iraan ulaa kana marii gaggeeffamu keessatti akka qabxii ijoo tokkotti qabattee dhihaatte.
Wayita waliigalteen dhukaasa dhaabuu jaarsummaa Paakistaaniin irra ga'amu Ameerikaan akka Iraan haleeluu dhaabdu, Iraan akka Ulaa Hormuuz bantu waliigalame.
Iraan yeroof ulaa kana bantus, Ameerikaan ammoo dooniiwwan boba'aa Iraan qabatanii ba'an ugguruu eegalte.
Sababa kanatti biyyoonni lameen waraana dippiloomaasii walirratti eegalan.
Ulaa kana fayyadamuun dhiibbaa walirratti uumuu itti fufan.
Erga waraanni Iraan eegalee dooniiwwan 2,000 ta'an hojjettoota kuma 20 waliin ulaa kanarratti danqamanii jiru.
Dhiheenya kana Tiraamp dooniiwwan kunneen gadhiisisuuf duula ''Project Freedom'' jedhamu, kan humna waraanaa biyyattiin dabalaamee raawwatamu, labsus osoo iddoon hin ga'in adda kuteera.
Iraan qaamni kamuu eeyyama ishee malee gara Ulaa Hormuuz akka hin seenne akeekkachiisuun, inumaa dooniiwwan US irratti haleellaa raawwatteetti.
Amma Ameerikaan karaa nagaan Iraan waliin mari'attee waliigaluu akka barbaaddu ibsiteetti.
Iraan adeemsa kana akka injifannoo guddaa tokko argattetti ibsatteetti.
Biyyoonni lameen dhimma kanarratti garamitti akka bahan marii Paakistaan qindeessaa jirturraa hubanna.
Dippiloomaasii fi ogummaa mari'achuu
Waraanni Iraan kun biyyattiin hariiroo dippiloomaasii fi mariiwwan dhimma biyyattii ilaallatan kamirrattuu dantaashee eegsifachuuf kutannoo fi ogummaa akka qabdu nutti mul'iseera.
Marii waraana kana dura yeroo sadi gaggeeffamerrattis, kan Paakistaan, Islaamaabaad irrattis Iraan qabxiilee dantaa biyyashee eegsisan dhiheeffatteetti.
Ameerikaa fi Israa'el akka Iraan sagantaa nukilaraa fi misaa'elaa akkasumas Ulaa Hormuuz to'achuu dhiistu gaafatu.
Iraan gamasheen dhimmi misaa'elaa qabxii marii akka hin taane fi dhimmoonni kaan garuu haal dureedhaan akka ilaalaman dhiheessiteetti.
Fakeenyaaf US qoqqobbii akka kaastu, beenyaa waraanaa akka kaffaltu, loltootashee akka baastufaa gaafatte.
Bulchiinsi Tiraamp erga Iraan waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'ee booda marii Islaamaabaaditti gaggeesseen bu'aa tokkorrallee hin geenye.
Paakistaan ammallee biyyoota kunneen walitti fiduun mari'achiisuuf tattaafataa jirti.
Garuu marii hanga yoonaa gaggeeffamaniin Iraan warri US irratti olaantummaa argachuu fi inumaa Ameerikaan gama kanaan kabaji ishee gadi bu'uu Chaansilarri Jarmanii Fireedirik Merz dubbatanii turan.
Merz bulchiinsi Tiraamp waraana Iraan kanarratti tarsimoo fi adeemsa sirrii hin hordofne, dhumarratti uummati Ameerikaa hundi akka leeyyan taasise jechuun qeeqan.
Waraanni kun Iraaniif hariiroo dippiloomaasii ishee dabaleera. Erga dhukaasi dhaabbatee ministirri dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchii biyyoota Galoo Galaanaa akkasumas Raashiyaa fi Chaayinaatti imaluun aanga'oota biyyoota kunneenii waliin mari'ataniiru.
Yeroo michummaan biyyoota lixaa fi tokkummaan jaarmiyaa NATO laafee jirutti Iraan hariiroo dippiloomaasii biyyoota Ameerikaan morkatan faana tolfachuun Iraaniif carraa sababa waraana kanaa argamedha.
Abbaas Araagchii wayita Raashiyaa fi Chaayinaa daawwatanitti dhimmoota naannoo fi addunyaarratti dubbataniiru.














