Israa'el projektii manneenii iddoo falmisiisaa Weesti Baankitti ijaartuf caalbaasii ifa goote

Suuraa mandara Maale Adumim (Weest Baank) weerara Israa'eliin qabamee pirojektii E1 jedhamutti aanee jiruu Guraandhala 2026

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa mandara Maale Adumim (Weest Baank) weerara Israa'eliin qabamee pirojektii E1 jedhamutti aanee jiruu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Israa'el lafa bakka tarsiimowaa baay'ee murteessaa ta'e, Weesti Baank weeraran qabamatte keessatti, manneen jireenyaa qubannaa 1,200 ta'an ijaaruuf caalbaasii baaste; kun immoo carraa mootummaan Paalastaayin itti hundaa'u dhabamsiisuuf yaalii godhamudha jedhame.

Karoorri ijaarsaa iddoo E1 area- jedhamuu fi Jerusaalem bahaa jiru kun akka seera idild addunyaatti weeraraan waan qabameef yeroo dheeraaf addunyaan balaaleffachaa turte.

Misoomni kun Weest Baank bakka lamatti kan hiru yoo ta'u, Jerusaalem Bahaa addatti mura.

Ministirri Dhimma Alaa UK Ed Milibaand maxxansa caalbaasii bahee balaaleffatan. "Gochaa fudhatama hin qabneefi badii" jedhaniin. "Israa'el karoora ijaarsaa naannoo E1 saffisaan akka dhaabdu, caalbaasii akka haqxuu fi babal'ifannaa lafaas akka dhaabdu" waamicha godhan.

Israa'el erguma Weest Baankii fi Jerusaalem Bahaa weerartee manneen jireenyaa 160 ijaaruun Jewiishota 700,000 qubsiifteerti. Iddoowwan kunneen Gaazaa dabalatee bakka Filisxeemonni biyya isaanii egereetiif jedhanii bara waraana Baha Jiddugaleessaa 1967 abdachaa turani. Iddoowwan kanneen irra Filisxeemota miliyoona 3.3tu jiraata jedhamee tilmaamama.

Osoo addunyaan akka malee mormuu, mootummoonni dhufaa darbaa Israa'el weerarri akka itti fufu heyyaman.

Bara Ministirri Muummee Neetaniyaahuun lammaffaa aangotti deebi'an 2022 kaasee immoo weerarri lafa Filisxeemotaa ittuu hammaateera. Waraanni Gaazaas ni jalqabe, kun immoo haleellaa Onkololeessa 07, 2023 Haamaas Israa'elirratti godheef sababa ture.

Dhiibbaa hawaasa addunyaatiin Israa'el waggoota kurnanootaaf karoora E1 misoomsuu dhaabdee turte.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Michuuwwan ishee baay'eenii fi Filisxeemonni karoorri kun abdii furmaata mootummoota lamaa (two-state solution) ni danqa, Weest Baank bakka lamatti baasa.

Garuu, mootummaan Israa'el amma jiru ijaarsi pirojektii E1 akka itti fufu kan godhe waggaa tokko duraa kaaseti, kun yaada biyya Paalestaayin "haquu dha" jedhamee hubatama.

Manni murtii Israa'el karaa Filisxeemota Beeduyiin naannicha jiraatanii fi garee nagaa Israa'el karoora kana falmus, ministeerri misooma mameenniin caalbaasii ijaarsaa 3401 keessaa kan 1234 maxxanseera. Caalbaasiin kun mootummaa Israa'eliin kan mirkanaaye Hagayya darbe ture.

Ijaarsi kun bal'ina lafaa isquweer kiiloomeetira 12 kan uwwisu yoo ta'u Baha Jerusaalemii fi iddoo weerarame Maale Aduumim jedhamu gidduutti argama.

Ministeerri Maallaqaa Israa'el Beezaalel Simootriich yaadni biyya Paalestiinotaa jedhu "haqamaa akka jiru" dubbatan.

Guyyaan xumuraa caalbaasii Onkololeessa 19, jechuunis filannoo waliigalaa Israa'el Onkololeessa 27 filatamu guyyoota muraasa durseeti. Kun immoo mootummaa itti aanuf karoora caalbaasii maxxanfamee haquun ni rakkisa.

