Waa'ee haleellaa diroonii Maqaleetti raawwatame jedhamee maal beekna?

Magaalaa guddoo Naannoo Tigraay, Maqalee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti haleellaa diroonii raawwateen namootarra miidhaan ga'uu aanga'oonni naannochaa himan.

Haleellaan kun raawwachuu biiroon kominikeeshiniin naannichaa kan ibse yoo ta'u, aanga'oonni olaanoon naannichaas madda oduu AFP jedhamuuf mirkaneessaniiru.

Pirezidantii Itti Aanaa naannichaa fi dura taa'aa itti aanaa TPLF kan ta'an Obbo Amaanu'eel Asaffaa haleellaan diroonii Maqaleetti kan mudate har'a ganama ta'uu AFPtti himaniiru.

''Magaalattii keessatti naannoo manneen jireenyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaan diroonii raawwatameera,'' jedhan Obbo Amaanu'eel.

Miidhaa qaqqabe ilaalchisee garuu odeeffannoo bal'aa akka hin qabne ibsan.

BBC'n dhimma haleellaa kanaa qulqulleessuuf karaa bilbilaa fi iimeelii Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa qunnamuuf yaalee deebii hin arganne.

Biiroon kominikeeshinii naannichaa ibsa Kamisa har'aa (Hagayya 20, 2026) baaseen magaalaa Maqaleetti haleellaa diroonii iddoowwan garaagaraatti mudateen namoota 13 irra miidhaan ga'uu ibse.

Haleellaa raawwateefis mootummaa federaalaa himate.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Mootummaa federaalaas ta'e Raayyaan Ittisa Biyyaa waa'ee haleellaa diroonii raawwate jedhamee hanga yoonaa waan jedhan hin qaban.

Ibsi biiroo kominikeeshinii naannoo Tigraay haleellaawwan diroonii Maqaleetti raawwataman jedhe keessaa tokko, manneen jireenyaa kutaa magaalaa Hawaltii, buufata Moomoonaa, Qaxanaa 27, naannawa Idaamaariyaam jedhamutti argamanirratti ta'uu hime.

Haleellaa kanaan namoonni 13 miidhaa cimaa fi salphaaf saaxilamuu fi gara hospitaalaa geeffamuu ibse.

Haleellaan lammataa ammoo naannawa Kuhaa jedhamutti raawwachuu fi haleellaa isa kanaan garuu namni miidhame akka hin jirre ibse.

Haleellaan dabalataa mudachuu danda'a sodaa jedhuun jiraattonni magaalattii akka of eeggannoo godhan ibsa kana keessatti akeekkachiisi darbeera.

Miidiyaan bulchiinsa naannochaa jalatti bulu TV Tigraay jedhamu haleellaa diroonii naannawa Daa'iroo jedhamutti mudateen haadhaa fi daa'ima naannawa kanatti dhihoo turan irra miidhaan qaqqabeera jechuun gabaase.

Haleellaa diroonii manneen jireenyaa irratti raawwatee fi namoonni nagaan miidhaman wayita wal'aansa fayyaa argatan suuraa mul'isu qoodeera miidiyaan kun.

Erga mootummaan federaalaa fi TPLF Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti waliigaltee mallatteessanii haleellaan diroonii yeroo jalqabaaf Maqaleerratti raawwatamuusaati.

Dhiheenya kana naannoo Tigraay iddoowwan adda addaatti haleellaawwan diroonii mudachuun gabaafamaa kan jiru yoo ta'u, kunis muddamni TPLF fi moorummaa federaalaa gidduutti dhalate daran hammaachuu mul'isa.

Aanga'oonni mootummaa naannoo Tigraay yeroo adda addaatti haleellaan diroonii raawwatamuu ibsuun, kanaafis mootummaa federaalaatti quba qabuun balaaleffataniiru.

Kibxata darbes, Hagayya 18, 2026, haleellaan diroonii magaalaa Maqalee irraa kiiloo meetira 15 fagaattee kan argamtu, Aanaa Dandeeraatti raawwatamuu aanga'oonni naannichaa ibsaniiru.

Hogganaan biiroo kominikeeshinii naannichaa Dr. Abrahaam Hagos ibsa Roobii darbe kannaniin, guyyaa eerame kanatti Aanaa Indaartaa ganda Qadaamaay Woyyaanee, naannawa Dandeeraa jedhamuun beekamutti ''diroonii fi xiyyaara waraanaa Antonov jedhamuun haleellaan lammiilee nagaa irratti raawwatamuu,'' himan.

Hagayya 11, 2026 ammoo Kibba Tigraay naannawa Raayyaa Allaamaaxaa Marwaa jedhamutti haleellaan biraa kan raawwatame yoo ta'u, namni tokko du'ee namoonni sadii ammoo madaa'uu BBCn jiraattotarraa odeeffateera.

Maddeen BBCn yeroo sana dubbise akka jedhanitti haleellaan diroonii kun yeroo sadii naannoo magaalaa Allaamaaxaa irraa gara kiiloo meetira 50 fagaatutti raawwatame.

Mootummaan federaalaa haleellaa irra deddeebiin raawwatame jedhame kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa hin kennine.

TPLF erga bulchiinsa yeroo mootummaan federaalaa naannochatti hundeesse to'atee, ji'oota darban keessa gama lameeniinuu qophiin lolaa taasifamaa akka ture gabaafameera.

Waldhibdeen hammaataa kan dhufe walitti bu'iinsa fiduu danda'a jedhamee sodaatamaa kan ture yoo ta'u, dhiheenya kana naannolee tokko tokkotti walitti bu'iinsaa sodaatamaa ture dhalateera. Haleellaan dirooniin raawwatamuunis irra deddeebiin gabaafamaa jira.

Hagayya 1 mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay naannoo daangaa Sudaanitti argamtu "Sharariinaa" jedhamutti walitti bu'aniiru.

AFPn akka gabaasetti walitti bu'iinsi kun meeshaa waraanaa gurguddaa fi dirooniidhaan kan raawwatame yoo ta'u, dhohinsi, dhukaasni qawwee cimaa fi sagaleen xiyyaaraa dhaga'ameera.

Yeroo sanatti Dura Taa'aa TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamaa kan ture bulchiinsi naannoo Tigraay ibsa guyyuma kana baaseen mootummaan federaalaa "waraana baneera" jechuun himate.

Mootummaan federaalaa taatee kana ilaalchisee ibsa hin kennine, Garuu Ministira Jallisii fi Naannolee Gammoojji akkasumas miseensa koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kan ta'an Dr. Abraham Balaay ''humnoonni TPLF waraana akka banan'' ibsuun himataniiru.

Hoggantoonni TPLF torbeewwan darban walga'ii naannichatti geggeeffaman irratti Paartii Badhaadhinaa aangoorraa buusuuf dhaadataa turuunsaanii dhagahameera.

Dhaadannoosaanii kana ilaalchisee gabaasni walfakkaataan miidiyaalee naannichaa irratti dhiyaachaa ture.

Mootummaan federaalaa haleellaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame ilaalchisee hanga ammaatti ibsa kan hin kennine yoo ta'u, hoggantoonni TPLF waraanaaf qophaa'aa akka jiran gabaasni karaa miidiyaa mootummaan to'atuun ba'aa jira.