KALLATTIIN, Ameerikaan gara waliigalteetti deebiyuu baannaan mariin akka hin jiraanne Iraan beeksiste

Ameerikaan hanga sanada waliigaltee Islaamaabaad hojiirra hin oolchinetti Teehraan mariif akka hin teenye barreessaan Mana-maree Biyyaalessaa Walabaa Iraan Moohiseen Raazeey dubbate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan gara waliigalteetti deebiyuu baannaan mariin akka hin jiraanne Iraan beeksiste

    Cheezii alaabaa US fi Iraan fuuduraa mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan hanga sanada waliigaltee Islaamaabaad hojiirra hin oolchinetti Teehraan mariif akka hin teenye barreessaan Mana-maree Biyyaalessaa Walabaa Iraan Moohiseen Raazeey dubbate.

    Waan Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "dhageessisuyaada wal dhiitu of keessaa qabuun hin dagatiinaa," jedhe itti dabaluun.

    Tiraamp yeroo tokko 'hin mariyannu' yeroo biroo ammoo 'mariif qophiidha' jechaa ergaa wal faallessan dabarsa jedheera.

    Moohisen Raayizeen, shallaggiin boba'aafi Ulaa Hormuuz waliin walqabatu akka jijjiirameefi bu'aa inni hordofsiisu to'achuuf carraaqqiin taasifamu jijjiirama akka hin fidne dybbateera.

    "Iraan hanga haaldureewwan keesse hin guutamiinitti mariin hin jiru," jedheera.

    Pirezidant Masuud Pezeeshkiyaan dablatee aanga'oonni Iraan biroon guyyoota muraasa darban keessa ejjennoo wal fakkaatu calaqqisiisaniiru.

    Ameerikaan gara waliigaltee Islaamaabaaditti yoo deebiye Iraanilleen itti gaafatamummaa waliigalteen kun gaafatu akka bahattu beeksiseera.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  2. ASHAMAA!

    Akkam jirtu?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isin biraan geenyu jalqabneerra. Kan har'aaf qabanne keessaa:

    Ameerikaan gara waliigalteetti deebiyuu baannaan mariin akka hin jiraanne Iraan beeksisuu,

    DHIYAADHAA!