Ministirri dhimma alaa UK ibsa Roobii waaree booda maxxanseen, "Biriiteen of duuba hin deebitu, furmaata mootummoota lamaa jedhamus hin dhiiftu" jedhan.

Ejjennoon UK dhuunfaanis ifattis beekamaadha. Karoora ijaarsa E1 ni mormina. Furmaata mootummoota lamaa deeggaruu itti fufna,"jedhan Milibaand. Dabaluun, "qubannaan hunduu haala kanaa fi seera idil addunyaa kan diigu dha" jedhan.

Milibaand UK'tti ambaasaaddara itti aanaa Israa'eli waajjira dhimma alaatti waamuu fi UK'n sochii mootummaa Neetaniyaahuu akka mormituu fi tarkaanfii kana saffisaan of duuba deebisuu ifatti hubachiisuu" himan.

Milibaand "torbaanota dhufan" mootummaan Biriitish tarkaanfii waliigalaa imaammatoota Israa'el irratti qabu, dhalachuu biyya paalestaayiniif eegumsa godhu, kanneen weerara seeran alaa keessatti qooda fudhatan qoqqobuu fi nagaa waaraa Israa'elii fi Filisxeem jajjabeessu" akka baasu ibsan.

Kaartaa qubannaa Israa'elii fi ijaarsaa lafa Filisxeem West Bank naannawa Jerusaalem keessatti raawwatamu agarsiisu

Israa'e Jordaanii kaasee Baha Jerusaalem dabalatee Weesti Baanki, kan qabatte Waraana Baha Jiddugaleessaa 1967 tureeni. Baha Jerusaalem kan of jala galchite 1980. Tarkaanfiin kun hawaasa idil addunyaa gara caaluun fudhatama hin argane.

Mormitoonni pirojektii E1 akka akeekkachisanitti, pirojektiin kun ijaarsa biyya walabaa Filisxeem guutummaatti danqa.

Sababiin isaas, kaaba Weest Baank kibba isaa irraa addaan kutuudhaan, handhuura naannichaa keessatti magaalota walitti aanan kanneen akka Raamallaah, Baha Jerusaalemii fi Betaliheem walitti hidhamanii akka hin guddanne dhorka.

Peace Now kan jedhamu dhaabbatni qubsuma seeran alaa Israa'el mormu kan dhimma kana mana murtiitti falmaa jiru, akka jedhetti:

"Mootummaan dursee odoo filannoon hin gahin kontraaktaroota waliin waliigaltee mallatteessuuf yaalaa jira. Kun immoo mootummaa itti aanuuf ijaarsa diiguun akka itti ulfaatu godha" jedhe.

Dhaabbatichi dabalataan akka ibsetti, hojiitti hiikamuun gar-tokkee ijaarsa kanaa qofti iyyuu "amaloota lafaa fi istiraateejikaa naannichaa bu'uura irraa jijjiira."

Kunis kaaba Weast Baank kibba isaa irraa addaan kutuun fi Baha Jerusaalem akka addatti baasudhaani."

"E1 keessatti ijaarsa raawwachuun carraan walitti bu'iinsa karaa waaraan furuu ni balleessa. Adeemsa nagaa mootummoota lamaas akkasuma" ni danqa jedhe.

Rogeessi Filisxeem Jerusaalem keessa jiraatu, kan duula Stop the Wall jedhamuun beekamuu Jamaal Jumaa, pirojektiin kun dhiibbaa hamaa Filisxeemotarraan gajha jedhe.

"Hawaasa diiguudha, maatii diiguudha... balaadha kun", jedhe BBC'tti yoo dubbatu.

Hawaasni Beduyiin 40 akka miidhamanii fi buqqa'an himeera.

Dubbii himaan barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Gutaarez "akka malee rifachuu" ibse dhimma caalbaasii kanaan.

"Barreessaan olaaanaan Israa'elii bilbilee akka tarkaanfii kanarraa deebi'an itti dubbatu" ibse.