KALLATTIIN, Iraan yoo US haleellaatti deebite 'tarkaanfii laalessaa' fudhachuun akka haaloo baatu akeekkachiiste

Iraan yoo Ameerikaan bifa haaraan haleellaa eegalte akkasumas Ulaa Hormuuz cufuurraa of hin qusanne ''tarkaanfii laalessaa fi yeroo dheeraaf turu'' fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haatikoo dur jaalala Mooticha Chaarlesiin qabamtee ture- Tiraamp

    Tiraamp yeroo Mooticha Chaarlesii fi Giiftii kamilaa Waayit Haawusitti simatee dubbii taasise

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp yeroo Mooticha Chaarlesii fi Giiftii kamilaa Waayit Haawusitti simatee dubbii taasise

    Tibbana Mootii UK Chaarlesii fi Giiftii Kamilaa UStti kan simatan Doonaald Tiraamp, haati isaa lammii Iskootilaand turte Mooticha Chaarlesiin ''baay'ee bareeda'' jetti ture jedhe.

    Tiraamp haatikoo warra Mootii UK akka baay'ee jaallattu hime. Maqaan ishee Meerii Annee Maakliyood jedhamti.

    Waayit Haawusitti yeroo Mootichaa fi Giiftii Kamilaa simatee dubbii taasisu Tiraamp ''nan yaadadha, yeroo haatikoo ilaali. Yeroo dargaggummaa isaa Chaarles akka bareedu jetti ture'' jedhe.

    ''Amantaa! Haatikoo jaalala mootichaan qabamtee ture'' jedhee baacoo fakkeessee dubbate.

    Harka isaa ol gara samiitti qabee ''Yoona maal yaadaa jirti laata'' jechuun dubbate.

    Haati Tiraamp Meeriin Odola Lewis Iskootilaanditti argamu keessatti dhalattee maatii ishee waliin 1930 gara Niw Yoorkitti godaanuun achitti guddatte.

    "Bakki tokko tokko maatiinkoo waaman garuu dhuguma Iskootilaand keessadhaa? Heebraayidis Iskootiland keessaa? yaadannoo guddaa achii qabu'' jechuun bakka dhaloota harmee isaa hime.

    ''Haatikoo umurii ishee waggaa 19'n gara Ameerikaa dhufte. Asitti abbaakoo nama ajaa'ibaa tahe Fireed waliin wal barte. Baay'ee isa jaallanna. Kanumaan wal fuudhanii waggaa 63 waliin jiraatan,'' jedhe.

    Yeroo Tiraamp kana dubbatu Mootichi Chaarles kolfee xiqqoo akka qaana'uus taheera.

    Meerii Aanee, harmee Tiraamp yeroo umuriin ishee waggaa 14 ture, Iskootilaand

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Meerii Aanee, harmee Tiraamp yeroo umuriin ishee waggaa 14 ture, Iskootilaand
  2. Tiraamp namni pirezidantummaaf dorgomu qorumsa madaallii sammuu fudhachuun dirqama ta'uu qaba jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkaataa pirezidantonni isa dura turan itti yaadan qeequun kan beekamu Pirezidant Doonaald Tiraamp kanaan booda namni pirezidantii ta'u kamuu qorumsa madaallii sammuu fudhachuu qaba jedhe.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanseen ''pirezidantiis ta'e pirezidantii itti aanaa ta'uuf kan dorgomu kamuu dorgommiitti seenuu dura qormaata akkaataa sammuun itti yaadu madaalu fudhachuun dirqama ta'uu qaba,'' jedhe.

    Yoo akkas goone namoonni akka Baraak Huseen Obaamaa fi Joo Baayidan yoo mo'atan nu hin ajaayibu jedhe Tiraamp.

    Bulchaan US kun maqaa Baraak Obaamaa guutuu wayita barreessu ''Huseen'' kan jedhu mallattoo waraabbii keessa kaa'uun ibsuun akkasumas ammoo Joo Baayidaniin ''nama rafaa'' jechuun bifa kajasaanii gadi buuseen ibse.

    Haala kanaan biyyisaa, Ameerikaan, iddoo filatamtuu akka taatu katabe Tiraamp.

    Tiraamp ofiisaatii yeroo sadi qormaata kana fudhachuun akka darbe ibse.

    Akkanni jedhutti marsaa sadi pirezidantii ta'ee tajaajiletti qormaata madaalli sammuu fudhachuun hundayyuu darbeera.

    Tiraamp aangoo pirezidantummaa kan qabate marsaa lama ta'uu addunyaan kan beekuudha, inni garuu yeroo sadi jedhee ibse.

    Filannoo bara 2020 Joo Baayidan injifate Tiraamp akka ofii injifatetti ilaalaa ture.

    Inumaa sagaleen hatameera jechuun bu'aa filannoo erga didee booda biyyattii keessatti jeequmsaaf sababa ta'ee ture.

    Tarii isa itti dabalee marsaa sadi pirezidantii ta'uu isa himata ta'aa? Sirriitti hin ibsine.

    Tiraamp marroo sadanuu qormaata madaallii sammuu wayita darbu doktaroonni milkaa'inni akkanaa pirezidantota duraan turaniin galmaa'ee akka hin beekne itti himuu ibse.

  3. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. US fi Iraan ammas haleellaa walirratti banuuf dhaadataa jiru.

    Iraan yoo US haleellaatti deebite tarkaanfii hamaa fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo haaraa jiruu fi odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!