Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ejansiin UN nukilara to'atu gabbisa nukilaraashee akka ilaalu Iraaniin waliigaluu US himtus Tehraan garuu waakkatte

Marii Siwizarlaanditti gaggeeffame booda, Iraan Ejansiin Anniisaa Atoomikii Adunyaa (IAEA) Iraan seenee gabbisa nikularaa Iraan akka ilaalu ittaanaa pirezidaantiin US JD Vaans dubbachuu hordofee Iraan haalte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan qoqqobbii boba'aa Iraan irra keessee turte laaffiste

    Ameerikaan waggoota booda boba'aan Iraan doolaaraan akka gurgurame eeyyamuun qoqqobbii Tehraan irra ture yeroof laaffisuu ibsite.

    Kunis guyyoota 60f kan turu yoo ta'u, kan ibse ammoo Biiroo Maallaqaa US.

    Yeroo kana keessatti Iraan boba'aa akkasumas oomishaalee peetirookeemikaalaa gurguruu fi gara alaa erguu dandeessi.

    Tarkaanfiin kun akka Iraan boba'aashee kallattiin gara US ergitus ni dandeessisa.

    Dabalataan Iraan daddabarsa maallaqaa karaa baankii, inshuuraansii fi geejjiba irraa qoqqobbii kaasuun hojimaata walxaxaa biyyattiin boba'aashee gurguruuf keessa turte kan furuudha.

    Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beensant Iraan bakka qoqqobbiin irraa laaffifame Ulaa Hormuuz banuuf waadaa galteetti jedhe.

    Akkasumas to'attoonni Ejansii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa sagantaa nukilaraashee hordofuuf akka biyyashee seenan Iraan ni eeyyamti jedhe qondaalli kun.

    Iraan garuu to'attoonni nukilaraa biyyashee ni seenu kan jedhame kana haalteetti.

  2. Ministeerri Ittisaa US maallaqa waraana Iraan irratti baase bakka buusuuf doolaara biiliyoona 80 gaafate

    Ministeerri Maallaqaa US maallaqa waraana Iraaniif jecha baase bakka buusuuf doolaara biiliyoona 80 akka isa barbaachisu mana maree biyyattiif dhiheesse.

    Waajjirri Pirezidantii US gaaffiin maallaqaa kun ammallee ifatti kan hin dhihaanne ta'uu ibsus, Ministirri ittisaa Piit Heegset garuu guyyoota darban gara nana maree deemuun bakka bu'oota uummataa waliin walarguun dhimma kanarratti dubbataa turuu ibse.

    Asoosheetid Pirees (AP) maddeen dhimma kanatti dhihoo jiran garuu ibsuuf aangoo hin qabne irraa odeeffachuun akka gabaasetti, waraana Iraan ilaalchisee gaaffiin bajataa mana mareef kan dhihaate torbee darbe ture.

    Minitsir Ittisaa Itti Aanaa US kan ta'e Istiifan Fayinbarg gamasaan dhimma bajataa kanarratti miseensota mana maree hedduu waliin dubbachuu ibse.

    Dabalataan gaaffiin bajata kanaa bal'inaan waajjira bulchiinsaa fi maallaqaa mana marechaaf dhihaachuu ibse.

    Waajjirri ministeera ittisaa Pentaagan jedhamuun beekamu garuu dhimma kanarratti gaafatamee yaada hin kennine.

    Gaaffiin bajataa dhihaate kun miseensota mana maree Pirezidant Tiraamp Iraan waliin waraanatti seenuu hin deeggarre irraa mormii kaasa jedhamee eegama.

    Miseensonni Ameerikaan waraana Iraan seenuu morman qaala'iinsa jireenyaa lammiilee Ameerikaa mudate akka daafoo waraana kanaatti kaasu.

    Caamsaa darbe waltajjii gaaffii fi deebii mana marechaatti qophaa'e irratti ''waraana uummanni hedduun mormerratti maallaqa lammiilee Ameerikaa dhangalaasaa jirtu,'' jechuun Piit Heegsetittitti dubbatte paartii dimokiraat irraa kan taate miseensi mana marechaa Paatii Maarii.

  3. Ameerikaan konkolaataa Teslaa to'annoon ala tahee lubbuu dabarse qorachuufi

    Qondaaloti geejjibaa Ameerikaa konkolaataan Teslaa akka tasaa karaa irraa maqee mana jireenyaa waliin walitti bu'uun lubbuun nama tokkoo bahuun booda qorannoo eegaluun himame.

    Jimaata darbe halkan sa'atii lama irratti bulchiinsa Teeksaas keessatti konkolaataan Teslaa balaa qaqqabsiisnaan qondaaloti geejjibaa qorannoo gochuu jalqaban.

    Mana jireenyaa konkolaataan Teslaa itti bu'e keessatti dubartiin turte miidhamtee boodarra sababuma balichaan lubbuunshee darbeera.

    Poolisiin akka jedhetti konkolaachisaan yeroo balaa kuni qaqqabe dhugaatis tahe qoricha sammuu hadoochuu fudhatee hin turre. Akka qorattootatti himetti konkolaatichi otoomaatikii tahee ofiin fiigaa ture.

    Dubbi himaan nageenya daandiiwwan Ameerikaa ''waajirri keenya balaa kanarratti qorannoo addaa jalqabeera,'' jedhe.

    Konkolaataa Teslaa kana kan dhuunfatu dureessa addunyaa kanaa Iloon Maask yoo tahu bakka bu'aan dhaabbata konkolaataa kanaa qorannoo irratti taasifamaa jiru irratti deebii hin kennine.

    Gabaasni poolisii akka agarsiisutti konkolaataan Teslaa moodeel 3 jedhamu to'annoo konkolaachisaan ala tahee mana jireenyaa waliin walitti bu'uun lubbuun nama tokkoo darbe.

  4. Sudaan Kibbaa erga biyya taatee yeroo duraaf Muddee dhufu filannoo gaggeessufi

    Filannoo Sudaan Kibbaa ilaalchisee odeessaa sobaa hedduutu himamaa bahe.

    Aangawoonni filannoo Muddee dhufu akka gaggeeffamu himan. Biyyi lafaa dhufti Sudaan Kibbaa bara 2011 erga walabummaa argattee waggoota 15 darbaniif aangoorra kan jiran Salvaakiir Mayaardiit.

    Duraan jalqaba biyyattiitti filannoon jalqabaa bara 2015 gaggeeffamuuf karoorfamuuf ture. Garuu sababa wal waraansaa dheerate.

    Bara 2018 waliigalteen nagaa gaggeeffame mootummaan waloo ijaaramee Salvaa Kiir Prezdantii itti aanaa isaa.

    Riyeek Machaar waliin mari'atanii bara 2022 keessa filannoo gaggeessuuf waliigalan. Inni sababa muddama hooggantoota biyyattii jidduu mudateef osoo hin gaggeeffamin hafe. Muddamni hogganoota biyyattii sana boodas filannoo danquu ittuma fufe.

    Jalqaba bara dabree Riik Machaar aangorraa kaafamee hidhame. Ajjeechaa, biyya ganuu fi yakka namoomarratti raawwatamuun himatamee mana murtii dhiyaate. Inni yakkoota kanneen haaleera.

    Bitootessa bara darbee kaasee magaalaa teessoo mootummaa Jubaatti mana ofii keessatti hidhaarra jira. Lolli kutaalee biyyattii gariin keessatti itti fufeera.

    Jeequmsi kun babal'atee lola guutuutti akka cehuu akka danda'u UN akeekkachiise.

    Muddee 22 dhufutti filannoon akka gaggeeffamu hogganaaan boordii filannoo Abednaagoo Akook Kaakuul beeksisan. Hanqinoonni dawoo seeraa fi faayinaansii qophii filannoorratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'an garuu himan.

    "Fedhiin siyaasaa kan mootummaati, keenya miti" jedhan.

  5. 'Iraan waliigaltee hin kabajju taanan, waanan godhu anuu beeka' - Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga Iraan waliin waliigaltee taasisee asis itti dhaadachuu hin dhiifne.

    Iraan waliigaltee US waliin taasiste hin kabajju taanan "waanan gochuu qabu nan godha" jechuun dubbachuu isaa maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Iraan waliigaltee mootummaansaanii itti walii gale hin kabajju yoo ta'e ykn adaba hin godhattu yoo ta'e, waanan gochuu qabu nan godha," jechuun gaazexeessitootatti dubbate.

    Pirezidaant Tiraamp fi pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliigaltee wal-hubannoo biyyoonni lamaan irratti waliigalan torbee darbe mallatteessanii ture.

    Tiraamp kaleessa, Wiixata, gaazexeessitootatti akka dubbatetti, Iraan maallaqashee jalaa ugguramee tureefi sababa waliigaltee kanaan akka gadi lakkifamu jedhameen bu'aalee qonnaa Ameerikaa irraa akka bittuuf [waliigalame] turuu hime.

    Miidiyaan Iraan Tasnim News ammoo bulchaa baankii biyyaalessaa Abdolnaasiir Hemaatii waabeffachuun akka gabaasetti, Iraan maallaqa sababa qoqqoobiin jalaa qabamee tureefi waliigaltee kana booda gadi lakkifamuun US irraa omishaalee qonnaa bituuf dirqama hin qabdu.

    "Maallaqni sun hundi bifa nyaata bituutiin deebi'ee kan dhufu ta'a. [Iraan] uummata miliyeena 91 tokko qabdi, [uummata kana hunda] sooruu hin danda'an. Kanaaf maallaqni nuti gadi lakkifne naanna'ee qotee bultoota keenya bira dhufa," jedhe Tiraamp.

  6. Iraan ejansii anniisaa atoomikii to'atu akka seenu ni hayyamti isa jedhu haalte

    USfi Iraan Siwizarlaanditti wal-arganii erga mariiyatanii booda Iraan Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) sagantaa gabbisa nikularaashee akka ilaaluf ni hayyamti jechuun ittaanaa pirezidantiin US JD Vaans dubbatee ture.

    Iraan garuu dubbiin JD Vaansa akka waan Iraan tole jetteetti dhiyeesse dhara ta'uu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan miidiyaa biyyattiif akka ibsetti, Iraan to'annoo nikularasheerratti waadaan isheen galte ammatti akka hin jirre ibsite.

    Gama biraan ammoo US qoqqoobbii boba'aa Iraanirra keesse irraa kaaste.

    Kana jechuun Iraan waggoota heddu booda dolaara Ameerikaatiin boba'aashee gabaa addunyaarratti bilisaan gurguratti.

    Marii USfi Iraan dheengadda Siwizarlaanditti gaggeessan booda, jaarsoliin araaraa Qaatari Paakistaan ibsa waloo baasaniin guyyoota 60 keessatti Iraanifi US waliigalteerra gahuuf kallattii kaa'ametti waliigaluu ibsaniiru.

    Pirezidaantiin ittaanaa US JD Vaans mariin jalqabaa taasifame "bu'uurri baay'ee gaarii ta'e kan itti kaa'ameedha" jechuun ibse.

    Iraan gamasheen jijjiiramni gaariin kan itti mul'ate ta'uu ibsite.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo kan har'aa eegaleera.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!